header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Amaazoon

Dachiin teenya tun waa hedduun badhaafamtee jirti. Lubbu qabeeyyii fi Lubbu dhabeeyyii dabalatee waan hedduun guutamtee jirti. Gama hawaatis yoo ilaallu, wantoota lakkoofnee xumuruu hin dandeenye heddutu jira. Uumamaalee dachii irra jiranis akkasuma yoo laakkawuu jalqabne xumuruu hin dandeenyu. Nuti Muslimoonni Wantoota kanniin cufayyuu Rabbii waa hunda uumetu nu badhaase jennee amanna. Nama Qalbii qabuuf wantoota kanniin keessa mallattoolee heddutu jira.

Umamani barruu tana keessatti ilaallu bosona Amaazoon jedhama. Amaazoon Bosona Addaati. Bosonni kun lafa Iskuweer maayila Miiliyoona 2.1 irratti diriiree argama. Walumaa galatti biyyoota sagal keessa qaxxaamura. Garuu Parsantiin 60 bosona kanaa biyya biraaziil keessatti argama. Kan itti aanu ammoo Peeruu yoo taatu, isiin ammoo parsantii 13 qooda keessaa qabdi. Sadaffaa irratti ammoo Kolombiyaatu argama. Dachii isii keessaa parsantiin 10 Bosona Amaazoniin uwwifamee jira. Bosonni kun biqiltoota, bineensota, ilbiisotaa fi uumama gara garaa kan naannoo biraatti arguu hin dandeenye heddu of keessatti hammatee jira.

Bosonni Amaazoon kun osoo akka biyyaatti laakkawamee addunyaa irraa sadarkaa 9ffaa qabachuu danda’a. Bosonni biraa kan dachii tanarra jiru tokkollee bosona kanatti qixxaahuu hin danda’u. Biyyoonni saglan uumama kanaan badhaadhan, Braazil, Peeruu, Venezweelaa, Ikwaadoor, Booliiviyaa, Guyaanaa, Surinaam fi French Giinii jedhaman. Har’aan tana eddoo heddutti bosonni cicciramaa jira. Kan hanga ammaatti hafe lakkoofsaan akkaan xiqqoo dha. Kanneen hafan keessaa Bosonni Amaazoon kunis walakkaa bosana amma addunyaa tana irra jiruuti. Walumaa galatti walakkaan bosona addunyaa Amaazoon yoo ta’u, kanneen hafan ammoo bosonoota xixiqqoo biyyootaa fi Ardiilee garagaraa keessatti argamanii dha.

Bosonni kun Uumama hedduun badhaadhee jira. Akkuma dura ibsame, lubbu qabeeyyiin bakka birootti hin argamnes bosona kana keessa qubatanii jiru. Bineensota dachii tanarra jiran keessaa Parsantii 10 kan ta’an bosona kana keessatti argaman. Kan biraa ammoo Shimbirroota yoo ta’an, bosonni kun sanyiilee Shimbiraa 205 ta’an of keessatti hammatee argama. Gama biqiltootaanis sanyiilee kuma 40 ta’utu bosona kana keessatti argama. Akkasumas bosonni kun Sanyii ilbiisotaa miiliyoona 2.5 ta’u hammatee of keessaa qaba. Hubadhaa! Miiliyoonni 2.5 sanyiidha malee baay’ina ilbiisotaatii miti.

Bosonni akkaan guddaa kun oowwaa fi gogiinsa dandamachuun haalan itti ulfaata. Bosonni kun akka hin ciramne eegumsi guddaan waan godhamuufiif, miidhaan ilma namaatiin bosona kanarra gahu hedduus hin jiru. Haa ta’u malee, oowwaa fi gogiinsi mudatuu malu akkaan yaaddeessaa ta’ee jira. Akka qorattoonni kaayanitti, oowwi addunyaa kanaa digrii seelishiyasii 3n osoo ol dabalee, Parsantiin 75 bosona kanaa goggogee baduu danda’a jedhan. Sababa kanaaf of eeggannoo guddatu godhamaaf.

Bosonni kun maqaa ‘sonba Pilaaneetii tanaa’ jedhamuudhaan beekkama. Sababni isaa ammoo, Qilleensi Oksijiinii parsantii 20 ta’u bosona keessaa argama. Biqiltoonni bosona kana keessa jiran Oksijiinii nuti hargannu kana nuuf maddisiisaa jiran jechuudha. Kanaaf Manca’iinsi bosonaa akka tasaa ta’ee yoo ka mudatuu, wantoonni dachii kanarra jiran rakkachuu akka danda’an qorattoonni tilmaamanii jiru. Qilleensa maddisiisuun cinatti bosonni Amaazoon kun muduraalee 3000 of keessatti hammatee jira. Biyyoota saglan bosonni kun keessatti argamuufis akka madda galiititti tajaajila. Muduraalee kanniin kan uumamaan Rabbiin isaan badhaase kana muruudhaan sooratu. Yeroo barbaadanitti gabaa addunyaatiifis ni dhiheessu.

Soorataan cinattis mukkeen bosona kana keessa jiran tajaajila dawaatiifis ni oolu. Yeroo heddu dhukkuboota Kaansariin walqabatan wal aanuudhaaf qorattoonni baala mukkeenii fayyadamu. Baala qoricha farra kaansarii oomishuuf tajaajilan keessaa parsantii 70 kan ta’u bosona kana keessatti qofa argama. Faaydaan mukkeen bosona kana keessa jiruu haga ammaa qoratamee hin xumuramne. Bosona kana keessa sanyiin mukaa kuma 40 ol akka jiru himamus, saayintistoonni haga ammaatti parsantii 10 qofa qoratan.

Bosona kana keessa namoota garagaraatitu jiraata. Kanneen bosonuma kana keessa galan kan haga har’aatti ilma namaatiin wal arganii hin beeknes akka jiran beekamee jira. Amma dura namoonni Miliyoona hedduun laakkawaman bosona keessa jiraataa akka turan galmeen seenaa ni mul’isa. Har’a garuu ummata 250,000 hin caalletu bosona kana keessatti hafee jira. Lakkoofsi ummataa haala kanaan xiqqaataa jiraatus, ammallee lugaan 170 bosona kana keessatti akka dubbatamu qorattoonni himanii jiru.
Faaydaa kennuun cinattis Bosonni kun qubsuma bineensota akkaan hamaa ta’aniiti. Bofni Anaakondaa jedhamu bosona kana keessatti argama. Bineensota bosona kana keessatti argaman keessaa Toucan kan jedhamu sagalee guddaa qaba. Kanneen akkaan sodaachisaa fi hamaa ta’an ammoo Vampire Bat fi Dart Grogs kan jedhamanis ni argamu. Walumaa galatti bineensota dachii tanarra jiran keessaa parsantiin 10 bosona kana keessatti argamu.

Eegaa uumamani kun hundi eessaa dhufe, Mukkeen hagana baay’atan eenyutu bosona kana keessa kaaye? Bosona bal’aa biyyoota 9 keessa diriiree jiru hoo eenyutu afe? Mukkeen dawaalee heddu qabu fi bineensota summii hamaa qaban eenyutu bosona kana keessa qubsiise? jennee yoo gaafanne, Deebisaan ALLAAH Subhaanahuu Wata’aalaa! kan jedhu. Walumaa galatti nama qalbiin xiinxalleef kana keessas malattootu jira.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button