Doktor Faaximaa

Yunivarsiitii Aleksaandiriyaatti, Proofeesara damee fayyaa kan taate dubartiin takka, gara gola barattoota isii seentee, “Assalaamu ALeeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu” jette. Barattoonnis sagalee takkaan Wa’aleeykum Assalaam Waraahmatullaahi Wabarakaatuhu” jedhanii deebisaniif. Isiinis deebistee, “Akkam qophiin, har’i guyyaa baruumsa keenya kan waggaa kanaa kan itti jalqabnuu dha. Anis barsiistuu teessan ta’uu kiyyaaf gammachuu guddatu natti dhagahama. Maqaa kiyya isinitti himuu kiyyaan duratti waan takka isin yaadachiisuu barbaada. Namni Kitaaba an qopheesse bitachuu hin dandeenye, kan Rakkina Mallaqaa qabuu fi kan rakkoon itti jirtu, bitachuu hin danda’u jedhee xalayaa natti barreessuu danda’a. Anis isin hin cinqu. Dhiifama isiniif godha” jette.

Barataan tokko ol ka’ee, “Proofeesar akkamitti akkana nuuf yaadde? Proofeesaroonni si dura nu barsiisan hundi, namni Kitaaba isaan qopheessan hin bittanne akka baruumsa isaaniitiin kufu dubbatan” jedhee itti hime

Profeesarattiinis, “Sun yaada isaaniiti, yaada kiyyaa miti. An waa’ee kiyya qofa dubbadha” jette.

Barataan sunis seeqataa, “Eegasuu Profeesar, Barataan hundi rakkoo maallaqaa waan qabuuf, hunduu kanuma sababatee kitaaba kee bituu dhiisa” jedhee itti hime.

Isiinis seeqataa, “Homaa rakkoo hin qabu, Anis nama takkallee hin dararu. Mee har’i guyyaa kiyya kan duraa waan ta’eef seenaa takka isinitti haa himu” jettee seenaa itti himuu jalqabde

 

Waggaa 20 dura, Osoo hedduun keessan hin dhalatiniin dura jechuudha, Shofeera taaksii kan Ahmad jedhamutu jira. Innis Intala dubraa tan barnoota Fayyaa waggaa jalqabaa barataa jirtu qaba. Mucattiin sun umriidhaan isinumaan qixa taati. Gaaf tokko Abbaan isii kun intala isaa tana gara kolleejjii Fayyaa taaksii isaatiin geessuuf, daabboo hojjatee intala isaa tanatti  kenne. Laaqanaafis daabboo san akka nyaattu itti hime. isiin garuu, ‘Yaa Abbaa kiyya, gaafa kutaa tokko seene irraa kaasee hanga har’aatti, Daabboma natti kennutti jirta. Amma bar an kolleejjii seenee jira. Daabboo kana akkamitti qabadhee deema. Ani ijoollee keessatti daabboo tana nyaachuu nin saalfadha” jetteen.

innis, “Akkam goona duuba, an waan biroo siif qopheessuu hin dandahu. Waanuma dandahu siif qopheesse, kanuma Qabadhuu deemi?” jedheen.

Faaximaanis, “ Yaa Abbaa kiyya, Ijoolleen daabboo kana yeroo na harkatti argan natti kolfu. Waan kana qabadhee deemuu hin danda’u” jetteen.

Abbaanis, “Hayyee hoodhu kaa” jedhee Birrii 50 itti kenne, “ har’aaf tana keessaa laaqanaan bitadhu. Mallaqa hanbisii, ammoo waan irbaataaf nuuf ta’u akkasumas laaqana kee boriitiif wantoota garagaraa bitii gali” jedheen.

Faaximaanis, “Yaa Abbaa kiyya, Hedduu si galatoonfadha. Ati bar Abbaa gaariidha. Eega gaafa haati tiyya duute irraa kaasee, miidhanuma an walitti lallaaqu nyaachaa turte” jetteen.

Abbaanis “Lakki, Nyaatni ati dalagdu akkuma kan haadha teetii mi’aawaa dha. Nyaanni ati gootu haalaan natti mi’aawa” jedheen.

Faaximaanis, “Haati tiyya bar akkaataa nyaata itti tolchan sirraa baratte, kanaafuu anis isima jalaa laalladhe” jetteen

Abbaanis, “Namni akka haadha teetii hin jiru” jedheen.

