header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Goljaa

Qophii : Abu Ibtisam

Goljaan sanyii Booyyee ti. Eddoon jireenya isaatis ardii Afriikaa ti. Sanyiin goljaa lama yoo ta’u, Goljaa baramaa (common) fi Goljaa Gammoojjii jedhama. Goljaan baramaan Kaaba Afrikaatti kan argamu yoo ta’u, Goljaan gammoojjii ammoo  Kibba Afrikaatti argama.

Goljaan ilkaan lama kan afaan isaa keessaa dheeratee gara alaatitti bahe qaba. Ilkaan kana diina isatti dhufe ittiin ofirraa ittisa. Yeroo tokko tokko warri dhiiraa dhaltuu irratti yoo wal morkataniis akka meeshaa lolaatitti itti fayyadamu. Gama biraatiinis boolla  ittiin qotee waan sooratu barbaadatuuf itti tajaajilama. Goljaan baay’inaan marga, firiiwwan, sanyii midhaanii, hiddaa fi ilbiisota soorata. Yeroo garii hoosiftoota xixiqqoo, shimbirroolee fi reptaayiloota ni soorata. Sooranni isaa waqtii irratti hundaa’a. Yeroo margi akkaan jirutti marga soorata. Yoo dhabe ammoo Firiifii hidda biqiltootaa akkasumas ilbiisota soorata.

Ilkaan isaa sanitti fayyadamee waa qotuu irratti Goljaan dandeettii jabaa qaba. Raammoo lafa keessaa argachuudhaaf dirqamatti lafa qotuun barbaachisaa waan ta’eef ilkaan isaa (Kalaadaa) dabalatee, qoffee, lukaa fi mataa isaatitti fayyadame waan barbaadu qotee baasa. Raammoo lafaa baasuun cinatti Goljaan jireenyaafis boolla qotee mana ijaarata. Yeroo heddu, garuu, boolla ofii qotuu irra kan bineensonni biraa qotanii dhiisanii  deeman barbaadee keessa qubata.

Goljaan maatii uumee gareedhaan jiraata. Gareen kun dhaltuu muraasa ilmoolee wajjiin akkasumas, kormaa tokko qofa qabata. Kormaan kunis garee kana rakkoo jalaa tiksuu qaba. Yeroo walhormaataattis dirqamni dhala bakka buusuudhaa isa irra jira. Yeroo ilmooleen xixiqqoo gurguddatanitti garuu warra kormaa jiddutti walitti bu’iinsi uumamuu danda’a.

Goljaan bishaan heddu barbaada. Kanaaf yeroo heddu naannoo bishaan baay’inaan itti argachuu danda’u qubata. Bishaan heddu dhuguun cinattis hoo’a qaama isaa qabbaneessuudhaaf jecha bishaan keessa cuuphamuu barbaadda. Bishaaniin dabalatatti naannoo margi baay’inaa itti argamuu fi dirree diriira irra jiraata.

Goljaan diina heddu qaba. Daggala keessaa bineensonni akka Leencaa, qeerransaa fi Naachaa diina Goljaati. Bineensota kanaan olitti kan Goljaa fixaa jiru ilma namaati. Ilmi namaa foon isaatiif osoo hin taane, ilkaan isaatiif jecha adamsa. Ilkaan isaa akkuma ilkaan Arbaa gabaa irratti heddu barbaadama.

Qaroon Goljaa dadhabaadha. Miirri fuunfachuu isaa garuu jabaa dha. Diina itti dhufe ykn ammoo soorata ofii isaatii barbaadu fageenya irraa fuunfatee adda baafatuu danda’a. Goljaan Fiigicha irratti saffisa kan qabu yoo ta’u, utaalchattis uumama jabaa dha. Rimayni Goljaa ji’a 6 tura. Kana booda haati takka ilmoolee haga afurii dhalti. Muchi qabdus 4 yoo ta’u, ilmooleen hundi takka takka adda qooddattu. Ilmoon tokko mucha isa biraa irraa hin hodhu. Haga gaafa guddatee gu’uutitti muchuma tokko san qofa xuuxa. Osoo ilmoon tokko du’eellee muchi sun ilmoo biraatiin hin fudhatamu.

  • Goljaan meetra tokkoo haga 2 dheerata, Ulfaatinni isaatis KG 50 haga 120 ta’a.
  • Fiigichatti cimaa yoo ta’u, sa’aa takkaan 50km fiiguu danda’a, yeroo fiigu eegee isaa gara samii qajeelchee ol dhaaba
  • Sooranni isaa marga, firii fi hidda biqiltootaa soorata.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button