header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Sheeyxaanni baaxilatti (sobatti) suuta suutaan nama waama.

Sheeyxaanni baaxilatti (sobatti) suuta suutaan nama waama.

Sheeyxaanni nama Muslimaa zinatti kuffisuun dura dubartii waliin kophaa akka taa’u, ishii waliin haasawuu fi ishii dhungachuutti isa harkisa. Eegasii karaa haraamatiin wal qunnamuudha. San booda badiin guddaan zinaan ni raawwatama.

Jechaa Rabbii olta’aa yaadadhu:

“Yaa warra amantan kotteewwan (tarkaanfilee) sheyxaanaa hin hordofinaa. Namni kotteewwan (tarkaanfilee) sheyxaanaa hordofe, inni(sheyxaanni) gocha fokkataa fi jibbamaa ta’anitti ajaja.” Suuratu an-Nuur 24:21

“Wantoota fokkatoo ta’an kan mul’ates ta’i kan dhokate itti hin dhiyaatinaa.” Suuratu Al-An’aam 6:151
“itti dhiyaachu”jechuun gochoota badiitti nama geessan hojjachuu jechuudha. Islaamni dhiironni dubartii waliin akkuma argan walitti makamu irraa akka of eeganiif akeekachisee jira. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Dubartootatti seenuu of eeggadhaa.”Ansaara irraa namtichi tokko akkana jedhe, “Al-Hamwa ilaalchisee maal jettaa?”Ergamaan Rabbis ni jedhan, “Al-Hamwu du’a.” Sahiih Al-Bukhaari 5232

Al-Hamwu jechuun fira dhiirsa ishii kan ta’eedha. Kan akka obboleessa isaa, ilma abbeeraa isaa, ilma eessuma isaa fi kanneen biroo.
Kuni hundi kabajni namootaa wanta fokkuu keessatti akka hin kufne eegu fi karaa zinaatti nama geessu cufuufi.
Rabbiin nu haa tiiksu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button