Faaximaanis, “Eeyyan haadha tiyya akka sirritti jaalattu nin beeka” jetteen

Abbaanis, “Amma Oduun nu qabdee sa’aa nurraa hin oofin, ani gara dalagaa deema, atis gara mana baruumsaa deemuu qabda. Nu kaasi” jedhee gara balbalaa gad bahe. Faaximaanis hayyee jettee meeshaa hunda qabattee, isa faana baate. Taaksii abbaa isii keessa seentee osoo gara Yunivarsiitii deemaa jirtu, “Yaa Aabbaa, amma dura hulaa mana baruumsaa duratti na buusaa turte, amma ammoo Hulaa Yunivarsiitii duratti na buusuuf deemta, In shaa Allaah fedhiin teetiifi fedhiin ummaa tiyyaa galma gahuuf deemti jetteen.

Abbaanis, “Rabbi rahmata isii haa godhu. Sa’aa meeqatti dhufee si fuudha?” jedhee gaafate.

Faaximaanis, “Lakki hin beeku, kanaafuu anumatu bakka buufata taaksiititti sitti dhufa” jettee taaksii keessaa buute.

Abbaanis, “Hayyee In shaa Allaah, Rabbi si bira haa jiraatu” jedhee taaksii isaa oofaa gara dalagaa ofii deeme.

Bakka buufata taaksii yoo gahu, hiriyyaa isaa kan biraa kan Aadam jedhamuun wal arge.

Aadam: “ Akkam jirta Ahmad?”

Ahmad: “Alhamdulillaah nagaya jira. Ati akkam? Dabareen kiyya kan har’aa naannoo kam?”

Aadam: “ Har’a dabareen kee Naannoo Shan. Garuu haalli qilleensaa akkaan ulfaataa ta’uu hin oolu. Roobaa fi qabbanni si rakkisuu mala”

Ahmad: “Alhamdulillah, Roobni waan bareeda, Rahmata of keessaa qaba. Inumaa gara galgalaa mallaqa gaarii argachuutu mala”

Ahmad: “Rabbi Si wajji haa jiraatu” jedhee gara dalagaa isaa deeme

Yeroon baruumsaa bahan gahee Faaximaanis gara Buufata Taaksiidhaa dhufte. Abbaan isii Ahmadis, intala isaa fuudhee  gara Mana isaa qajeele. Osoma karaa irra imalutti  jiran, Faaximaan, “Yaa Aabbaa boruuf Birrii 1000 barbaada. Kootii laabraatorii, Isteetaskooppii fi Kitaabban garagaraa bitadhaa nuun jedhanii jiran” jettee itti himte.

Abbaanis, “Dirqama boru ta’uu qabaa?” jedheen

Isiinis, “Eeyyan yaa Abii, Proofeesarooni akkas nuun jedhe” jetteen.

Abbaan isii heddu cinqame. Osoo haga halkan walakkaatuu hojjatee mallaqa hagasii akka hin arganne ni beeka. Mallaqa san dhabee ammoo intala isaa baruumsa irraa ariisisuu hin barbaadne. Yaadaan fagaatee deeme. Itti aansuun, “Hayyee ati galii irbaata keellee nyaadhu, waan har’a barattanis qo’adhu. Ani halkan kana turee hojjachuu qaba” jedheen.

Faaximaanis, “garuu Yaa Abbaa kiyya, Qabbanni sitti jajjabaata” jetteen.

Innis deebisee, “Abshiir, Rabbitu jira deemii gali” jedhee isii eega mana isaanii biratti buuseen booda namoota hafanis buusuudhaaf taaksii ofii qabatee deeme

Halkan sun haalaan qabbanaawa. Roobnis haalaan roobutti jira. Sababaa kanaaf, Taaksiin takkallee karaa irra hin jirtu. Hunduu gara Mana ofii galee jira. Carraa kanatti fayyadamee, Abbaan Faaximaa nama argate hunda fe’aa gara bakka isaan fedhanii geessuu eegale. Bakka hunda Taaksiin waan hin turreef, gara deemu hundaa nama fe’ataatuma deebi’a. Mallaqa akka gaaritti argatte. Mallaqa intalti isaa barbaaddu 1000 argachuudhaaf jecha, hifannoota takkaan malee dalagaa isaa itti fufe. Hanga halkan walakkaa dalagaa hin dhaabne. Namnis amma karaa irraa galee jira. Kanaaf nama tokko kan gara mana isaa waliin deemu barbaadutti seene. Haa ta’u malee, Wanti haga ammaati dalagee of harkaa qabu qarshii 700 qofa. Kun ammoo Mallaqa intalti isaa barbaadu kuma tokko guutuu hin dandeenye. Carraa biraa hin qabu, namnis karaa irraa waan hin jirreef galuu murteesse.

