header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Zoonkii (Zonkey)

Uumama Rabbiin uume lakkoofnee bira gahuu hin dandeenyu. Uumamni Rabbii lakkoofsaanis amalaanis, haalaanis ajaa’ibuma. Isa tokko arginee ajab yoo jennu, inni biraa ammoo dhufee waan biraa nutti fida. Uumamni hundi isaatuu haaluma adda ta’een waan isaaf kenname badhaafamee ittiin jiraata.

Bineensi barruu tana keessatti ilaaluuf deemnu kun Paarkii keessatti malee hin argamu. Bineensi kun Afaan Ingiliffaatiin Zoonkii jedhama. Hubadhaa Zoonkii malee Doonkii miti. Zoonkiin bineensa Harre diidaa fi Harree manaa irraa argameedha. Uumamni Harre diidaa fi Harree manaa kana irraa uumamu kun bifa lama qaba. Inni duraa Harree diidaa dhiiraa fi Harree manaa dhaltuu irraa kan argamu yoo ta’u inni kun Zoonkii jedhama. Harre diidaa dhaltuu fi Harree manaa dhiiraa irraa kan argamu ammoo Zeedonk jedhama.

Walumaa galatti Zoonkiin bineensota akka Gaangee jalatti ramadama. Bineensotni kunniin irra deebi’anii sanyii isaanii bakka buusuu hin danda’an. Kana jechuun akkuma Gaangee Zoonkiinis dhaluu hin danda’u jechuu dha. Akkuma beekkamu Harreen diidaa fi Harreen manaa sanyii akkaan walitti dhihooti. Garaagarummaan isaan jidduu jiru tokko bifa isaanii yoo ta’u, inni lammataa ammoo walitti dhufeenya ilma namaa fi bineensota hafan wajjiin qabanii dha. Harreen diidaa harree akkaan aarii guddatu yoo ta’u, bosona keessa malee ilma namaatitti madaqee jiraachuu hin danda’u. Harreen manaa garuu madaqee ilma namaa wajji jiraachutti jira.

Zoonkiin irra caalatti harree manaatiin wal fakkaata. Harree diidaa irraa ammoo sarara qaama irra jiru san dhaale. Sarara kana fageenya irraa ilaalanii adda baafatuun hedduu rakkisaa dha. Yoo itti dhihaatanii ilaalan malee harree manaa fi Zoonkii adda hin beekan. Harreen diidaa namatti madaquu didee bosona keessa jiraata. Harreen manaa ammoo ilma namaatti madaqee tajaajila hedduu kennutti jira. Eegasuu Zoonkiin akkamitti uumamuu danda’aree? Jettanii of gaafachuun keessan hin oolamu. Kanaaf deebii kan ta’u haasawa keenna jalqabarratti isiniif tuqne sani. Zoonkiin kan argamu Paarkii keessatti akka ta’e isinitti himnee jirra. Kunis ilmi namaa harree diidaa fi Harree manaa kanniin walitti fiduudhaan bineensonni kunniin lamaan akka wal qunnamanii Zoonkiin dhalatu haala mijeessu.

Zoonkiin Abbaa isaanii Harre diidaa irraa kan dhaalan sarara gogaa isaanii irra jiru qofaa miti. Akkuma abbaa isaanii madaqanii ilma namaa wajji jiraaturratti rakkoo guddaa qabu. Akkuma Abbaa isaanii aarii guddatan. Humna jabaas waan qabaniif yeroo dallananitti miidhaan isaan ilma namaa fi bineensota kaawwan irraan gahan akkaan jabaadha. Dabalataan Zoonkiin humna haadha isaanii irraa argatan, akkasumas saffisaa fi annisa abbaa isaaniirraa argatan walitti dabalanii qaban. Haala kanaan wantoota akkaan ulfaataa ta’an baadhachuu irratti rakkoo hin qaban.

Akkuma dura dubbanne Zoonkiin wal hormaata hin danda’u. Zoonkiin tokko dhalatuudhaaf Harreen diidaa fi Harreen manaa walitti dhufuu qaban. Harreen diidaa kormaan harree manaa dhaltuu wajji wal qunnamtii saalaa raawwata. Harreen manaa tunis waggaa tokkoo oliif rimaya erga garatti qabatteen booda ilmoo Zonkii dhalti. Ilmoon dhalate kunis daqiiqaa takka keessatti dhaabbatuu danda’a. Ilmoon kun ji’a 6 caala haadha wajji turuu hin danda’u. Amala abbaa waan qabuuf haadharraa adda bahee garee biraa wajji jiraatuu jalqaba.

Zoonkiin akkuma haadhaa fi abbaa akkasumas akkuma fardaa fi gaangeedhaa garee Heerbiivaras ykn ammoo warra baala nyaatu keessatti ramadama. Jiraachuudhaaf dirqama marga argachuu qaba. Baay’inaan kan jiraatu Paarkii keessa waan ta’eef, baala nyaatu namootuma isaan kunuunsan irraa argata. Zoonkiin bineensota akka Leencaa, Waraabessaa, Qeerransaa fi Warbaa (Abboo Shammaanee) tiif nyaata akkaan barbaadamuu dha. Kanaaf zoonkiidhaaf diinni hamaan isaani. Saffisa, Humnaa fi Jabina qabuttii fayyadamee bineensota kanniin jalaa miliquu danda’us, yeroo heddu garuu bineensota kanniin ofirraa eegaati jiraata. Jiruun isaa yoo hunda tan sodaan guutamee dha.

Zoonkiin Amala Aarii abbaa isaa irraa dhaaleen yeroo heddu namatti madaqee jiraachus baatu, waa hojjachurratti garuu humna, saffisaa fi annisaa maatii isaa walitti qabatee waan uumameef, ammaan tana akkaan barbaadamaa ta’ee jira. Kanaaf Paarkiilee fi eddoowwan qorannoo garagagraa keessatti sanyiilee lamaan walitti fiduun akka wal horan godhamaa jira.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button