Leenjiin imaamootaa fi daa’iwwanii Majliisni Oromiyaa qopheesse, Sabtii har’aa Hagayya 22/2013, Godina Gujii Bahaa magaalaa Adoolaa Waayyuutti jalqabamee jira.
Leenjii kana irratti Imaamotaa fi daa’iwwan aanaalee fi bulchiinsa magaalaa irraa affeeraman hirmaataa jiran. Sagantaa kana irratti Itti Aanaan Prezdaantii majlisa Oromiyaa Sheikh Abdulhamiid Ahmad fi walitti qabaan imaamotaa fi daa’iwwanii majliisa Oromiyaa Sheikh Amiin Ibroo, akkasumas Walitti qabaan boordii majliisa Oromiyaa Injinar Gaali Abbaaboor sirna baniinsaa irratti argamuun dhaamsa dabarfatanii jiru.
Xumura Leenjii kanaa irratti hirmaattotaaf waraqaan ragaa kan kennamu tahuus odeeyfannoon majliisa Oromiyaa irraa argame ni addeessa.
Baruumsi madda qaroominaati. Biyya jijjiiruu keessatti gumaatni inni qabu guddaadha. Nama barateetu waa adda baafatee…
Qaamni ilma namaa hundi dalagaa uumameef qaba. Akkasuma qaamni hundi eega sa’aa dheeraaf dalagee booda…
Ilmi namaa seera uumamaa dhiisee seera ofii baaseen eega of bulchuu jalqabee booda nageenyi addunyaa…
Uumama Rabbiin keenya uume lakkoofne fixuu hin dandeenyu. Wanti hundi bifa fi sanyii garagaraa qaba.…
Ulaagaan bareedinni ittiin madaalamu seenaa addunyaa tanaa keessatti garaagarummaa qaba. Wanti waggoota 500 dura akka…