header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Namoota murtiin ajaa’ibaa itti murteeffame jidduu muraasa

Qophii : Abu Ibtisam

Yakki dachii tanarratti raawwatamu, ilmaan Nabi Aadam (AS) irraa eegalame. Eega ilmaan Nabi Aadam lameen wal ajjeesanii yakka guddicha raawwatanii booda, gochi kun daran babal’achaa itti fufe. Ilmi namaatis akka namoonni yakka hin raawwanneef seera adda addaa tumatee ittiin muree murteessuu eegalus, yakki daranuu babal’ate malee waa hin hir’anne.

Biyyoonni hedduun yakka hundaafuu adabbii garagaraa qabu. Fakkeenyaaf biyyoonni nama nama ajjeese du’aan adaban ni jiru. Kanneen umrii guutuu itti murteessanis ni jiru. Biyyoonni gariin ammoo murtii bara jireenyaa jechuun seera addaa tumatanii lafaa qabu. 

Murtii bara jireenyaa jechuun murtii addaati. Murtiin akkanaa kun biyya keenya keessatti waan hin beekamneef, nama hedduuf waan haaraya tahuu dandaya. Fakkeenyaaf namni tokko nama tokko yoo ajjeese hidhaan umrii guutuu itti murtaaye haa jennu. Kanaafuu namni kun haga gaafa du’uutti manuma hidhaa keessa turuu qaba jechuudha. Garuu seera ol iyyannoottu jira. Namni tokko eega hidhaan umrii guutuu itti murteeffamee booda, ol iyyannoo gaafatanii murtiin akka fooyyeffamuuf, ykn akka bilisaan lakkifaman gaafatu. Sababa ol iyyannoo kanaaf jecha biyyoonni hedduu lubbuu nama tokkoo bara jireenyaatiin herreguu jalqaban. Akka seeraafi heera biyyoota gariitti, namni tokko yakka ajjeechaatiin himatamee yoo hidhaan umrii guutuu itti murame, ol iyyannoo dhiheeyfachuuf jalqaba waggaa 7  hidhamuu qaba. Kanaafuu amata 7 eega hidhamee booda ol iyyannoo dhiheeyfatee furmaata argachuu mala.

Namni kun yoo lubbuu nama hedduu galaafate, ol iyyannoon isaa wagga heddu booda tahuu danda’a. Fakkeenyaaf namni kun osoo nama 10 ajjeesee hidhamee, Yoo hidhaa umrii guutuu takka qofa itti muran waggaa 7 booda ol iyyannoo dhiheeffatee bahuu mala. Kanaaf lubbuu inni galaafate kurnaniifuu kopha kophatti hidhaa umrii guutuu itti muran. Nama tokkoof hidhaa umrii guutuu, nama 2ffaatiifis hidhaa umrii guutuu, nama 3ffaatiifis hidhaa umrii guutuu. Haala Kanaan hidhaa bara jireenyaa 10 itti murteessan. Namichi kun eega waggaa 7 hidhamee booda lubbuu nama 1ffaa irra ajjeefameetiif ol iyyannoo gaafata. Tarii saniif furmaata argatee bilisaan akka lakkifamu murteeffamuufii dandaya. Garuu achi boodas nama 9tu hafaaf. Ammas eega wagga 7 hidhamee booda, nama 2ffaatiif ol iyyannoo gaafata. Haala kanaaf eega wagga 70 hidhamee booda, tarii bilisaan lakkifamuu mala. amma mee kanatti aansuun namoota haala Kanaan murtiin ajaa’ibaa itti murteeffame muraasa haa ilaalluu.

1ffaa. Teerii Nikolaas (Lammii Ameerikaati. Hidhaa bara jireenyaa 162 fi waggaa 93 ol iyyannoo malee)

Namichi kun lubbuu namoota 161 galaafate. Akkasumas yakka shoorarkeessummaa fi balaa dhoohinsaa magaalaa Oklaahomaa keessatti raawwateen waggaan kun hundi itti murame. Osoo ol iyyannoon isaa kan bara jireenyaa 162 fudhatama argateehuu, namichi kun dabalataan waggaa 93 kan ol iyyannoo malee hidhamuu qabutu jira. Kanaafuu umrii isaa guutuu manuma hidhaa tura jechuudha.

2ffaa. Abdallaah Barguutii (Lammii Falasxiin, hidhaa bara jireenyaa 67 fi hidhaa waggaa 5,200 ol iyyannoo malee)

Namni kun hoogganaa garee Hamaas kan birgeedii Qassaamiiti. Israa’el nama kana loltoota 66 balaa boombiitiin na jalaa ajjeese jettee himatte. Lubbuu loltoota hundaatiif mataa mataan bara jireenyaa 67 eega itti murteen booda; hidhaa waggaa 5,200tis  itti murtiissite. Wanti kun baacoo fakkaata. Garuu waan qabatamaan argamerrahi. Namni kun mana kophaa keessatti kan hidhame yoo ta’u, firaafi ahliin isaatis isa ziyaaruun hin hayyamamuuf.

3ffaa. Gaarii Rijweey ( Lammii Ameerikaa, Hidhaa bara jireenyaa 49, san keessaa 48’f ol iyyannoo dhiheeffachuu hin dandayu.

Namichi kun dubartoota 71 bara 1982 irraa kaasee haga bara 1998titti ajjeesuu isaa amaneera. Dubartoonni inni ajjeese tunniin warra sagaagalummaarratti hirmaatan ta’uu isaaniillee himeera. Namichi kun yeroo tokko qofa ol iyyannoo dhiheeffatuu dandaya.

4ffaa. Looyii kaach Nguuyeen (Lammii Ameerikaa, hidhaa bara jireenyaa 49 ol iyyannoon maletti)

Namichi kun nama 3 ajjeesuu isaatu irratti mirkanaaye. 11 irratti ammoo yaalii ajjeechaa godhee hin milkooyne. Namoota 35 ammoo ni uggure. Badii kanniin walirratti dabaluun hidhaa bara jireenyaa 49 itti muran. Namichi kun ol iyyannoo dhiheeffatuu hin dandayu.

5ffaa. Maartiin Briyaant (Lammii Awustraaliyaa, hidhaa bara jireenyaa 35 fi hidhaa waggaa 1,035 ol iyyannoo malee)

Namichi kun namoota 35 waan ajjeeseef mataa nama hundaatiin hidhaan bara jireenyaa 35 itti murame. Namni kun yakka birootis waa heddu dalage.  Namoota 23 madeesse, nama 14 ammoo rasaasa itti dhukaase, motorsaaykilii 3 hate, yeroo sadi ibidda manatti qabsiise, akkasumas yeroo tokko nama uggure. Yakkoota kanniiniif ammoo walumaa galatti hidhaa waggaa 1035ttu ol iyyannoon maletti itti murame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button