Osoma gara manaa deemaa jiru, namni tokko taaksii isaa dura dhaabbatee harka dura qabe.
innis taaksii dhaabee namticha yaabbise.

Namichis,  “Mana na geessi, mallaqa haga barbaaddee siif kafala” jedheen

Abbaan Faaximaatis, “hayyee Abshir, tun dalagaa tiyya” jedhee haasawaa deeman.

Namtichis “Mallaqa takkallee of harkaa hin qabu. Eega mana geenyeen booda siif kenna” jedheen.

Abbaan Faaximaatis, “Abshiir humaa rakkoo hin qabu. Caaltuun ati nagayaan gara manaa galuu keeti. Mallaqani achi booda dhufa. Mana kee si seensisee si biraa deebi’a. Inumaa mallaqa takkallee sirraa hin barbaadu” jedheen.

Namichis ajaa’iba itti ta’ee seenaa ofii itti himutti seene, “Yaa aboo shiftaan takkiin halkaniin natti dhuftee, makiinaa kiyyaa fi waan kiishaa qabu hunda narraa saamtee, bakka amma na fuute sanitti na darbite na biraa deemte” jedheen.

Abbaan Faaximaatis, “Dhugaa baanta moo? Eegasuu gara manaa osoo hin taane, gara waajira Poolisaa deemnee, rakkoo sirra gahe tana itti himna” jedheen.

Namichis, “Amma an gara mana kiyyaa galuu barbaada. Uffata kiyya jijjiirradhee, waan maatiin kiyya itti jiru adda baafatuu qaba. In shaa Allaah achi booda gara Waajjira Poolisii deema” jedheen.

Abbaan Faaximaatis, “Abshir homaa hin yaaddawin, Makiinaa fudhatamteefis hin cinqamin, Inni guddaan ati nagaya ta’uu keeti. Mallaqa boruu argatta” jedhee jajjabeesse.

Related Posts

Osoma gara manaa deemaa jiran, Namoonni biroo Taaksii Abbaa Faaximaa dhaabsisan. Abbaan Faaximaatis, gara namicha fe’ee garagaluun, namootni kunninis rooba keessatti rakkachaa jiran. Kanaafuu isaanillee feenee haa deemnuu?” jedhee gaafate. Namichis haa ta’u jedhee walii gale. Kana booda namoota heddu, bakka wal jalaa siiqsuun akka seenan godhee, deemsa isaa itti fufe. eegasii namoonni hedduun boodarra seenan, ganda isaanii bira geenyaan irraa bu’an. Mallaqa itti kennuuf taanaan, Mallaqa hin barbaadu, Intala tiyya Doktor Faaximaaf du’aa’ii naaf godhaa jedhee amaanaa itti kennate.

Abbaan Faaximaa fi namichi wal qabatanii gara ganda isaanii qajeelan. Namtichi makiinaa keessatti hafe, suuraa yeroo Qormaataa Biyyooleessaatiif faaximaan  kaate tokko taaksii keessatti argee, “Doktor Faaximaan tanaa?” jedhee gaafate.

Abbaan Faaximaatis, “Eeyyan Intala tiyya Doktor Faaximaa dha” jedhee deebiseef.

Namichis, “Suuraa isii yoo laalu bar intala xiqqoodha?” jedhee ammas gaafii lammataa gaafate.

Abbaan Faaximaatis, “Eeyyan, Dhugaadha. Isiin  ammaaf Dokotoraa miti. Amma Kolleejjii fayyaatti barattuu Waggaa tokkoffaati” jedhee deebiseef.

Osoma haala Kanaan haasawaa, taphataa deeman, mana namichaa gahan. Namichis, “Yaaboo asumatti na eegi. Uffata jijjiirradhee, walumaan gara waajjira Poolisaa deemna?” jedhee kadhate.

Abbaan faaximaatis, “Rakkoo hin qabu, jijjiirradhuu koottu” jedheen.

Namichi saffisaan gara Manaa ol seene. Akkuma ol seeneen, “uu uu uu, na dhaqqabaa” jedhee iyye. Abbaan Faaximaa saffisaan, fiigee mana ol seene. Haati warraa fi Ijoolleen namichaa, gaaza Siliindarii keessaa baheen ukkaamamanii gaggabanii jiran. Abbaan faaximaatiifi namtichi wal gargaaranii maatii isaa hundaa makiinaa keessa eega seensisanii booda. Namichi saffisaan manatti deebi’ee mallaqa wal’aansaaf ta’u fuudhee deebi’ee gara Hospitaalaa qajeelan. Akkuma achi gahaniin, wal’aansi godhameefii hafuurri itti deebi’e.  Namichis gara Abbaa Faaximaa garagalee, “arra tola heddu naaf ooltee jirta. Harka narraa qabda. Osoo bakka sanii fuutee na fiduu baattee, silaa arraan tana maatii kiyya hunda dhabe jechuudha” jedhee, Kiisha ofii keessaa Mallaqa guddaa baasee itti hiixate.

