Dhangala’oowwan haalaan qaalii tahan keessaa muraasa

Dhangala’oowwan armaan gadii kanneen gatiin haalaan qaalii tahan keessaa muraasa yoo tahan, Gatiin armaan gaditti kaahame hundi gatii gabaa Ameerikaa October 2021 keessa ture tahuu hubannoo keessa galchuun barbaachisaadha.

  1. Liquid paper (gaaloonni tokko Dolaara 200) gaaloona 1 jechuun Litira 3.7

Dhangala’aan kun dhangala’aa dogoggora barreeffamaa ittiin sirreessuuf gargaaruudha. Biyya keenyattis Fluud jedhamuun beekama. Dhangala’aan kun bara 1956tti dubartii Beetii nesmiiz graahaam jedhamtuun dalagame. Dubartiin tun taayippistiidha. Yeroo heddu dogongoraan waan tokko yeroo heddu irra deddeebitee katabdi. Waan yeroo 2 katabde kana sirreessuun waan hin dandayamneef, Furmaata rakkoo kanaatiif dhangala’aa kana hojjate. Dubartiin tun boodarratti dalagaa irraa ari’amtus, waggoota itti aanan 17f dhangala’aa kana manuma ofii keessatti qopheessaa gurgurataa turte. Bara 1979tti warshaa isii kan dhangala’aa oomishu kana doolaara miiliyoona 475niin kaampaanii Jiileet jedhamutti gurguratte.

  1. Penicilin ( gaaloonni tokko Doolaara 300)

Dhangala’aan kun Dawaalee Anti Bioitic tahan keessaa isa tokko. Dhangala’aan kun bara 1928titti nama Alekzaander Fleming jedhamuun hojjatame. Namni kun osoo qorannoo gaggeessaa jiru, sahaana midhaan irratti nyaatan tokkorratti fangasii ykn arrii arge. Achi booda xiyyeeffannaan qorachuu eegale. Wayta gadi fageenyaan qoratu, bakka fangasiin itti biqile kana baakteeriyaan hin jiru. Baakteeriyaan naannoo sanirraa dhabamuun isaa ajaa’iba itti tahe. Namni kun Arrii kana adda baasuun akka guddatu taasise. Kana booda fangasii san keessaa dhangala’aa muraasa eega baaseen booda baakeeriyaawwan garagaraa irratti naquun yaalii godhe. Yaalii isaatiinis ni milkaaye. Dhangala’aan inni argate kun yeroo amma hospitaala hunda keessatti dawoomaaf tajaajila. Dawaan kun gaaloonni tokko doolaara 300.

  1. Patchouli Essential oil (gaaloonni tokko Doolaara 810)

Dhangala’aan qaaliin kun baala Pogostemon jedhamurraa hojjatama. Baala kanarraa dhangala’aa oomishuun dalagaa guddoo barbaada. Tahus dhangala’aa shittoo tolchuuf barbaachisu keessaa tokko tahuu isaatiin faaydaan irraa argamu guddaadha. Dabalataanis dhangala’aan kun cinqii ofirraa laaffisuudhaaf tajaajila. Akkasumas madaawwaan garaagraa wal’aanuuf, infekshinoota garagaraatiifi rakkoo cirracha kaleetiifis dawaadha.

  1. Dhiiga ilma namaa (Gaaloonni 1 Doolaara 1,500)

Nama qaama guddaa qabu keessa dhiiga leetira 5 tahutu jira. Dhiigni kunis Plaazmaa fi seeliiwwan garagaraa of keessaa qaba. Qaamni keenya dhiiga kana malee socho’uu hin dandayu. Harraan  tana namoonni hedduun dhiiga tola gumaachutti jiru. Haa tahu malee dhiiga gumaachame san qulqulleessuu fi kuusanii kaayuun dalagaa jabaa namarraa barbaada. Gatii isaa kan akkaan qaalesses isuma kana.

  1. Gamma-Hydrobutyric Acid (GHB) (Gaaloonni 1 Doolaara 2,600)

Dhangala’aan kun rakkoowwan akka narcolepsy, rakkoo hirriba dhabuu, cataplexy fi Alcoholism wal’aanuudhaaf tajaajila. Dhangala’aan kun uumamumaan kan argamu yoo tahu, sirna Narvii wiirtuu keessatti argama. Dabalataan Inaba irraa, Muduraa Sitrus fi Foon horii irraa hojjatamuu dandaya. Dhangala’aa kana gurguruun biyyoota heddu keessatti dhoorkaadha. Haa tahu malee biyyoota heddu keessatti maqaa dhoksaatiin ni gurgurama.

