header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

RISAA

RISAAN Allaattiiwwan gurguddoo keessaa isa tokko. Allaatiin kun naannoo tokko tokkotti Culullee jedhama. Naannoo garitti immoo Joobira jedhama. Risaan Allaattii samiirra barrisan keeysaahis Sadarkaa duraa irratti argama. Addunyaa kanarra sanyiin Risaa haga 60tu argama. Sanyiiwwan Risaa kanniin keessaa inni baay’inaan beekamu bald eagle jedhama. Bald eagle jechuun Risaa molaayaa (kan rifeensa hin qabne) jechuu ta’us, mataa irraa rifeensa ni qaba. Haa ta’u malee rifeensi isaa kun qaama kaan irraa haala adda ta’een bifa adii qaba.

Guddinni Risaadhaa sanyii isaarratti hundaa’a. Haala sanyii irratti hundaa’ee Risaan tokko 40cm irraa kaasee hanga 1m dheerata. Kooluun Risaa tokko ammoo yoo xiqqaatee dheerinna qaama Risaadhaa dachaadhaan caala. Kanaafuu kooluun Risaa tokko hanga meetra lamaa dheerata jechuu dha.

Risaan allaattii samii keessatti waa hunda moohee jiraatu keessaa tokko. Samii keessaa simbirroota xixiqqoo fi simbira halkanii qabee soorata. Lafarraa ammoo hoosiftoota xixiqqoo akkasumas bishaan keessaa qurxummii adamsee soorata. Kana hunda gochuudhaaf Risaan ija qaroo ajaa’ibaa qaba. Ijji isaa samii keessa ol fagaatee hantuuta xiqqoo lafarra deemtu ilaalee arguu dandeetti.

Faallaa kanaan garuu uumamni Risaa adamasee sooratu hin jiru jechuun hin danda’amu. Risaan allaatii rahmata hin qabne keessaa isa tokko. Waan nyaatuu barbaade gara laafina takkaan malee cicciree ajjeesa. Kanaaf ummata heddu biratti Risaan akka fakkii jabinaa fi humnaatti fudhatama. Alaabaan biyyoota hedduutis akkasumas aasxaan isaanii Risaa of irraa qaba. Kunis jabinaa fi diinaaf rahmta dhabiinsa isaanii ittiin damboobatuudhaafi. Bineensonni biroo ilmoolee Risaa yeroo isaan xiqqoo ta’an qofa ugganii itti dhihaatan.

Sanyii ofii bakka buusuudhaaf Risaan muka dheeraa irratti ykn ammoo gaara ol ka’aa irratti goojjoo ijaarti. Goojjoo kana keessattis hanqaaquu lama buusti. Ji’a tokko booda cabsitee ilmoolee keessaa baasti. Akka qorannoon heddu addeessutti ilmoolee lamaan dhalatan jidduu garaagarummatu jira. Inni tokko isa kaan irraa jabaadha jedhama. Kanaaf jecha yeroo heddu inni irra jabaa isa irra laafaa ajjeesa.

Rabbiin keenna Risaadhaaf qaama ajaa’ibaa kennee jira. Ija ajaa’ibaatis isa badhaasee jira. Akkasumas qaama guddaa qabaatus samii keessa fagaatee deemuu danda’a. Qoffeen isaa qal’aa yoo ta’u, miila ajaa’ibaa akka barbaadetti isaaf ajajamu qaba. Qoffeen qal’aan kun foon lafee irraa haala salphaan quuncisee baasuu isa dandeessisa. Lukti isaa ammoo bineensa adamsame san haga bakka barbaadee qabatee deemuuf isa gargaara.

Miilli Risaa Afaan ingiliffaatiin talon jedhama. Miilli isaa kun humna jabaa qaba. Lafarraa ta’e, bishaan keessaa bineensa adamsamu haala salphaan akka qabatu isa gargaara. Gama biraatiin bineensa adamse san qabatee qilleensa keessa barrisuuf isa gargaara. Miilli isaa kun humna jabaa qaba yoo jennu humnuma akka keennaa hin sehinaa. Bineensa ulfaatinaan isa caalu qabatee qilleensa keessa sa’aatii dheeraaf barrisuu danda’a. Miilli Risaa kun quba afur ofirraa qaba. Qubbeen kunniin ammoo qeensa guddaa gad caafamaa ta’e qabu. Inni kunis bineensota qabaman sanniin haala gaariin walitti cum’ee qabuuf isa gargaara.

Risaan qoffee humna jabaa qabu kan gara fiixee isaatiin qal’aa ta’e badhaafamee jira. Qoffee kanaan fayyadamee bineensa qabate sooratuun dura, sammuu isaa keessa waraanee ajjeesa. Erga ajjeeseen booda soorata. Qoffeen Risaa kun albuuda Keeratin jedhamu irraa ijaarame. Kanaafuu akkuma rifeensaa fi qeensa ilma namaa jiruu isaa guutuu guddina hin dhaabu.

Mee amma hojii Risaa keessaa waan ajaa’ibaa tokko isinitti haa himnuu. Qocaan duyda isaa irraa qola akka dhagaa jabaatu kan qabu tahuun ni beekama. Sababaa kanaaf qocaa bineensi sooratu hedduus hin jiru. Yoo diinni itti dhufe dhagaa san keessatti jalaa ol deebi’a. Risaan garuu qocaa yoo argate haala ajaa’ibaatiin ajjeesee soorata. Osoo samiirra barrisutti jiruu yoo qocaa lafarratti arge, saffisa isaa haala dinqisiisaa taheen dabalee itti dhufee lafarraa ol buta. Eegasii samii keessa haalaan ol fagaatee deema. Eega samii keessa fagaatee booda naannoo dhagaan heddummaatu barbaadee gubbaa sanii gad dhiisa. Achi booda qocaan kun samii gubbaa darbamee wayta dhagaa irratti lafa dhahu, qolli akka dhagaatti jabaatu sun irraa caccabee foon isaa qofti kophaa hafa. Yeroma san Risaan faana dhufee butee deemeenii soorata.

Maal kana qofa. Bineensa lubbu qabeeyyiin hundi sodaatan bofa xaraa summii hamaa qabus Risaan argannaan hin dhiisu. Bofa xaraa summii qabu akkamitti itti dhihaata jechuun keessan hin oolamu. Deebiin laaftuudha. Rabbiin Risaadhaaf humnaa fii mala ajaa’ibaa kenneef. Osoma samii keessa jiru bofa qabachuu barbaadu kana akka gaaritti ija isaa ajaa’ibaa tanaan xiinxalee laala. Kallattii sammuun bofa kanaa jiru eega adda baafatee booda, saffisa ajaa’ibaatiin itti dhufee mataa isaa qabee lafaa buta. Ammas bofni harka hin kennatu. Mataan isaa qabamus qaama isaa kan hafeen itti maramee ofirraa baasuuf yaalii godha. Risaan immoo isa caalaa mala biroo beeka. Eega mataa isaa qabeen booda akka itti hin maramne jalaa miliqaa samii keessa oliin fagaatee gad dhiisa. Bofni kun akkuma lafa gaheen du’a, yeroo garii gogaan bofaa bakka lamatti irraa qiinxama. Wayta san Risaan dhufee qabee deemeenii soorata. Hayyama Rabbiitiin Risaan tokko waggaa 35f jiraatuu danda’a.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button