Abbaan Faaximaa ammoo, “Hunduu fedhii Rabbiitiin ta’e, An saantimii takkallee sirraa hin fudhu. Waan saamamteef yookaan ammoo waan maatiin kee Miidhameefii miti. Osoo wanti feetellee galee santima takkallee sirraa hin fuudhu” jedheen.

Namichis, “Maaliif narraa hin fuune?” jedhee gaafate.

Abbaan Faaximaatis, “Waggaa 20 dura yeroo taaksii tana bitu, Haati warraa tiyya, Rabbi rahmata isii haa godhuu, heddu gammaddee turte. Yeroma san waadaa takka na seensifte. Nama xumura irratti yeroo gara manaa galtu feetu irraa mallaqa takkallee hin fuudhin. Arjummaa tee saniin, Rabbi hamtuu irraa sii eeguu mala” naan jette. Anis “Maaliif nama xumuraa irraa jetteree?” jedhee gaafadhe. Isiinis, Namni xumuraa sun lafti waan itti halkanoftuuf, sodaa fi cinqii keessa jiraachuu mala, akkasumas mallaqa of harkaa hin qabu ta’a. Kanaaf nama xumura irratti feetu, toluma fe’i” jettee waadaa na seensifte. Itti dabaluun, “Argitee taaksii tiyya yoo ilaaltu waggaa 20 waan turteef dulloomtee jirti. namni isiidhaan deemuu hin fedhu. Garuu dhugaa siin jedha, Waggaa 20 keessatti yeroo lama qofa garaajii seensise” jedhee itti hime.

Namichis, “ Yaa Allaa! Ati nama gaariidha. Mee maqaa kee guutuu natti himi. Eega Mallaqa narraa fudhatuu diddee, hiriyyaa gaarii waliif taana” jedheen.

Abbaan Faaximaatis, “Ahmad Ismaa’il jedhama” jedheen.

Namichi deebisee, “Intalti tee tan suuraa irraa sun, Maqaan isii Faaximaadhaamii? Jedheen.

Abbaan Faaximaatis, “Eeyyan” jedhen.

Namichis, “Ijoollee biraa qabdaa?” jedhee gaafii itti aanse.

Abbaan faaximaatis, “Lakki hin qabu” jedhee deebiseef.

Namichis, “Mana kiyya argitee jirta. Kanaafuu intala tee wajjiin koottaa nu ziyaaraa” jedheen.

Abbaan Faaximaatis, “In shaa Allaah, Dhufnee isin ziyaarra. Achumaan Haati warraa teetii fi Ijoolleen tee fayyuu isaaniitis adda baafanna” jedheen.

Namichis, “In shaa Allaah, Anis Abdiin isin eega” jedheen

Abbaan Faaximaa gara manaa galee, waan isa mudate cufa Intala isaatti hime mallaqa argate hunda itti kenne.

Faaximaan, “Yaa aabbaa halkan kana guutuu dalagaa turtee, mallaqa 700 qofa qabattee dhufte. Mallaqa booda irratti namni siif kenne san maaliif irraa hin fuudhin? Boru amma mana baruumsaatii ari’amuu kiyya.” Jettee rakkoo ofii himatte

Abbaanis, “Laal intala tiyya na dhagahi. Kan waggaa kana hunda si eegee hamtuu hunda sirraa qabee Kolleejjii fayyaa Kanaan siin gahe Rabbii guddadha. Ahdii Haati tee na seensifte eeguuf jecha, namoota xumurarra fe’u hundarraahuu mallaqa hin fuudhu. Ahdii kana, haadha teetiifi Rabbii guddaafin seene. Kanaafuu Rabbii guddaa qabdaa hin yaaddawin, Kan barsiisee asiin si gahe Mallaqa kiyyaa miti. Anaas miti. Rabbiin amma dura rakkoo heddu keessaa na baasee jira. Ergamaan Rabbii ﷺ ‘Nama eeybii nama biraa dhokseef, Rabbillee guyyaa qiyaamaa ni dhoksaaf. Akkasumas nama rakkoo obboleessa isaa fureef, Rabbille guyyaa qiyaamaa rakkoo isaa furaaf. Haga gabrichi isaa ilma namaa tajaajiluu irraa of duuba hin deebinetti, Rabbillee isa gargaaruu irra of duuba hin deebi’u’ jedhanii jiran” Jedheen.

