Simbira halkanii

Qophii Abu Ibtisam


Simbirri halkanii qaama ajaa’ibaa qaba. Koolli isaa fiixee miila isaatirraa kaasee hanga ceekuutti argama. Simbirroonni hedduun isaanii koola kophatti, miilas kophatti qabu. Koolli Simbira halkanii fi miilli isaa garuu walitti maxxanaa dha. Koolli kun Kaartiliij irraa kan ijaarame yoo ta’u, kaalshiyamiin isa keessa jiru garuu muraasa. Koolli simbirroota heddu walitti cabuu hin danda’u. akkuma diriire sanitti oliifi gad hargufamuu danda’a. Koolli simbira halkanii garuu akka barbaadametti ajajama. Osoo akka xalayaatti walitti maranillee ni marama. Akkasumas gogaan simbirri kun qabu akka laastikiititti diriiruu danda’a. Akkasumas kan simbirroota biraatiin yoo wal bira qabamu, koolli simbira halkanii haalaan haphii dha. Kunis saffisa jabaa akka qabaatan isaan gargaara. Osoo miidhaan wahiituu isa mudatee koolli isaa jalaa miidhame, Rabbiin dandeettii ittiin harawoomsatu kenneefii jira.
Simbirri halkanii ilkaan akkaan qara qabu qaba. Kanaaf haala salphaan waan nyaatu san waraanuu fi cicciruu danda’a. arrabni isaatis akkaan dheeraa dha. Kunis soorataaf, waa ittiin dhuguuf isa tajaajila. Agartuun isaa akkaan jabaa dha. Halkaniin ifaa Ultraviolet jedhamu adda baasuu danda’a. Kun garuu sanyii hunda biratti wal fakkaataa miti. Sanyiin gariin agartuu laafaa qaba. Garuu simbirri halkanii agartuu hin qabu kan jedhu soba. Akkasumas Simbirri halkanii dandeettii dhageetti addaa qaba. Dandeettiin dhageettii kun echolation jedhama. Wantoota naannoo isaaniititti raawwatamaa jiru vibration irraa adda baafatuu danda’u. Halkan bakka ifaan takkallee hin jirre keessatti, dandeettii kanatti fayyadamanii waan naannoo isaanititti raawwatamu adda baafachuu danda’u. Kanaaf Simbirri halkanii agartuu laafaa qabaatanis dandeettii kanarratti hundaa’anii waan barbaadan adda baafachuu dandau.


Qaamni shimbira halkanii rifeensaan haguugamaadha. Kanaaf halkan yeroo qabbanni heddummaatettis akka barbaadetti sochouu danda’a. Qeensi isaatis akkaan jabaa dha. Kanaaf yeroo heddu qeensa kanatti fayyadamuu dhaan muka irraa gad rarra’uu danda’a. Akkasumas ujummoo dhiiga geessu malee kan deebisu waan hin qabneef, rakkoo takkaa maletti osoo dhiigni mataa keessaa gara qaama biraa hin deebi’in, sa’aa dheeraaf akkasumatti rarra’ee turuu danda’a.
Qubsuma ykn ammoo eddo jireenya Simbira halkanii yeroo heddu arguun ulfaataa dha. Simbirri kun namas ta’e uumama biraa kan isa adamsu jalaa dhokachuu waan barbaaduuf, eddoo namni isa arguu hin dandeenye barbaadee qubata. Goda dukkanaawaa bishaan qabu yoo argate, yeroo heddu goda akkasii qubsuma godhata. Gariin ammoo mukkeen gurguddaa irras ni qubata. Walumaa galatti Simbirri halkanii bakka diinni isa hin argine barbaadee qubata. Sochiin isaa yeroo heddu halkan waan ta’eef , guyya guyyaa ammoo jeeqamuu hin barbaadu. Kanaaf bakka namaa fi ummamni biraa hin jirretti dhokata.
Akkuma hundi keenya beeknu, allaattiiwwan heddu muka gubbaa taa’anii diina isaanii bitaafi mirgatti mimil’ataa eeggatu. Yoo diinni tasa itti dhufe ammoo jalaa utaalanii qilleensarra barrisu. Shimbirri halkanii ammoo haala addaa qaba. Yeroo heddu shimbirri halkanii muka gubbaa hin taa’u. Miilaafii qeensa jabaa waan qabuuf, muka qeensaan qabatee gara lafaa rarra’a. Yoo diinni itti dhufe akka shimbirroota biroo takkaan utaalee ka’uun itti ulfaata. Kanaaf yoo diina arge muka itti rarra’e san irraa of gad dhiisee barrisuu eegala.
Qubsumni shimbira halkanii kan biraa ammoo haala qilleensaa irratti hundaa’a. Yeroo qilleensi akkaan qabbanaawutti, godaa fi boolla keessa qubachuudhaan hibernate godha. haga qabbanti sun bahutti nyaataafii dhugaatii tokko malee bakkumsa san tura.
Sooranni Simbira Halkanii sanyii isaanii irratti hundaa’a. Sanyiilee simbira Halkanii keessaa kanneen 70% ta’an ilbiIsotaa fi raammolee xixiqqoo sooratu. Kan hafan ammoo firii biqiltootaa sooratu. Kanneen lakkoofsi isaanii xiqqoo ammoo lamaanuu sooratu. Halkan takkaan Simbirri halkanii tokko soorata ulfaatina isaa 1/3 ta’u soorata. Akka qorannoon agarsiisutti waggatti ilbiisonni toonii afur ykn 4000kg ta’an Simbira halkaniitiin nyaatamu. Osoo simbirri halkanii jiraachuu baatee, naannoon keenya ilbiisotaan weeraramuu akka danda’u qorattoonni dubbatu. Warri firii biqiltootaa sooratan ammoo biqiltoota foolii ulfaataa qaban irraa baqatu. Yeroo firii sooratanis ilkaan isaaniitiin waraananii bishaan isaa qofa keessaa xuuxu. Sanyiiwwan biqiltoota sanniin keessatti argaman ammoo deebisanii tufan. Simbirroonni arraba dheeraa qaban ammoo ilillii keessaa soorata isaaniif ta’u arrabaan sooratu. Sanyiiwwan kunniin garuu ammaan tana addunyaa irraa dhabamaa akka jiran qorannoon ni agarsiisa. Sababni isaa ammoo hanqina ilillii akka ta’e himama. Sanyiin Vaampaayar jedhamu ammoo dhiiga bineensota garagaraa xuuxuun lubbuu ofii tursiifata. Soorataan cinatti akkaataan inni bishaan itti dhugus kan ajaa’ibaati. Yeroo bishaan dhugu bakka takka qubachuun isa hin barbaachisu. Yeroo bishaan dhuguu barbaadu laphee isaa bishaaniin erga jiisee booda, osoma samii irra barrisu jiidha laphhee isaa irra jiru arraabaa bishaan isaaf gahu argata.

