header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Weerarri Vaayrasii koroonaa 3ffaan hammaataa akka jiru beeksiise

WHO’n akka jedhutti, Weerarri Vaayrasii koroonaa gosa Deeltaa jedhamuu biyyoota heddu keessatti saffisa ol’aanaan babal’ataa jira.

Torbeewwan arfan darban keessa weerarri vaayrasii koroonaa saffisa olaanaan dabalaa akka dhufeefi, keessumattuu gosti Covid -19 Deeltaa jedhamu kun yeroo ammaa biyyoota 111 keessatti sadarkaa yaaddessaarra gahuu ibsame.
[wpcv_do_widget id=”wpcv-stats-4″]Walumaa galatti vaayirasichi guutuu addunyaarratti lubbuu namoota miiliyoona 4 ol galaafatee jira.

Vaayrasichi yeroo ammaa Raashiyaa, UK fi Indooneezyiyaa keessatti ariitiin babal’achaa jiraachuullee ibsi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa bahe ni mul’isa.

[wpcv_do_widget id=”wpcv-table-4″]

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button