header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Eddoolli Kaaribiyaan  Bubbee hamaan dhahamte.

Bubbeen Irmaa jedhamu kun Har’a Eddoola Faransaay kan naannaawa Kaaribiyaatti argamutti gamoowwan heddu barbadeesse.

Ministeerri haajaa biyya keessaa Faransaay, Jeeraard Kolomb akka  jedhetti “Balaa bubbee kanaan gamoowwan jajjaboon Afur kan Magaalaa Saint Maartiinitti argaman barbadaawaniiru, balaan walfakkaatu Eddooluma tana  kutaa Nezerlaand kessaattis Mudateera “jedhe.

Bubbeen cimaan kun gara sadarkaa  obomboleetti kan guddate yoo tahu, saa’aa 1 keessatti kiilomeetira 295 deema. obomboleettiin kun Kaaribiyaan irra bubbisaa amma Ameerikaa kibbaatti dhihaachutti jira,

obomboleettiin Harvey kan dhihoo kana kutaa Teksaas dhahe nama kuma dhibba hedduu baqachiisuun, nama 30 ol ajjeesee qabeenya guddaas barbadeessuun ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button