header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaEeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’udii iiraniin Ingiliizitti himate.

Ilmi Malika Sa’udii Muhammad Bin Salmaan ministeera hajaa alaa Biritaaniyaa Booris Joonson waliin bilbilaan kan haasawan yoo tahu, haasawa isaanii kana irratti Muhammad Bin Salmaan, Iiraan hidhattoota Husiif deggarsa godhuun weerara nu irratti geggeessaa jirti ” jedhe.
Sabtii darbe hidhattoonni Huusii daangaa Yaman irraa misaayila Balistiik kan  fageenya dheeraa furguggeefamu gara magaalaa guddoo Sa’udii Riyaaditti furguggeessa. Mootummaan Sa’udii immoo Misaayila  kana isa tokko  samii irratti fashaleessuu fi akkasumas tokko naannawa buufata xayyaaraa kan bu’ee fi midhaan dhaqqabe kan hin turin tahuu beeksiise.
Mootummaan Iiraan immoo nuti hidhattoota Huusiif deggarsa hin gone jechuun mormaa jiru. Ministeerri dhiimma alaa Iiraan Muhammad Jaavaad Zaariif ibsa guyya kaleessa midiyaaleef kenneen, “weerarri Sa’udiin geggeessaa jirtu naannichi akka hin tasgabboofne dhorkee jiraa” jedhe.
Midiyaan hidhattoota Husii tokko Misaayila Buurkaan jedhamu Buufata Xiyyaara Idil Addunyaa Riyaaditti argamu Haleeluuf kan furguggeefame tahuu gabaase.  Mootummaan Sa’udii immoo Misaayilii Hidhattoota Huusii irraa darbame kun,  buufaticha osoo hin gahin kan ofirraa deebise tahuu fi Misaayili kun kan Iiraanii tahuu amanee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button