Faaximaan, Dogoggora ofii bartee, “Ergamaan Rabbii ﷺ dhugaa dubbatan. Anis isuma boruu kana sodaadheeti. Abdii Doktora ta’ee si gammachiisa jedhe santu na jalaa fashalaa shakkeeti malee, waan biraatiifii miti” jetteen.

Abbaan Faaximaatis, “ In shaa Allaah, Boru Birrii 700 kana qabadhuu gara kolleejjii deemi. Ta hafte Rabbi irratti dhiisi.” jedheen.

Faaximaanis, “ In shaa Allaah, Abbaa kiyya, Sirrii jette” jettee gara hirribaa deemte.

Barii gaafa itti aanuu, akkuma duraa Abbaan Faaximaa intala isaa Kolleejjii geese. Isiinis gara Kutaa seentee osoo taa’aa jirtu, Namni tokko ol seenee, “Faaximaa Ahmad Ismaa’il, Kutaa hoogganaa kolleejjichaatti barbaadamta” jedheen.

Faaximaan, Sodaataa lafaa ol kaatee, “Anaa?” jette

Namichis, “ka’ii na wajji koottu. Hoogganaan si dubbisuu barbaada” jedheen. Faaximaan ganama yoo seentu mallaqa kafaluu dhabuu isiitiin hedduu cinqamtee onneen isii dacha dacha dhikkisuu eegalte. Ari’amuu isii ofirratti beektee jirti. Eega waamamtee hafuu waan hin dandeenyeef, waanuma Hoogganticha ittiin amansiistu sammuu ofii keessatti yaadaa biiroo namichaa seente.

Hooggantichis, “Ati Faaximaa Ahmad Ismaa’il jedhamtaa?” jedhee irra deebi’ee gaafate.

Faaximaanis, “Eeyyan” jette.

Hooggantichi, “Abbaan kee shofeera taaksiitiimii?” jedhee gaafate.

Faaximaanis, “Eeyyan, Maal ta’e, maaltu isa mudate” jettee, cinqamaa gaafate

Hooggantichi, “Lakki homaa hin taane, rakkoon takkallee isa hin mudanne, tasgabbaahi. Isa osoo hin taane, anatu kaleessa waa mudate. Osoo Abbaan kee jiraatuu baatee, silaa anis gara manaa hin galu. Haati warraa fi ijoolleen tiyyas silaa lubbuun hin hafan. Rabbiin isa sababaa nuuf godhe. jedheen

Faaximaanis, “Namni kaleessa galgala Taaksii abbaa kiyyaatiin xumura deeme, kan maatiin isaa sababa gaaza siliindaraatiin gaggaban sihii” jettee gaafatte.

Hooggantichis, “Eeyyan ana ture. Amma wanti si barbaadeef, Atiif abbaan kee har’a irbaata irratti akka mana keenya dhuftan isin afeeruuf” jedheen.

Faaximaanis, “In shaa Allaah ni dhufna” jettee gara golaa deebi’uuf Hoogganticha heeyyamsiiste.

Innis, “Obsi al takka, Kitaaba, uffata laabraatoorii fi Isteetaskooppii kana fudhadhu. Kennaa an siif qopheesse” jedheen.

Faaximaan waan argiteefii dubbii dhaggeesse amanuu dadhabde. Kennaa kennameef sanillee diduu hin dandeenye. Fudhattee gara golaa qajeelte.

 

Proofeesarattiin seenaa kana himtee eega geessiteen booda, Doktor Faaximaa Ahmad Ismaa’il jechuun ana. Ani intala namicha Taaksii oofu saniiti. Rakkoo akkanaa keessa dabree bakka kana gahe. Isinis abdii hin kutatina. Waan jiru hunda Rabbirratti dhiisaa. An rakkadhee waan baradheef isin rakkisuu hin barbaadu. Haa ta’u malee, ana abdattanii baruumsa keessan hin dhiisinaa, haga dandeessaniin kitaabota kanniin bitachuuf carraaqaa, tan hafte ammoo Rabbii ol aane irratti dhiisaa. In shaa Allaah tan hafte Rabbitu isinii guuta jettee, baruumsa guyyaa sanii seenaa isiitiin xumurtee biraa baate.

Qopheessaan Barreeffamaa @Abu Ibtisaam

Comments are closed.

Have questions? Search our knowledgebase.