Ijaarsa Koolleejjii Islaamaa Jimmaatiif  Dhagaan Bu’uuraa Kaayame

 Ijaarsa Koolleejjii Islaamaa godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti ijaaraamuuf, guyyaa kaleessaa iddoo hoggantoonni mana marii Dhiimmoota Islaamaa Itoophiyaa fi Naannoo Oromiyaa akkasumas ulamoonni fi hawaasni muslimaa Lakkoofsan hedduu ta’e argameetti dhagaan bu’uuraa kaayamu gabaafame.

 

Koollejjiin kun lafa Kaare Metira 11,000 Irratti ijaaruuf kan karoorri qabame yoo ta’u, Wollakkaan bajata ijaarsa isaas argamuu fi Kan hafe Ummata hirmaachiisuun xumuruuf karoorri qabamuu odeeyfannoo ni addeessa.

Comments
Loading...