header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSaayinsiif Teknoolojii

Makiinaa Shofeera Malee Deemtu

Amma booda Shofeerri gursaa buleefii shofeerri machaawes yaaddoo takka malee makiinaa oofuuf deema. Konkolaataan kun Self Driving Car jedhama. Self-Driving jechuun makiinaa ofiin of oofu jechu. Shofeerri keessa taa’ee rakkina akka tasaa mudatu horfofuu malee, wanti inni godhu heddus hin jiru. Makiinaan kun Kaameraafii Seensara kallattii hundaan qaba. Konkolaataa isa dura jiruufi isa booda jiru, akkasumas ka isa cinaan jirus Kaameraafii Seensara kanatti fayyadamee adda baafata. Yoo osoo makiinaan deemaa jiru namni akka tasaa afoo bu’es, bakkuma jirutti dhaabbata. Yoo Shofeertichi akka dhaabbatu barbaades ofumaa bakka banaa barbaadatee dhaabbata. Dabaltaan mallattoolee Traafiikaa kan karaarra jiran hunda adda baafachuu ni dandaha. Kanaafuu bakka saffisa makiinaa hir’isuun barbaachisutti ofumaa suuta deema. Bakka ari’uun barbaachisuttis ni fiiga.

Keessumattuu yeroo ammaa kana Kaampaaniin Uber makiinaa kana tajaajila taaksiitiif hedduminaan itti fayyadamuu eegalee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button