header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Saalaa

Saalaan  hoosiftoota Afriikaa fi Eeshiyaa keessatti baay’inaan argaman keessaa isa tokko. Bifaanis bineensa Gadamsa wajjiin walitti dhiheenya qabuudha. Saalaan sanyiiwwan garagaraa heddu qaba. Guddinni qaama isaatis garaagarummaa qaba. Gariin isaanii xixiqqoo akka Hilleensaati. Gariin ammoo gurguddaadha. Averajiidhaan hedduun isaanii re’ee ni caalu.

Saalaan bosona keessa qubate waggaa 8 hanga 10 akka jiraatu himama. Kanneen madaqfamanii manaa fi Paarkii keessa jiraatan garuu waggaa kana caala akka jiraatan qorannoon ni garsiisa.

 

 

 

 

Sooranni Saalaan bal’inaan sooratu marga. Kanaaf jireenyaaf eddo margi baay’inaan jiru filata. Humna diina ofirraa ittiin ittisus waan hin qabneef, bosona marga dhedheeraa qabu keessa jiraachuu filata. Haa ta’u malee bosona keessaa diina biraa heddu qaba. Leenci, waraabessi akkasumas wayta bishaan dhuguuf gara lagaa deemu ammoo naachaan adamsamee nyaatama. Sanyiin Saalaa gariin ammoo gaara dhagaa heddummaatu irras bal’inaan ni jiraatu. Isaan tokko tokko ammoo naannoo gammoojjii hoo’aa keessas ni jiraatu. Margi haa jiraatu malee isaaf bakki hin taane hin jiru. Kanneen naannawwa caffee keessa jiraatanis ni jiru.

 

 

 

 

Saalaan Humna diina ofirraa ittisuun jabaa qabaatuu dhabus, haga humna isaatiin diina jalaa haala ittiin baqatu ni mijeeffata. Saalaan gareen jiraatu, baay’ina qabutti fayyadamuun heddummaatee diina ofii gamtaan ofirraa ari’a.  Saalaan qaamaan xiqqaatu immoo muka jalatti dhokatee diina jalaa miliqa. Margaa fii baala babal’aa jalattis ni dhokata. Gariin immoo fiigichaa fii utaalchaan diina jalaa miliqa.

Saalaan Dhaltuun yeroo heddu ilmoo takka qofa dhalti. Garuu al takka takka lakkuus ni dhalti. Rimeeyni Saalaa hanga ji’a 8 tura. Garuu ilmooleen Saalaa diina hedduu qabu. Kanaaf haati mala gargaraa fayyadamti. Fakkeenyaaf  hedduun isaanii yeroo dhaluuf ta’an bosona akkaan tuucha’aa ta’e keessatti dhalan. Ilmoolee isaanis baalaa fi marga jalatti fageessanii dhoksan. Ilmoon dhalate kun marga kana jalaa kan bahu yoo haati mucha isa hoosisuuf dhufte qofa. Kanaan ala haga gaafa jabaatee fiigicha baratutti bakka dhokfame kanaa hin bahu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button