header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Adaba (Naamusa) nyaata fi dhugaatii

Umar bin Abi Salamata (Radiyallahu anhumaa) ni jedhe, “Ani mucaa(xiqqaa) ta’ee eeggumsa Ergamaa Rabbii ((SAW)) jala ture. Harki kiyya gabataa nyaataa irra asi achi deemaa ture. Ergamaan Rabbii ((SAW)) akkana naan jedhan,”Yaa Mucaa! Maqaa Rabbii dhayi (Bismillaah jedhi), harka mirgaa keetiin nyaadhu, wanta gara keetti aanurraa nyaadhu.” (Sahiih al-Bukhaari fi Muslim)
حَدَّثَنَا عَلِيُّ بْنُ عَبْدِ اللَّهِ، أَخْبَرَنَا سُفْيَانُ، قَالَ الْوَلِيدُ بْنُ كَثِيرٍ أَخْبَرَنِي أَنَّهُ، سَمِعَ وَهْبَ بْنَ كَيْسَانَ، أَنَّهُ سَمِعَ عُمَرَ بْنَ أَبِي سَلَمَةَ، يَقُولُ كُنْتُ Øُلاَمًا فِي حَجْرِ رَسُولِ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم وَكَانَتْ يَدِي تَطِيشُ فِي الصَّحْفَةِ فَقَالَ لِي رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم “ “” يَا Øُلاَمُ سَمِّ اللَّهَ، وَكُلْ بِيَمِينِكَ وَكُلْ مِمَّا يَلِيكَ “”””.” فَمَا زَالَتْ تِلْكَ طِعْمَتِي بَعْدُ”.”
Barnootni sadan Ergamaan Rabbii ((SAW)) mucaa kana jechoota gabaabdun barsiisan:
1. Maqaa Rabbiitin jalqabi
2.Harka mirgaatin nyaadhu
3.Nyaata gara keetti aanu nyaadhu kan jedhu.

Hadiisa 2ffa: “Salamata bin Akwa’a irraa akka odeefametti, namtichi tokko Ergamaa Rabbii ((SAW)) biratti harka bitaatiin nyaate. Ergamaan Rabbii ni jedhsn, “Harka mirgaa keetin nyaadhu.” Namtichi ni jedhe,”Hin danda’u” Ergamaan Rabbis ni jedhan, “Hin danda’in!”
Namticha kana harka mirgaatin nyaachu of jajuu (oftuulu) malee wanti dhoowwe hin jiru. San booda gara afaan isaa [harka mirgaa] kaasu hin dandeenye.” Sahiih Muslim

حَدَّثَنَا أَبُو بَكْرِ بْنُ أَبِي شَيْبَةَ، حَدَّثَنَا زَيْدُ بْنُ الْحُبَابِ، عَنْ عِكْرِمَةَ بْنِ عَمَّارٍ، حَدَّثَنِي إِيَاسُ بْنُ سَلَمَةَ بْنِ الأَكْوَعِ، Ø£ÙŽÙ†ÙŽÙ‘ أَبَاهُ، حَدَّثَهُ Ø£ÙŽÙ†ÙŽÙ‘ رَجُلاً Ø£ÙŽÙƒÙŽÙ„ÙŽ عِنْدَ رَسُولِ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم بِشِمَالِهِ فَقَالَ “”” كُلْ بِيَمِينِكَ “”” “.” قَالَ لاَ أَسْتَطِيعُ قَالَ “”” لاَ اسْتَطَعْتَ “””

Ergamaan Rabbii ((SAW)) ni jedhan:”Isin keessaa eenyullee harka bitaatin hin nyaatin, ammas harka bitaatin hin dhugin. Dhugumatti sheyxaanni harka bitaatin nyaata, harka bitaatin dhuga.” Sahiih Muslim

وَحَدَّثَنِي أَبُو الطَّاهِرِ، وَحَرْمَلَةُ، – قَالَ أَبُو الطَّاهِرِ أَخْبَرَنَا وَقَالَ، حَرْمَلَةُ حَدَّثَنَا – عَبْدُ اللَّهِ بْنُ وَهْبٍ، حَدَّثَنِي عُمَرُ بْنُ مُحَمَّدٍ، حَدَّثَنِي الْقَاسِمُ بْنُ عُبَيْدِ اللَّهِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ، عُمَرَ حَدَّثَهُ عَنْ سَالِمٍ، عَنْ أَبِيهِ، Ø£ÙŽÙ†ÙŽÙ‘ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ “”” لاَ يَأْكُلَنَّ أَحَدٌ مِنْكُمْ بِشِمَالِهِ وَلاَ يَشْرَبَنَّ بِهَا فَإِنَّ الشَّيْطَانَ يَأْكُلُ بِشِمَالِهِ وَيَشْرَبُ بِهَا “”” “.” قَالَ وَكَانَ نَافِعٌ يَزِيدُ فِيهَا “”” وَلاَ يَأْخُذُ بِهَا وَلاَ يُعْطِي بِهَا “”” “.” وَفِي رِوَايَةِ أَبِي الطَّاهِرِ “”” لاَ يَأْكُلَنَّ أَحَدُكُمْ “”” “.”



Akkuma hadiisota armaan olii irraa hubannetti Harka mirgaatin nyaachun dirqama; Uzrii (rakkoo) yoo qabaate fakkeenyaaf harki mirgaa yoo laamshaye fi dhukkubsate harka bitaatin nyaachu danda’a. Garuu uzrii yoo hin qabaatin harka mirgaatin nyaachu qaba. Sababni isaas, 1).Ergamaan Rabbii ((SAW)) harka mirgaatin nyaachu fi dhuguu waan itti ajajee fi harka bitaatin nyaachu fi dhugu waan irraa dhoowwef.
2) Akkuma Ergamaan Rabbii ((SAW)) jedhan sheyxaanni harka bitaatin nyaatee dhuga. Dabalataan kaafironni yeroo baay’ee harka bitaatin nyaatu. Kanaafu, namni Musliimaa harka bitaatin nyaatun sheyxaana fi kaafiroota hordofuu hin qabu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button