Faalama Qilleensaa Fii Naannoo

Qophii: Abu Ibtisaam

Jijjiiramni qilleensaa addunyaa guututti yaaddoo hamaa tahee jira. Sababaa faalama qilleensaatiif gaaga’ama guddaatu dachii tanarra gahutti jira. Ilmi namaatiifi lubbu qabeeyyiin heddu sababaa faalama qilleensaa miidhaa jabduu keessa kan jiran yoo tahu, rakkoon kun addunyaa guututti yaaddoo guddaa tahee jira. 

Wagga waggaan balfi Kilograama biiliyana 6 tahu bishaan keessatti gatama. Balfa kana keessaa irra jireessi isaa feestaalaa ykn miikkaafi plaastikoota garagaraati. Sababa kanaanis lubbu qabeeyyiin bishaan keessa jiraatan kan miiliyonaan laakkawaman lubbuu dhabutti jiru. 

Lammiileen Ameerikaa baay’ina ilma namaa addunyaa tanarra jiru keessaa parsantii 5 qofa tahu. Haa tahu malee qabeenya addunyaan tun qabdu keessaa parsantii 25 kan tahu isaantu harkaa qaba, balfaa fi xurii addunyaan tun ittiin rakkattu keessaa parsantii 30 kan tahus isaantu oomisha. Yeroo ammaa  nama saddeet keessaa namni tokko sababa faalama qillensaatiin du’utti jira. Kana jechuun wagga waggaan namoonni miiliyoona 7 tahan sababa faalama qilleensaatiin lubbuu dhabu jechuudha.

 

 Haroon kaaraachaay jedhamuun beekkamu kan Raashiyaa keessatti argamu, iddoowwan haalaan faalaman keessaa sadarkaa duraa irratti argama. iddoon kun bakka mootummaan Raashiyaa balfa warshaa Niwuklaraa keessaa bahu itti dhangalaasu yoo tahu, namni tokko osoo qaama isaatti waa hin haguugin bakka kana daqiiqaa shaniif yoo dhaabbate ni du’a. Bara 1960moota keessa haroon kun gogee ture. Yeroo sanitti ammoo dhukkeen haroo kanarraa ka’uun gara iddoo garagaraa bittinnaaye lubbuu namoota miiliyana walakkaa galaafatee jira. 

 

Wagga waggaan daa’imman kuma 600 ol tahan sababa faalama qilleensaatiin  akka du’an dhaabbanni fayyaa addunyaa beeksiseera. Wagga waggaan sababa faalama bishaaniitiin namoonni Miiliyana 3.4 tahan lubbuu isaanii dhabutti jiru. Faalamni qaamman bishaanii wagga waggaan allaattiiwwan qarqara bishaanii jiraatan kan miiliyoona tokko tahan kan galaafatu yoo tahu, sababa faalama qilleensaatiin ammoo hoosiftoonni miiliyana 100 tahanis lubbuu isaanii dhabu.

 

(Photo by Li Feng/Getty Images)

Magaalota qilleensa faalamaa qaban keessaa takka Magaalaa Guddoo Chaaynaa, Beejiing yoo taatu, namni heddu magaala tana keessatti afaanii fi funyaan isaa Maaskiin haguugee deema. Kun sababaa malee waan godhamee miti. Namni osoo afaaniif funyaan hin haguugatin magaalaa tana keessa guyyaa tokko oole, akka nama Tamboo 21 xuuxeetti qilleensa faalamaa harganaa oola. 

Magaalonni addunyaa tanarra jiran qilleensa faalameen rakkachaa jiru. Aarri warshaalee fi makiinaawwan irraa maddu magaalota faaluu isaa itti fufeera. Yeroo ammaa kana magaalota qileensa faalamaa qaban jedhamanii sadarkaan haga 10ffaa kaayaman keessaa magaalonni sagal Indiyaa keessatti argamu. Tokkoffaa irraa kaasee hanga 7ffaa  Kaanpuur, Faaridaabaad, Vaaraanaasii, Gaayaa, Paatnaa, Niiw Dalhii, fi Laaknoow yoo tahan, 8ffaa irratti ammoo Magaalaa Baameendaa jedhamtu tan Kaameeroon keessatti argamtutu argama. Magaalan Agraa fi Muzaffarpuur sadarkaa 9ffaa fi 10ffaa irra jiru.

 

Ardiilee dachii tanarra jiran keessaa Antarkitikaan dachii qulqulluu jedhamuun beekkamti. Akkasumas akka sadarkaa addunyaatti ardii tanarratti wantoota faalama qilleensaa fiduu danda’an gatuun seeraan dhoorkamaadha. 

Dhaabbanni qilleensa Ameerikaa too’atu kan EPA jedhamu, Ameerikaa keessatti eddoowwan 36,000 ol tahan haalaan faalamuu isaanii ibseera. Naannawa kanniin qulqulleessuudhaaf, haga dolaara Triiliyoona 1.7 tahutu barbaachisa jedhe.

1 Comment
  1. Iliyas ahmed says

    waan heedduu namatti tolu qopheessa jirta barnootaa hedduun irraa argacha jira jabaadha yeroo mara maxxansa keessan dubbisa jira galatoom

Have questions? Search our knowledgebase.