header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Makkalaakayaa  Godina Booranaa fi Shawaa bahaa keessatti namoota heddu ajjeese

Guyyaa Kaleessaa Godina Booranaa Aanaa Mooyyaalee keessatti waraanni makkalaakayaa dargaggoota irratti dhukaasuun, nama tokko ajjeesee tokko ammoo madeessuun beekame. Dargaggoo Huseen Soddee kan kaleessa ajjeefame guyyaa hardhaa Sirni awwaalchaa magaalaa Mooyyaaleetti kan rawwaatame tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun guyyaa har’aa Ammajjii 23/2018 Godina Shawaa Bahaa Aaanaa Booraa Magaalaa Maqii keessatti baraattoota ajjeechaa Mooyyaalee fi Waldiyyaatti raawwatame mormuuf bayan irratti waraanni makkalaakayaa dhukaasa baneen, barattoota Sadi ajjeessuun heddu ammoo kan madeesse tahuun beekameera. Kanuma hordofuun mormii ummanni gama har’aa kaaseen daandiin Moojoo gara Shaashamannee geessu kan cufame tahuu, dhaabbata mootummoota gamtoomanitti Ejensiin nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyatti argamu beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button