header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaatti Talaalliin COVID-19 Dooziin Biliyoona 3 ol keennamuu gabaafame

Guutuu addunyaatti Talaalliin COVID-19 Dooziin biliyoona 3 ol kan keenname yoo ta’u,  Chaayinaan doozii biliyoona 1.21 keennuun, Akkasumas Indiyaan miliyoona 329.3 keennuun sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa irratti argamu.

Wal duraa duubaan Ameerikaan doozii miliyoona 324.41 keennuun, Biraazil immoo miliyoona 96.91, UK’n doozii miliyoona 77.4, Jarman doozii miliyoona 72.81, Faransaayi doozii miliyoona 52.47 fi Xaaliyaan doozii miliyoona 50.45 keennuun sadarkaa biyyoota talaallii doozii guddaa keennanii qabatanii jiru.

Biyyoota Addunyaa lammilee isaaniif talaallii doozii guddaa keennan jidduu immoo UAE’n lammilee isii 100’f doozii 152.79 keennuun sadarkaa jalqabaa irratti argamti.

UAE’tti aanuun immoo  Maltaan lammilee isii 100’f doozii 147.89 keennuun, Saaychileess doozii 140.3, San Laatinii doozii 130.92, Bahreeyn doozii 123.99, Isra’eel 123.96, Chiliin 117.67, UK’n doozii 113.48, Mongooliyaan doozii 113.47 , Ayiislaand 113.32, Uraaguwaay 110.18, Qaxxar 106.74 fi Hangaariin immoo namoota 100’f doozii 101.86 keennuun walduraa dubaan biyyoota lammilee isaaniif doozii guddaa keennan jalatti kan ramadaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Eega dhuma bara 2019 dhibeen kun argamu labsame booda biyyoota addunyaa 92 keessatti namoonni miliyoona 3.93 ol dhibee kanaan kan du’an yoo ta’u, namoonni miliyoonni 181.48 ol immoo dhibee kanaan qabamuu ragaan Yuunivarsiitii John Hopkins irraa argame ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button