Gaarreen Himaaliyaa

Qophii: Abu Ibtisaam

Addunyaa kanarra bakkeewwan ajaa’ibaa qalbii ilma namaa hawatan heddutu jiru. Barruu tanaan uumamaalee dachii tanarratti ajaa’iba ta’an keessaa waa’ee gaara tokkoo isiniif dhiheessina. Gaara yoo jennu ammoo gaara xiqqaa wahii hin sehinaa! Gaara biyyoota jaha keessatti argamu.

Gaarri kun Himaalayaas jedhama. Himaalayaas jechuun afaan Saanskriit irra kan argame yoo ta’u, Himaa- jechuun cabbii, alayaa-jechuun ammoo eddo jireenyaa jechuudha. Kanaaf jechoota kanneen lamaan walitti fidanii Himaalayaa ykn ammoo eddo jireenya cabbii maqaa jedhu kennaniif. Himaaliyaan gaara tokko qofa osoo hin taane gaarren heddu of keessaa qaba. Gaarri biyyota jaha qaxxaamuru kun maayila 1500  ykn ammoo 2400km dheerata. Gaarri kun,  India, Paakistaan, Afghaanistaan, China, Bhutan fi Nepal keessa qaxxaamura.

Gaara Himaalayaa kanarraa namni hedduun waa’ee Mt Everest irratti xiyyeeffannaa isaa godhus, Himaaliyaan uumama ajaa’ibaa heddu ofirraa qaba. Haalli qilleensa isaatis gosa hunda of keessaa qaba. Jalli isaa ykn ammoo sirriin galaana isaa qilleensaa hoo’aa kan qabu yoo ta’u, adaduma ol ka’aa deemuun qilleensi qabbanaayaa, fiixee isaa irratti ammoo cabbii baquu hin dandeenneen walitti nama fida. Naannoo ol ka’iinsa Meetira 3000-5000 irratti argamu kaloo margaa qaba. Naannoo kanattis bineensonni marga soorataniifi kan foon sooratanis ni argamu. Warri marga sooratu marga dheeda. Ka marga dheedee coomeef ammoo bineensota akka Snow Leopard (Qeerransa Cabbiitu) qabee soorata. Gama Kaaba bahaatitti ammoo bosona mukkeen garagaraatiin badhaadhetu jira. Kanaaf Gaarreen Himaaliyaa uumama gagaragaatiin badhaadhanii jiran jedhama.

Gaarreeen Himaaliyaa gaarreen dhedheeroo heddu ofkeessatti hammata. Gaarreen isa gubbatti argaman keessaa kanniin 14 ta’an ol ka’iinsi isaanii meetira 8000 oli. Hundi isaaniitis gaarreen addunyaa irraa sadarkaa duraa irratti argamu. Fakkeenyaaf gaarri addunyaa irraa tokkoffaan Gaara Everest yoo ta’u, ol ka’iinsi isaatis meetra 8848. Gaarri kun gaarreen himaaliyaa irratti argaman keessaa daangaa biyyoota Nepaal fi Chaayinaa gama Tibeet jidduutti argama. Addunyaa irraa isa dheerafi qabbanaawaas ta’u, gaarreen biraa kan Himaalayaa irratti argamaniin wal bira qabamee yoo laalamu, namoota gaara kana koruu barbaadaniif heddu rakkisaa miti. Gaarri Himaaliyaa walnyaatinsa lafa keessatti uumameen erga gara irra lafaatti ol bahee waggaa miiliyoona 70 akka ta’e qorattoonni kan dubbatan yoo ta’u, wal nyaatinsi kun haga ammaatti akkuma itti fufeetti akka jiru dubbatan. Kanaaf waggaa waggaan gaarri Everst miiliimeetira 4n ol guddataa akka jiru qorannoon ni addeessa.

Warri Amantii Hinduu, Budahaa, fi kanneen biroo hordofanis fiixee gaarreen kanniin gubbatti manneen gooftaa isaanii itti gabbaran qopheeffatanii itti tajaajilamaa jiru. Kanaaf gaarreen kanniini maqaa garagaraa amantii isaanii ibsuu danda’uun waamu. Fakkeenyaaf Warri Tibet gaara Everestiin Chomolungma jedhanii waaman. Hiikkaan isaatis gooftaa hawaa jechuudha. Warri Nepal ammoo Sagarmatha jedhanii waaman, hiikkaan isaatis gooftaa samii jechuudha. Haa ta’u malee bara 1841 tuutni qorannoo kan lammii biyya English Sir George Everestiin durfamu erga naannoo kana dhaqanii booda maqaa isaa gara hoogganaa isaaniititti jijjiiran. Kanaaf har’as akka addunyaatti gaarri kun Mt Everest jedhamuudhaan beekama.

Gaarreen Himaalayaa kanniin yeroo heddu namoonni garagaraa fiixee isaa irra bahuu danda’anii jiran. Gaarreen kanneen keessaa keessattu Gaara Everest gubbaa bahuun namoota hedduuf hawwii bara dheeraati. Kanaaf jecha bara 1921 irraa kaasee namoonni garagaraa gaara kana fiixee isaa dhaqqabuudhaaf carraaqqii gudda godhanii jiru. Hedduun isaanii milkaayanis akka yaadametti osoo bakka hin gahin namoonni karatti hafanis ni jiru. Walumaagalatti bara 1921 irraa kaasee yaalii godhameen namoonni 280 ta’an du’anii jiran. Namoota kanneen keessaa kanniin 102 ta’an sababa hanqina oksijiiniitiin du’an.

Gaara kana gubbaa bahuudhaaf daandiilee 18titti fayyadamuun ni danda’ama. Fiixee isaa dhaqqabuudhaaf ammoo guyyaa 40 barbaachisa. Kunis namoonni suuta jedhaa haala qilleensaa barataa akka deeman gargaara. Hammi qilleensa oksijiin fiixee gaaraa irra jiru isa nuti asitti hargannu irraa walakkaan gad bu’aadha. kanaaf namoonni gaara kana gubbaa ba’uu fedhan yeroo hunda Oksijiinii baadhatanii deemuun dirqama itti ta’a.

 

Comments
Loading...