  1. Nail Polish (Qalama qeensaa)

Dubartoota qeensa isaanii qalama hin dibanne barbaadanii arguun ulfaataadha. Qalamni keessaa dukkaana hundatti gurguramu kun gaaloonni tokko doolaara 900 oli yoo jennee isiniif himne dubbii sobaa isinitti fakkatuu dandaya. Garuu gatiin isaa akkasuma. Dhangala’aan kun dhaloota Iisaa dura bara 3000tti chaaynaa keessatti oomishamuu akka jalqabe himama. Mootonni wayta sanitti biyya bulchan bifa Warqii fi Silver fayyadamaa turan. Halluu kanatti aansuun Gurraacha fayyadaman. Qalama kana qopheessuufis wantoota uumamaan argaman fayyadamuu turan. Dubartoonni masriitis bara durii irraa jalqabanii qalama qeensaa kana ni fayyadamu. Arraan tana qalamni warri chaaynaa duraan wantoota uumamaan argamurraa dalagaa turan, keemikaalota garagaraatiin jijjiiramee jira. Qalamni qeensaa Gaaloonni 1 ykn litirri 3.7 Doolaara 900.

  1. Black Printer ink (qalama Priintaraa gurraacha) Gaaloonni 1 Doolaara 2,700)

Qalamni Priintaraa gurraachis dhangala’aa qaalii keessaa isa tokko. Qalamni priintaraa gosa heddutu jira. Kan qulqullina qabu (Orjinaalli) barreeffama bareechee Print godha. Gatiin isaatis qaaliidha. Walumaa galatti qalamni priintaraa gurraachi kan orjinaala tahe gaalonni tokko doolaara 2,700 oli.

  1. Meerkurii

Waa’ee dhangalaa kanaa amma dura waan heddu dhagahuu hin ooltan. Namni waan kana leetira tokko argatee dureessa jabaadha jedhamee nutti himamaa ture. Dubbiin haasawamu kun guututti dhugaa tahuus baatu, hundi sobaa miti. Meerkuriin dhangala’awwan haalaan qaalii tahan keessaa isa tokko. Dhangala’aan kun dhangala’aa Plaaneetii  Meerkurii jedhamturraa dhufuu miti. Meerkuriin sibiila yeroo hunda bifa dhangala’aatiin tururraahi. Dhangala’aan kun qaama ilma namaa keessa seennaan haalaan nama miidha. Meerkuriin karaa madaatiin ykn fooliin isaa heddummaatee yoo gara sombaa seene, Sirna narvii qaama keenyaa balleessuu dandaya. Kalee fi Tiruun keenyas dhangala’aa kanaan miidhamuu dandayu. Duraan dhangala’aan kun termomeetira ittiin hojjachuuf tajaajilaa ture. Amma garuu dhangala’aan hamaan kun dhangalaa’aa biroo kan miidhaa guddaa hin qabneen jijjiiramutti jira. Haa tahu malee Indastriiwwan keemikaalaa, warri sibiila oomishanii fi Warri Qonnaatis dhangala’aa kanatti haalaan haajamu. Meerkuriin gaalonni tokko Doolaara 3,400.

  1. Insulin (Gaaloonni 1 Doolaara 9,400)

Insuliniin qaama keenya keessatti rajiijii keessatti argama. Rajiijiin qaama keenya keessatti argamu yoo miidhame, qaamni keenya dhangala’aa qaalii kana hin qabaatu. Dhangala’aan kun jiraachuun isaa hammi glukoosii qaama keenya keessa jiru haala gaarii irra akka turu, akkasumas qaamni keenya yeroo hunda ijaarsa amansiisaa akka qabaatu taasisa. Insuliiniin dhukkuba sukkaaraa wal’aanuudhaaf  haalaan barbaachisaadha.

  1. Chanel No. 5 (Gaaloonni 1 Doolara 26,000)

Dhangala’aan kun shittoowwan haalaan qaalii tahan keessaa isa duraati. Bara 1922 irraa kaasee hanga arraatti gabaa sadarkaa duraa irratti too’atee jira.

4.Dhiiga Horseshoe Crab (Gaaloonni 1 Doolaara 60,000 )

Dhiigni uumama kana keessa jiru Hemogloobina hin qabu. Bakka san Waan Hemosayaanin jedhamu qaba. Kanaafuu bifti dhiiga isaa cuquliisa. Wayta baakteeriyaan dhiiga kanatti makamu, dhiigni sun saffisaan itita. Amalli kun ammoo warra fayyaa biratti faaydaa guddaa qaba. Qorattoonni uumama kanniin qabanii eega dhiiga isaanii keessaa waraabanii booda gad dhiisu. Sababa kanaaf saayintistoonni gariin cinqamutti jiru. Eega dhiigni kun keessaa waraabamee booda, uumamni kun jiraachuu fi du’uun isaa heddus amansiisaa miti. Kanaafuu uumamni kun dachii tanarraa dhabamuu dandaya. Ogeeyyiin fayyaa dawaa haaraya hojjatan hunda jalqaba dhiiga uumama kanaatiin qoratu. Kanaaf dhiigni uumama kanaa faaydaa guddaa qaba.

