header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Gosti Vaayirasii Koroonaa Omicron jedhamu saffisaan tatamsa’aa jiraachuu gabaafame

Gosti vaayirasii koroonaa Omicron jedhamu kan argame tahuu, torbee sadi dura saayintistoonni Afrikaa Kibbaa beeksisan. Omicron gosoota vaayirasii Koroonaa hanga ammaatti argaman hunda caalaa hamaa fi saffisa ol’aanaan kan daddarbu tahuus ibsame. Haaluma kanaan yeroo ammaa kana yoo xiqqaate biyyoota addunyaa 14 keessatti saffisaan tatamsaaa jiraachuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Vaayirasichi talaalliiwwan hanga ammaatti hojjataman dandamachuu mala sodaan jedhu jiraatus, saayintistoonni garuu dhimma kun ammatti hin mirkanoofne jedhaa jiran. Kanuma hordofuun Ameerikaa fi biyyootni lixaa hedduun, Afrikaa Kibbaa fi biyyoota naannawa sanitti argaman irraa imaltoonni gara biyya isaanii akka hin seenne ugguraa jiran.

Mootummaan Ameerikaa guyyaa hardhaa Nov 29,2021 irraa kaasee qoqqobbii imalaa biyya Afrikaa Kibbaatii fi biyyoota biroo 7 irra kaaee jira. UK fi gamtaan Awurooppaatis biyyoota qoqqobbii wal fakkaataa kaa’an keessatti argamu.

Gama birootiin immoo prezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaan tarkaanfii qoqqobbii biyya isaaniitii fi biyyoota ollaa irra kaaame kana “kan buuura saayinsii hin qabnee fi haqaan malee, loogiidhaan biyya keenya irra kan kaa’ame waan taeef ammuma kaafamuu qaba.”Jechuun mormee jira. Mr. Raamoofoosaan itti dabaluudhaanis, ‘Afrikaan Kibbaa gosa vaayirasii kanaa adda baastee beekuu isiitiif silaa jajjabeeffamuu qabdi malee haala kanaan adabamuu hin qabdu’ jedhe.

Weerara vaayirasii koroonaa waggaa lama dura Chaayinaa irraa ka’uun addunyaa waliin gahe kanaan, guutuu addunyaa keessatti hanga ammaatti namoonni miiliyoona 5 fi kuma 200 ol lubbuu dhabanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button