Aadaawwan ajaa’ibaa biyyoota garagaraa keessatti rawwataman

Deenmaark

Deenmaark keessatti dhiirri osoo hin fuudhin waggaa 25 yoo guute bahee galuuf hedduu rakkata.

Aadaan kun Deenmaark naannoo tokko tokkotti haalaan beekamaadha. Dhiira osoo hin fuudhin waggaa 25 gahe yoo argan, qabanii barcumaa irratti hidhan. Achi booda maatiin isaa wal gahee muka qarafaatiin darbachuu eegala. Yeroo muraasaaf eega muka qarafaatiin darbatanii booda hiikanii gad dhiisan. Adabbiin duraa tun akka gorsaati. Achi boodas waggaa shaniif carraan biroo ni kennamaaf. Gaafa waggaa 30 guutes qabanii hidhan. Amma akka gaafa duraa muka qarafaa osoo hin taane, qaccee yookaan qaaraadhaan darbatan.

Taywaan

Ta’ziyaan Taaywaan ammoo tanuma baasaati. Akka biyya keenyaa wayta namni du’e walitti qabamanii booyuu osoo hin taane, dubartoota bikini uffatan mallaqaan qaxaranii shubbisiisu. Dubaroota bikinii uffatan kan ta’ziyaa irratti shubbisaniif haga Doolaara 800ttu kafalama. Aadaan kun ammas ni jira. Dhiheenyuma kana namni siyaasaa beekamaan tokko du’ee, dubartoota bikini uffatan 15 mallaqaan qaxaranii shubbisiisaa oolan. Bakka namni du’etti maaliif akka shubbisan wanti beekamu hin jiru. Garuu isaan biratti aadaa beekamaadha.

Faransaay

Faransaay keessatti nama du’etti heerumuun ni dandayama.

Aadaan kun Suudaaniifi Chaayinaa keessas ni jira. Garuu kan Faransaay haala addaatiin gaggeeffama. Aadaan kun hedduminaan yeroo Waraana Addunyaa keessa raawwatamaa akka ture himama. Fakkeenyaaf dhiirri tokko dubartii takka eega qaadhimatee booda yoo waraanaaf manaa bahee achitti du’e, dubartiin qaadhimaa isaa taate tun iyyannoodhaaf gara waajjira Prezdaantii biyyattii deemti. Waajjirri prezdaantii biyyattii gara ministeera haqaa qajeelcha. Ministeerri haqaa ammoo maatii gurbaan irraa du’e yaamee hayyamuu isaanii eega gaafatee booda gara waajjira prezdaantii biyyattii deebisa. Haala Kanaan gaa’elli raawwatama. Inni du’ee qabrii jira. Isiin ammoo bakka inni hin jirretti aruuza gootee gammachuun ililchaa oolti. Sababaan waan kana raawwataniif ammoo waliif amanamoo tahuu mul’isuuf akka tahe himama.

Veetnaam

Veetnaam keessatti namni hundi guyyaa dhalootaa guyyuma walfakkaataa kabajata.

Mallaqa qusachuuf akkas godhan fakkaata. Ayyaanni guyyaa dhalootaa kan Veetnaam guyyaa sirrii itti dhalatan sanitti hin kabajamu. Namni hundi guyyaa ayyaana jijjiirraa waggaa haaraa irratti kabajata. Ayyaanni kunis tet nguyeen dan jedhama. Ayyaanni kun lakkoofsa addeessaarratti kan hundaa’u yoo ta’u, Amajjii 21 irraa kaasee haga Gurraandhala 19 guyyoota jiran keessaa tokkorra oola. Lammiileen Veetnaam  guyyaa dhaloota  isaanii bara keessatti dhalatan irraa kaasanii laakkawatu. Garuu ayyaana dhaloota isaanii yeroo wal fakkaataa kabajatu. Kabjani kunis guyyoota sadihiif turuu dandaya. fakkeenyaaf namni tokko baatii 7ffaa guyyaa 22 bara 2018titti yoo dhalate, guyyaa dhalootaa if booda deebi’ee baatii 1ffaa guyyaa 1 irraa lakkaayata jechu. Baatii 5 booda ayyaana dhalootaa ummata biyyattii wajjiin kabajata.

Jaappaan

Dubartoonni Jaappaan keessatti dhiira bareedaa filanii, mallaqa isaa kafaluun akka imimmaan irraa haqu godhan.

Aadaan kun aadaa ajaa’ibaati. Wanti kun afaan Jaappaaniitiin Ikemeso danshi jedhama. Dhaabbata waan kanaaf haala mijeessutu jira. Dubartiin takka rakkoon itti hammaattee wayta cinqamtu, dhaabbata sanitti bilbilatti.  Dhaabbanni sunis footoo dargaggoota mimmiidhagoo dhiheeysaaf. Isiinis footoo san keeysaa nama haalaan itti bareede filattee ajajji. Daqiiqaa muraasa booda namni isiin filatte sun bakka isiin jirtutti dhufee wajji haasawuu eegala. Waan isii cinqeefi rakkoo itti jirtu hunda imimmaan gad naqaa itti himti. Yeroo kana innis dalagaa dhufeef eegala. Dalagaan isaa imimmaan haquudha. Dubartiin tun tajaajila yeroo tokkootiif doolaara 65 ykn ammoo birrii 1787 kafalti.  Maal osoo guyyaa guutuu booyaa oolteehuu  tishuun (sooftiin) birrii 10 hin gahuu?

 

 

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x