  1. LSD (Gaaloonni 1 Doolaara 123,000)

Dhangala’aan kun, dawaalee sammuu namaa hadoochan hamaa keessaa isa tokko. LSD’n  Fangasii shamerraa kan dalagamu yoo tahu, hayisaa fi midhaan tokko tokko keessattis argamuu dandaya. Harraan tana dhangala’aa kana gurguruun biyya hunda keessatti dhoorkaadha. Biyyoota tokko tokko keessatti, karaa seeraan alaatiin ni gurgurama. Walumaa galatti LSD’n dhangala’aa haalaan hamaa tahee fi haalaan qaalii tahe keessaa isa tokko.

  1. Summii bofa xaraa (king Cobra) ( Gaaloonni 1 Doolaara 153,000)

Bofni King Kobraa jedhamu, bofa haalaan hamaa tahe keessaa isa tokko. Bofni kun yeroo tokko qofa idde Arba guddaa ajjeesuu dandaya. Namoonni ammoo summii hagana hamaa tahe kana bofa keessaa waraabuuf jecha lubbuu isaanii rakkoo keessa buusu. Summiin kun ija nama buunaan nama jaamsa. Haa tahu malee summiin kun dhukkuboota akka Parkinson fi Alzheerimii wal’aanuu keessatti faaydaa guddaa qaba.

  1. Summii Qaajjibbuu (Gaaloonni 1 Doolaara 39,000,000)

Qaajjibbuun uumamaalee summii hamaa qaban keessaa isa tokko. Qaajjibbuun Arizona bark jedhamu ammoo lubbuu namaatis galaafatuu dandaya. Sanyiiwwan qaajjibuu kan biro ammoo uumama xixiqqaa yoo taate malee hedduun isaanii nama hin ajjeesan. Haa tahu malee summiin isaanii dawoomaaf haalaan barbaadama. Rakkoolee akka Multiple Sclerosis, Rheumatoid arthiritis, fi inflammatory bowel disease jedhaman wal aanuuf tajaajila. Qaajjibbuun tokko summii haalaan xiqqaa tahe qaba. Summii qaajjibbuu kana walitti kuusuun dalagaa ulfaataadha. Akkasuma summii heddu argachuuf qaajjibbuu kumaatamaan lakkawaman walitti qabuun dirqama. Kanaaf summiin qaajjibbuu dhangala’aa faaydaa qabu hunda keessaa haalaan qaalii tahe.

Gosootuma dhangala’aa keessaa kan summii qaajjibbuurra qaalii tahanis ni jiru. Kanneen keessaa tokko gosa farshooti.

Farshoon D’Amalfie Limoncello supreme jedhamu farshoo qaalii dachii tanaati. Farshoon kun cuunfaa Loomii gaara Amaalfii kan Itaalii keessatti argamurraa tolfama. Sababaan farshoon kun qaalaweef ammoo,  Qaruuraan farshoo kanaa diyaamandii 3 kan kaaraata 13 ulfaataniin kan qadaadame yoo tahu, jidduurratti ammoo diyaamandii kaaraata 18.5 tahutu jira. Haa tahu malee haga ammaatti qaruuraan dalagame 2 qofa. Namni farshoo kana qaruuraa tokko bitachuu fedhe, Doolaara Miiliyoona 43.64 kafaluu qaba. Sababaan qaalawiinsa isaatis diyaamandii qaruuraan ittiin qadaadame malee, farshoo qaruuraa keessatti argamuu miti.

 

View Comments

Recent Posts

Daa’iin beekamaan kun akkamitti Islaamummaa qabate?

Rabbin faarsuun jalqabna. Isa faarsina, isa gargaarsifanna, araarama isa kadhanna. Badii teenyarraa isatti maganfanna. Akkasumas…

14 hours ago

Onneen teenya guyyaa tokkotti dhiiga liitira 7200 ta’u geejjibdi

Barruu Mata duree Dhahannaa Onnee jettu dubbistanii jirtuu? yoo dubbisuu baattan LINK kana tuqaa dubbisaa.…

18 hours ago

Nama waggaa 70f somba sibiilaatiin harganaa jiru

Diizaayinarri khawnii hundaa Rabbii guddaadha. Isaatu uumamaalee hunda akka isaaniif malutti uume. Qocaa dhakka ba’achiisee…

1 day ago