Simbirri halkanii Hoosiftoota keessatti ramadama. Akkuma hoosiftootaa ilmoo isa fakkaattu dhala. Simbirri halkanii gamtaan jiraata. Dhaltuun rimaya qabatuudhaaf yeroo akkaan oowwaa barbaaddi. Akkasumas sooratni gahaan jiraachuu qaba. Haadhoon simbira halkanii yeroo takkaan ilmoo takka qofa dhalti. Haadhaaf yeroon rimayaa kun yeroo akkaan ulfaataa dha. Soorata ofii barbaadachuudhaaf jecha, ilmoo osoma garaa qabdu qilleensa irra bararuun dirqama itti ta’a. ilmoon dhalates erga dhalateen booda aanan haadhaa hodhaa guddata. Ilmoon dhalatu kun koola hin qabu. Kanaaf haga koolli isaa guddatee, bararuu danda’utti sooratuma haati fidduuf soorataa jiraata. Garuu gaafa Koolli isaa guddatee mataa isaatii barrisuu danda’e, haadha irraa adda bahee soorata ofii barbaadachuu itti fufa. Haalli walhormaata Simbira halkanii harkifataa dha. Yoo hanqinni soorataa jiraate, ilmoon dhalatu hin jiru. Akkasumas haalli qilleensaa qabbanaawaa yoo ta’es haati ilmoo hin dhaltu.


