header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Salaata

Istikhaarah

Istikhaarah jechuun Rabbiin wanta irra gaarii ta’etti akka nama qajeelchu kadhachuudha. Salaanni Istikhaaraa salaata yeroo dhimmi lama namarratti wal makate isa gaarii ta’e Rabbiin akka nama filachiisuuf salaatamuudha. Fakkeenyaaf, Kaadhimataa fi kaadhimamtuun Rabbii olta’aa irraa kheeyri barbaaduun istikhaarah istikhaarah godhuun isaaniif jaallatamaadha. Kunis kan ta’u, raka’aa lama salaatun ergasii du’aayi gochuudha.

Hadiisa Jaabir bin Abdullah gabaase keessatti waa’ee istikhaarah haala kanaan ibsa:

Ergamaan Rabbii (SAW) akkuma Qur’aana irraa suurah nu barsiisu dhimmoota keessatti istikhaara akka goonu nu barsiisaa ture. Ni jedha, “Tokkoon keessan dhimmi wayii yoo isa yaachise (dhiphise), salaata dirqama (waajiba) ta’aniin alatti raka’a lama erga salaate booda akkana haa jedhu:

اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْتَخِيرُكَ بِعِلْمِكَ وَأَسْتَقْدِرُكَ بِقُدْرَتِكَ، وَأَسْأَلُكَ مِنْ فَضْلِكَ الْعَظِيمِ، فَإِنَّكَ تَقْدِرُ وَلاَ أَقْدِرُ وَتَعْلَمُ وَلاَ أَعْلَمُ وَأَنْتَ عَلاَّمُ الْØُيُوبِ، اللَّهُمَّ إِنْ كُنْتَ تَعْلَمُ Ø£ÙŽÙ†ÙŽÙ‘ هَذَا الأَمْرَ خَيْرٌ لِي فِي دِينِي وَمَعَاشِي وَعَاقِبَةِ أَمْرِي Ù€ أَوْ قَالَ عَاجِلِ أَمْرِي وَآجِلِهِ Ù€ فَاقْدُرْهُ لِي وَيَسِّرْهُ لِي ثُمَّ بَارِكْ لِي فِيهِ، وَإِنْ كُنْتَ تَعْلَمُ Ø£ÙŽÙ†ÙŽÙ‘ هَذَا الأَمْرَ شَرٌّ لِي فِي دِينِي وَمَعَاشِي وَعَاقِبَةِ أَمْرِي Ù€ أَوْ قَالَ فِي عَاجِلِ أَمْرِي وَآجِلِهِ Ù€ فَاصْرِفْهُ عَنِّي وَاصْرِفْنِي عَنْهُ، وَاقْدُرْ لِي الْخَيْرَ حَيْثُ كَانَ ثُمَّ أَرْضِنِي بِهِ

“Allaahumma innii astakhiiruka bi’ilmika, Wa astaqdiruka bi-qudratika, Wa as’aluka min fadlikal-aziim Fa-innaka taqdiru Walaa aqdiru, Wa ta’lamu Wala a’lamu, Wa anta ‘allaamul-ghuyuub. Allaahumma, in kunta ta’lamu anna haaza-lamra Kheeyrun lii fii diinii wa ma’aashi wa’aaqibati Amri (yookiin ‘aajili Amri wa’aajilihi) faqdirhu lii wa yas-sirhu lii summa baarik lii Fiihi, Wa in kunta ta’lamu anna haaza-lamra sharrun lii fii diinii wa ma’aashii wa’aaqibati Amri (yookiin fi’aajili Amri wa ajilihi) fasrifhu annii wasrifnii anhu. Waqdur liil-kheeyra heeysu kaana Summa ardinii bihi.’

“Yaa Rabbii! Ani beekumsa keetiinin si filachiifadha. Dandeettii Keetiinin dandeettii Si kadha. Tola Kee guddaa irraas Si kadha. Ati ni dandeessa ani hin danda’u. Ati ni beekta ani hin beeku. Ati Beekaa waan hin mul’anneeti. Yaa Rabbi yoo dhimmi kuni amantii kiyya keessatti, jireenyaa fi booddee (Aakhirah) kiyya keessatti gaarii naaf ta’uu beekte, isa naaf murteessii naaf laaffisi. Ergasii barakaa keessa naaf kaa’i. Yoo wanti kun amantii kiyya, jireenya kiyyaa fi booddee kiyyaaf hamaa ta’uu kan beektu ta’e, isa narraa deebisi; anas isarraa na deebisi. Bakkuma jirutti toltuu naaf murteessi. Ergasii wanta sanitti akka gammadu na taasisi.”Ergamaan Rabbii (SAW) “haajaa ofii haa dubbatan”jedhan.” Sahiih Al-Bukhaari 1166

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button