header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Waraana Ardii Afrikaa

Qophii Abu Ibtisam

Akka daataan lakkofsa ummata addunyaa kan October 2018 bahe mul’isutti, dachii tanarra ummata biiliyoona 7.7 oltu jiraata.

Ummata biiliyoona 7.7rraa dhibbeentaan 60%  Eeshiyaa, Dhibbentaan 16% ammoo Afrikaa, Parsantiin 10  Awrooppaa, Dhibbentaa 7.5 Ameerikaa Kaabaa, parsantii 5.5 Ameerikaa kibbaa, Dhibbentaa 0.5 Naannawa Awustaaliyaa, akkasumas Parsantii 0.00002% Antaarkitikaa keessa jiraachutti jiru. Jaarraa 2 dura, jechuunis bara 1800, lakkofsi ummata addunyaa Biiliyoona 1 qofa ture. jaarraa 1 booda bara 1900tti biiliyoona 1.6 tahe. Wagga 100 keessatti baay’inni ummataa dabale walakkaa biiliyoonaa qofa jechu. Achi booda lakkofsi ummata addunyaa haala ajaa’ibaatiin dabalaa dhufe. bara 1900 booda wagga 50 keessatti, lakkofsi ummata adduyaa biiliyoona 2.5 tahe. Wagga 10 booda bara 1960tti biiliyoona 3 tahe. Amata 20 booda bara 1980tti  biiliyoona 4.5 tahe. Bara 2018 keeysa nama biiliyoona 7.7 oltu dachii tanarra jiraata.  Hubadhaa! Dachii tanarra nama biiliyoona 7.7 oltu jira. Sanirraa biiliyoonni 4.3 ol ykn dhibbentaan 60% Eeshiyaa keessa jiraata. Irra hedduun ilma namaa naannoma eeshiyaa jira jechuudha. Nama Biiliyoona 4.3 kana keessaa biiliyoonni 1.3 chaayinaa keessa jiraata. Bal’inni dachii chaayinaa iskuweer kiiloomeetira miiliyoona 9.5 qofa. Ardiin Afrikaa ammoo iskuweer kiilomeetira miiliyoona 30.37 ballatti, kana jechuun; Afrikaan  dacha 3 oliin Chaayinaa caalti. Garuu ummanni ardii Afrikaa tanarra jiraatu biiliyoona 1.2 qofa. Kun ammoo baay’ina ummata Chaayinaatii gadi. Ummanni Chaayinaa dilli kun dachii xiqqoo san irra nagayaan waliin jiraachutti jira. Ummanni Afrikaa dachii bal’oo tan waan huda biqilchitu irra jiraataa, guyyaa hunda waraanaan wal dhabamsiisutti jira.

Chaayinaa fi Afrikaa

Afrikaa keessaa biyyi bal’ina lafaatiin sadarkaa duraa irratti argamtu Aljeeriyaadha. Aljeeriyaan lafa iskuweer kiiloomeetira miiliyoona 2,381 bal’atu qabdi. Haa tahuu malee irra hedduun dachii Aljeeriyaa gammoojjii waan taheef, lafti namni irra jiraatu haalaan xiqqoodha. Aljeeriyatti aanuun sadarkaa 2ffaa irratti kan argamtu Koongoodha. Bal’inni lafa Democratic Republic Congo ammoo,  iskuweer kiilomeetira miiliyoona 2.344 taha. Dachiin koongoo guutuun lafa qubsuma ilma namaatiif mijjooytu yoo taatu, bosona heddu qabaachuudhaanis ni beekamti.  Bal’inni lafa tanaa bal’ina dachii Ethiopia, Kenya, Eritrea, Djibouti fi Uganda walirratti ni caala. Sababaa bal’ina dachiitiif mootummaan biyyattii dachii kana hunda  toohachuun kan itti ulfaate tahuutu himama. Koongoon dachii waraanaati. Hoggayyuu sagaleen rasaasaafi taankii irraa hin dhaamu. Akka gabaasni ibsutti, bara 1998 as qofa, democratic republic Congo keessatti, namni Miiliyoonni 5.4 ol sababaa walitti bu’iinsaa fii waraanaatiin dhumee jira.

Waggaa 10 dabran kana biyyi Addunyaan guutuun irratti xiyyeeffate Suuriyaadha. Mootummoonni humna jajjabaa qaban hundi waraana suuriyaa kanarratti hirmaatanii jiru jechuun ni dandayama. Bara 2011 eega waraanni Suuriyaa eegalamee hanga arraatti namni ajjeeffame hanga 500,000 ni taha. Garuu kan Koongootiin yoo wal bira qabnee laallu, kan Suuriyaa nama hedduu miti. Afrikaa keessatti wal ajjeesuufii walirratti duuluun baramaa waan taheef, miidiyaaleen addunyaa xiyyeeffannaa guddaas itti hin kennine. Kongoon ammas biyya nagaya qabduu miti. Guyyuu waraana irra oolti.

Gama birootiin Koongoon biyya uumamaan badhaaterraa takka. Albuudonni gurguddoon guutuu addunyaatti akkaan barbaadaman kan Akka Daayimendii, Dahaba ykn warqii fii Albuudonni heddu koongoo keessatti argamu. Dabalataan Zeyita boba’aa ykn gaaziis ni qabdi. Biyyi uumamaan badhaate tun qabeenya kanarraa fayyadamuu hin dandeenye.

Comment

Back to top button