Simbirri Halkanii bineensota hedduuf soorata mi’aawaa dha. Kanaaf diina heddu qaba. Urunguu, culullee fi Bofni diina hamaa simbira halkaniiti. Gosoota simbira halkanii keessaa, Bofni sanyii firii mukaa nyaatan irratti xiyyeeffata. Muka firiin irra jiru irratti maramee yeroo dheeraaf eega. Wayta Simbirri halkanii firii san murachuuf dhuftu, utaalee qabata. Haa ta’u malee, akkuma uumama biraa diinni isaanii hamaan ilma namaati. Ilmi namaa uumama kana akkaan sodaata. Dhukkuba saree fi dhukkuboota sheyxanaan walqabatan heddu daddabarsa jedhamee amanama. Akkasumas fincaanii fi wanti garaa isaa keessaa bahu hundi isaatuu dhukkuba namatti fida jedhama. Kun yaada namootaati malee waan qorannoo saayinsiitiin mirkanaawee miti. Kanaaf ilmi namaa naannoo isaa uumama kanarraa qulqulleessuuf jecha ajjeesa. Biyyoota guddatan keessatti ammoo qubsuma isaaniittu barbaadama. Yeroo heddu goda keessa waan qubataniif, namoonni qabeenya qaban, goda qulqulleessuudhaan akka bashannanaatti itti fayyadamuuf jecha uumama kana ajjeesu. Garuu biyyoota tokko tokkotti balfi garaa isaanii keessaa bahu akka xaa’otti tajaajila.
Simbirri halkanii dandeetti dhagahuu kan ajaa’ibaa qaba. Sanyiin hedduun isaa waa arguu irratti akkaan jabaa ta’us, hedduun isaanii soorata barbaadachuudhaaf, ija isaanii osoo hin taane, gurra isaanii fayyadamu. Qorataan Laazaaroo Ispaalaanzaanii bara 1970tti qorannoo tokko geggeessee ture. Qorannoon isaatiis dandeettii dhagahuu isaanii adda baasuu ture. Haala Kanaan jalqaba, Simbira halkanii dukkana keessa kaaye. Simbirris rakkoo takkaan malee bakka sooranni jiru dhaqee fudhate. Yeroo lammataa ammoo gurra isaa cuqqaalee akka waa hin dhageenne godhee ammas dukkana keessa kaaye. Yeroo kana garuu simbirri halkanii kun bakka sanii socho’uu hin dandeenye. Olii gad deemee sorata fudhatuu dadhabe. Qorannoo kanarraahis simbirri halkanii ija isaa irra gurra isaa akka fayyadamu mirkaneesse. Akka addunyaatti bineensota jiran keessaa dandeettii waa dhagahuutiin sadarkaa sadaffaa irratti argama. Fakkeenyaaf dandeettiin dhaggeettii ilma namaa haga kilooherzii 20 yoo ta’u, kan simbira Halkanii ammoo kilooherzii 150.
Simbirri Halkanii Sanyiwwan hedduu qaba. Ammaaf muraasa isaanii waliin ilaalla. Sanyiin dura Indiana bat jedhama. Simbirri kun haga seenti meetira shanii dheerata. Baay’inaan Ameerikaa kessatti argama. Sanyiin kunis sanyii Hibernate godhuudhaan beekamuu dha. Qubsuma akkaan bal’aa ta’e kan qubatu yoo ta’u, yeroo heddu walitti maxxanuudhaan qaama wal hoo’isa. Sooranni isaa raammolee xixiqqoodha. Uumama dachii irra jiru keessaa raammolee heddu soorachuudhaan sadarkaa duraa irratti argama.
Sanyiin biraa har’aaf isinii filadhe Little brown bat jedhama. Simbirri kun haga seentimeetira 10 dheerata. Koolli isaa ammoo haga seentimeetira 27 diriiruu danda’a. Gurri sanyii kanaa ammoo akkan xiqqaa fi geengoo dha. Sanyiin kunis hedduminaan Ardii Ameerikaa kaabaa keessatti argama. Simbirri kun saffisa jabaa qaba. Waa adamsuu irrattis dandeettii guddaa qaba. Yeroo qabbanaatittis Hibernate gochuudhaan haga ji’a 6 turuu danda’a. Sooranni isaa sonsaa fi billaacha garagaraati. Akkasumas ilbiisota qaama isaanii irra rifeensa heddu qaban soorata.


Sanyiin biraa Vampire Bat jedhama. Ilmi namaa sanyii kana hedduu beeka. Yeroo heddu oduu durii fi sheekkoo garagaraa keessattis sanyii kana fayyadama. Sanyiin hammeenya guddaa qaba jedhamee amanamus sanyii kana. Wanti addaa uumama kanaa ilkaan isaati. Ilkaan akkaan qara ta’e qaba. Ilkaan kanaanis bineensota gogaa jabaa qaban hunda waraanee dhiiga xuuxuu danda’a. Koolli isaa akkaan guddaa dha. Sanyiilee simbira halkanii kaawwan wajjiin yoo walbira qabamu, sanyii akkaan waljaalatuudha. Haati takka ilmoo ofii dhiiftee soorata barbaacha yoo deemte, dhaltuun biraa kunuunsitee guddisti. Akkasumas inni tokko soorata yoo argate, isa biraatiif qooda. Sooratni sanyii kanaa dhiiga bineensotaati. Simbirri xiqqoon kun yeroo soorata barbaade, bineensota manaa akka horii duyda gubbaa baha. kana booda ilkaan isaa qaraa saniin duyda horii san waraana. Eegasii arraba dheeraa qabuun dhiiga xuuxuu jalqaba. Wagga waggaan horiin mallaqa guddaan tilmaamamu sababa shimbira kanaatiin akka du’u qorannoon godhame ni addeessa.

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x