header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Sagantaa haraama hirmaachuun cubbaawuudha-Qophii: Urjii Ahmad

Sagantaan suni maqaa fedheen haa yaamamu. Cidha, eebba, guyyaa dhalootaa ykn du’aa, qabsoo ykn deeggarsa waanuma fedhe haa tahu. Sagantaa sanirratti wanni haraama yoo dirree bahee ka lallabamu ykn dalagamu taate wajjiin hirmaachuun haraama. Yoo osoo hin beeyne hirmaatan eega dhaqan booda badii argan san dhaabsisuu ykn sagantaa sanirraa deemuun dirqama.

Rabbiin ol tahe akki je’e:
وَقَدْ نَزَّلَ عَلَيْكُمْ فِي الْكِتَابِ أَنْ إِذَا سَمِعْتُمْ آيَاتِ اللَّهِ يُكْفَرُ بِهَا وَيُسْتَهْزَأُ بِهَا فَلَا تَقْعُدُوا مَعَهُمْ حَتَّىٰ يَخُوضُوا فِي حَدِيثٍ Øَيْرِهِ Ûš إِنَّكُمْ إِذًا مِّثْلُهُمْ

“Dhugumatti kitaaba keeysatti gama keessan buufnee jirra, yeroo aayaata Rabbii kan didamu ykn faalleefamu fii hanjamaan isiitti godhamu dhageessan wajjiin hin taa’inaa hanga haasawa biraa keessa seenaniitti. (yoo wajjii teessan) isinis cubbaawoo akka isaaniiti”Suuraa Nisaa’i: 140

Imaamul Qurxuubiin aayaata tana biratti akki je’e, “isaan wajjiin yeroo isaan waan haraama dalagan, badii fii hamtuu Rabbi jibbu yeroo dalagan wajji taa’uun kufrii fii jallina isaanii san jaalachurraahi. Rabbiin warra wajji taa’uun isin akkuma isaaniiti je’een. Cuftii nama bakka maasiyaan itti dalagamtu wajjiin taa’ee, kan sagantaa sanirratti badii sanirraa dhorguuf hin dhaqin cubbuu keessatti isaan wajjiin wal qixa. Hoggaa isaan cubbuu Rabbiin jibbe dubbatanii fii hojjatan dhaabsiisuuf yaaluu qaba. Yoo dhorguu hin dandeenye bakka sanirraa deemuu, fagaachuu ykn dhaquu dhabuudha”

Haafiz ibnu Hajar aayaata tana jalatti yaada kennatee jira. Akkana ja’a, “Aayaata tana keessatti ragaa ifa galaa warra dharaa wajjiin taa’uu dhorguutu jira, warra badii fii baaxila dalagan kan bid’aa adda addaa hojjatan, warra ajaja Rabbii tarkaanfatan hoggaa isaan badii sanitti jiran wajji taa’uun dhorgaadha”

Hadiisa keessatti Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam,
(مَثَلُ الْجَلِيسِ الصَّالِحِ وَالْجَلِيسِ السَّوْءِ، كَحَامِلِ الْمِسْكِ وَنَافِخِ الْكِيرِ، فَحَامِلُ الْمِسْكِ، إِمَّا أَنْ يُحْذِيَكَ، وَإِمَّا أَنْ تَبْتَاعَ مِنْهُ، وَإِمَّا أَنْ تَجِدَ مِنْهُ رِيحًا طَيِّبَةً، وَنَافِخُ الْكِيرِ، إِمَّا أَنْ يُحْرِقَ ثِيَابَكَ، وَإِمَّا أَنْ تَجِدَ رِيحًا خَبِيثَةً)
“fakkaataan nama wajji taa’anii kan gaarii dalaguu fii badii dalaguu, akka nama shittoo baadhatee deemuu fii akka nama buufaa ibiddaa afuufuuti. Kan shittoo ba’atee deemuu shittoo irraa bitta ykn foolii gaarii isarraa sitti dhufa. Ka buufaa ibiddatti afuufu takkaa huccuu tee guba ykn foolii ajaawaa irraa fudhatta”Bukhaarii fii muslim baase.

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam hadiisa biraa keessatti, “Namni hundi amantii waahila isaatirra jira, kanaaf hundi keessan eenyu saahiba godhattanii ifirraa laalaa”ja’an. Hadiisa biraa keessatti, “namuu warra jaalatu taha”jechuuti jira.
Rabbiin ol tahe ummata isatti hin amanne, kan ajaja isaa faalleesanirraa akka fagaannu nu ajaja. Isaan nu jallisuu malee qajeelloo Islaamummaa akka hin jaalanne addeessee himeera. Rabbiin ol tahe Quraana kabajamaa keessatti akkana ja’a:
وَاللَّهُ يُرِيدُ أَن يَتُوبَ عَلَيْكُمْ وَيُرِيدُ الَّذِينَ يَتَّبِعُونَ الشَّهَوَاتِ أَن تَمِيلُوا مَيْلًا عَظِيمًا

“Allaah isiniif araaramuu jaalata garuu warri fedhii lubbuu isaanii jala deeman akka isin jallina guddaa jallattan fedhan”Suuraa Nisaa’i: 27

Imaam ibnu Kasiir aayaata tana jalatti akki je’e, “jala deemtoonni sheeyxaanaa warri akka kiristaanaa fii yawuudaa, warri mushrikaa fii sagaggaagltoonni akka isin haqarraa gama dharaatti jallattan fedhan.”

Kuni hundi sagantaa amantii Isaanii, sagantaa haraama keessatti dalagan kan farshoon keessaa dhugamu, daansiin keessaa caffaramu, dubraa fii dhirtii qullaa wal keessa gajafan, irreecha ja’anii amantii Rabbiin karaa hin godhiniin Rabbi kadhatan hundi asuma jala seena. Ammoo jireenya keessatti, bakka cubbuun hin dubbatamnee fii hin hojjatamnetti wajjiin taa’uun dhorgaa miti.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button