header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Qoqqoodamiinsa Hawaasummaa Indiyaa (caste System)

Addunyaa tanarra biyyoota ummata heddu qaban keessaa Indiyaan Sadarkaa lammataa irratti argamti. Amantii heddu qabaachuunis biyyoota beekkaman keessaa isii takka. Biyyi tun garuu seera addaa kan namni ofumaan tolchee ittiin wal cunqursuun qabdi. Kunis Caste system jedhama. Seerri Caste jedhamu kun, seerota akkaan fokkataa ta’an keessaa isa tokko.

Seerri ummata gosaa fi amantiin qoqqooduu kun Waggaa 3000 dura jalqabe. Seerri caste kun hordoftoota amantii Hinduu qofa irratti xiyyeeffata. Seerri kun ummata amantii hinduu horodfu bakka afuritti qoqqooda. Akka amantii isaaniitti, namni dachii tanarra jiru hundi Braahmaa (gooftaa Hinduu) irraa uumame. Qoqqoodamiinsi Afran Kunniinis Braahmaa, Shaatriyaa, Vaayishyaa fi Shudraa jedhamu.

Akka amantii Hinduutti, Braahmaa warri jedhaman, Mataa gooftaa isaanii irraa uumaman. Kanaafuu, namoonni kunniin Umrii isaanii guutuu, barsiisotaa fi qeesota ta’anii turan jechuudha. Warri lammataa Shaatriyaa kan jedhaman yoo ta’u, isaan ammoo irree Brahmaa irraa uumaman. Irreen ammoo mallattoo jabeenyaa waan ta’eef, ummanni kun loltootaa fi bulchitoota ta’anii ramadaman. Vaayishiyaan ammoo garee sadaffaa, tafa Brahmaa irraa uumamaniidha. Isaan kunniin ammoo daldalaa fi qonna irratti hirmaatan. Gareen Afraffaa Shudraa jedhaman. Isaan kunniin ammoo miila gooftaa isaaniirraa waan uumamaniif, warra dalagaa humnaa dalagan jedhamanii ramadaman.

Gareen kunniin hundi umrii isaanii guutuu akkasumatti jiraatan. Qeesonni umrii isaanii guutuu qeesuma ta’anii turu. Warri dalagaa humnaa dalagus warruma dalagaa humnaa qabu ta’anii turu. Garee biraa keessatti ramadamtee Qeesii ta’uudhaaf yaaduun dhoorkaadha. Sadarkaa kanniin afraniin ala ammoo ummata Daalit jedhamanii waamamantu jiru. Ummanni kun warra sadarkaa hin qabne yoo ta’an, miilaa gad akka jiran amanama. Akka ilma namaattis hin laakkawaman. Kanaafuu dalagaan ummata kanaa, balfa garagaraa qulqulleessuudha. Mana fincaanii fi balfa hunda ummata kanatu qulqulleessa. Ummata Daalit kanaaf, mana baruumsaa seenanii warra hinduu waliin baratuun hin eeyyamamuuf. Meeshaan ummanni kun tuqe akka najisaatti laalama. Yeroo ammaa kanatti sababuma kanaaf, Daalitoonni heddu Amantii Hinduu dhiisanii gara Islaamummaa, Kiristaanummaa fi Budihisimii seenutti jiran. Keessattuu namoonni gara Islaamummaa seenaa jiran daran dabalaa jiru. Sababaan ammoo Islaamummaa keessa qoqqoodamiinsi akka warra Hinduu dhabamuu isaati. Islaamummaa keessa ammas namni Gurraachi Adii, Adiinis gurraacha wanti caaluun hin jiru. Yoo Sodaa Rabbiitiin taate malee.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button