header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Munshid Muhammad Awwal Saalah gara ganda Akhiraa godaane

Innaa Lillaahi Wa’innaa Ileeyhi Raaji’uun

Munshid Muhammad Awwal Saalah yeroo dheeraaf dhibee onnee kan dhukkubsataa ture yoo tahu, halkan edaa gara ganda akhiraatti godane.

Muhammad Awwal Saalah dhibee yeroo dheeraaf isarra ture kanaaf osoo harka hin kennatin Nashiidaawwaanii fi Muunzuumaawwan gorsa cimaa qaban qopheessee hawaasa Muslimaatiif dhiheessaa ture. Kana malees da’awaa fi qophiiwwan dhimma Islaamaa irratti yeroo hunda adda durummaan hirmaachuun beekama.

Sirni awwaalcha Muhammad Awol Saalah har’a waaree boda magaalaa Finfinnee iddoo qabrii Kolfetti kan raawwatamu tahuunis beekamee jira.

Muhammad Awwal Saalah’f Rabbiin haa araaraamu, Jannatul Firdowsiinis haa waffaqu. Maatii fi hawaasa Muslimaa bal’aaf ammoo sabrii haa kennu jenna!

31 Comments

  1. As wr wb akami Rabbii isanii haa Araramuu jenataa fiddosii hawinafii😭😭😭😭😭

  2. سلام عليكم ورحمة الله وبركاته. اللهم اغفر له وارحمه واسكنه الفردوس الاعلى

  3. Inan Ilaha Waina Ilayi Raji, un a Rabbii Olla Nabii Muhammad Sallalahu Aleyihi wossallam isa haa qubbachisu inshaa Allah

  4. Innaa lillaah wa’innaa Ileyhi Raaji’uun munaashidni Muhammed Awwal Salih gara fuula Rabbii deemuun isanii heeddu natti dhagahamee wanti godhaan hin lubbuun gaafaa dhalatee dutee. Rabbiin isaaf haa araaramuu. Maatii fi firoottaniif sabrii fi sabaata isaaniif haa kennu isaan Rabbiin jannataan isaan haa gammachuu😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button