header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Makkalaakayaan Magaalaa Qobbootti Nama Heddu Ajjeese.

Naannoo Amaaraa godina Walloo Kaabaa Magaalaa qobboo keessatti haleellaa waraanni Makkalaakayaa ummata irratti raawwateen, yoo xiqqaate namoonni torba kan ajjeefaman yoo tahu tahu, Ummannis tarkaanfii fudhateen loltuun makkalaakayaa tokko kan ajjeefame tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Waraanni makkalaakayaa xayyaara waraanaa irraa gara ummataatti kan dhukaasaa ture akka ta’eefi ummanni magaalattiitis dallansuudhaan Waajjira Bulchiinsa magaalattii dabalatee waajjiraalee mootummaa heddu ibiddaan barbadeessee jira.
Walitti bu’iinsa guyyaa kaleessaa irraa jalqabee adeemaa jiru kanaan Konkolaatonni mootummaatii fi dhaabbiileen adda addaa akka gubamanii fi daandiin Konkolaataa gara magaalaa Qobboo geessu hunduu waan cufameef sochiin kan dhaabbate tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button