header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Afrikaa

Isra’eel Gamtaa Afrikaa Keessatti iddoo taajjabdummaa argachuun isii Afrikaa Kibbaa dallansiise

Ministeerri haajaa alaa Afrikaa Kibbaa ibsa baaseen, biyyoota miseensota gamtichaa 55 osoo hin mari’achiisin murtiin dabre, mootummaa Afrikaa Kibbaa kan rifachiise tahuu ibsuun, gamtichi murtii seeran alaa dabarse jechuun yakke.

Waajjirri hariiroo fi deeggarsa idil addunyaa Afrikaa Kibbaa ibsa baaseen “Murtiin kun kandarbe ammoo yeroo Isra’eel lammiilee cunqurfamtoota Falasxiin irratti gara jabeennaan haleellaa boombii raawwataa jirtu; akkasumas yeroo dachii falasxiin dabalataan weeraraa jirtu kanatti tahuun isaa daranuu nu rifachiisee” jedhe. Dabalataanis gochi hammeenyaa isra’eel raawwattu kaayyoofi duudhaa Gamtaan Afrikaa irratti hundaayeen faallaadha jedhe.

Mootummaan Afrikaa Kibbaa ibsa isaa kanaan, Dura taa’aan komishiina Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakhii dhimma kana irratti hatattamaan biyyoota miseensa Gamtichaatiif ibsa akka kennu kan gaafate tahuus beeksise.

Isra’eel Gamtaa Afrikaa Keessatti iddoo taajjabdummaa argachuun isii Paartii Mormituu Afrikaa Kibbaa Economic Freedom Fighters (EFF) jedhamus kan dallansiise tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Paartiin EFF, Musaa Fakhii “mirga namoomaa Falasxii irratti haleellaa raawwate” jechuun angoo akka gadi lakkisu gaafate.

Isra’eel Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa kan duraanii keessatti iddoo taajabdumaa qabdi ture. Haata’u malee dhaabbatichi bara 2003 yeroo gara Gamtaa Afrikaatti jijjiirame irraa kaasee iddoo taajjabdummaa isra’eel qabdu dhoorkee ture.

3 Comments

  1. baayee galatooma qophiin kessani bareedadha xiqqo sila haala yerootiin Wal nuuf qabsiiftanii mashaallah jabadha jzk

  2. Assalaamu Aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu
    Akkam jirtu qopheessitoonnii fi hordoftoonni miidiyaa Nuural hudaa ?
    Nagaa kootti aansuudhaan, ergaan ani dabarfachuu barbaadu, haala yeroo irratti hundaa’uudhaan haala qabatama biyya keessaa fi alaa irratti sirritti nuuf hojjadhaa.
    galatoomaa !!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button