header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Waa 4 Ramadaana Dura

Waa Afur Tan Ramadaana Dura Dalaguu Qabnu

1ffaa. Faayidaa Ramadaanaa Baruu

Waa hunda dura faayidaa fii sadarkaa baatii Ramadaanaa beekuu qabna. Akka yaadni keenya guddatee karoora ibaadaa ol aanaa karoorfannuuf, sadarkaa Ramadaanaa baruun barbaachisaadha. Yoo sadarkaa Ramadaanaa beeyne qaamaa fii qalbiin hamilee gaariin if qopheeysina. Faayidaa fii Sadarkaa Baatii Ramadaanaatirraa muraasni:

Cubbuun namaaf irra dabrama, sadarkaan ol namaaf fuudhama, Soomanni ibidda irraa gaachana namaaf taha. Soomanni dalagaa gaarii keessaa, gita hin qabu. Rabbiin ifitti irkisee Soomanni Anaafi jedhee jira. Kadhaan nama Soomana qabuu hin deeffamtu. Nama soomanuuf gammachuu lamaatu Jira. Gammachuun takka hoggaa faxaru, gammachuun lammataa hoggaa Rabbii isaa qunnamu. Soomanni Rabbiif galata galchuudha. Soomanni qaama namaa badirraa tiysa. Foolii afaan nama Soomanuutirraa bahuutu Rabbi biratti shittoo irra urgaawa. Nama Soomanu Rabbii fii Malaaykaan rahamta irratti buusan. Soomanni warra soomaneef guyyaa qiyaamaa magantaa seena. Soomanni karaa jannataati. Warri soomanaa jannata hulaa addaatiin seenan. Hulaa Al-Rayyaa ja’amtu warra Sooamanaa qofaaf qophooyte.

Wantoota Ramadaana dura godhuu qabnu keessaa kan 2ffaa Towbaadha.

Namni Ramadaana keessa hin towbanne yoom towbata? Rabbiin Nama Miliyoona hedduuf Ramadaana keessa hoggaa araaramu, ati yoo hoongoyte sin sheeneeysuu? Namni akka malee hoongawe nama Rabbiin hulaalee jannataa isaaf banee, inni ammoo didee ajaja Rabbii khallafee badii dalagu. Yaa Obboleeyyan: Ramadaanni hogga meeqaatam nutti dhufee osoo nuti hin towbanne yoo nurra dabre maal ifiin Jenna? Inumaa gariin namaa badii biraa dalaguuf Ramadaana keessa nashaaxa. Sa’aan nuti towbannee galmee teenya haarawatti jijjirru hin geenyee? Rabbiin akkana je’ee towbatti nu yaama:

“Yaa Gabroottan tiyya, kan badiin lubbuu teeysanitti daangaa dabartan, rahmata Allaaha irraa garaa hin muratinaa, Allaahan cubbuu hunda ni araarama, inni Araaramaadha, Rahmata godhaadha. Gama Rabbii Keessanii deebi’aa ammas isaaf if Kennaa, Osoo azaabni isinitti hin dhufneen duratti, Eegas (Eega Azaabni Dhufe) hin tumsamtan.” 

Suuratu Az-Zumar: Aayaata 53-54

Kanaaf ammuma ka’ii towbadhu, badiin tee osoo hanga feete guddattee, Rahmanni Rabbii waan hundarra guddatee jira. Badiin tee hanga feete guddattus Rahmata Rabbii biratti waan xiqqoo takka taati.

Rabbiin ol tahe Hadiisul Qudsii keessatti akki je’e:

“Yaa Ilma Aadam: Ati waan na kadhattee fii narraa kajeelteen siifin araarama, (cubburraa) waan sirraa argamee wajjiin siifin dhiisa, Yaa Ilma Aadam osoo cubbuun tee xarafa Samii geeyse, eegasii yoo araarama narra barbaadde, siifin araarama. Dantaa hin godhu (badii tee siifin dhiisa), Yaa ilma Aadam; osoo badii dachii guututti dhihaattuun natti dhufte, ammoo osoo natti hin qindeeysin (Shirkii Osoo Hin Dalagin) na qunnamte, Ani araarama hanga dachii guututti dhihaatuun sitti dhufa.”je’e.

Wanni kana hundarra caalu, Rabbiin warra towbaa godhu ni Jaalata. Faayidaa Towbaatirraa Tokkichi Kuni Qofti Gahaadha, Sadarkaa Towbaa dubbachuu fii towbatti nama mirqaansuuf, Rabbiin nama cubburraa towbatu jaalchuun gahaadha.

Hadiisa Bukhaarii fii Muslim gabaasan keessatti Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan.

Namichi tokko nyaataafi dhugaatii gaalatti fe’ee osoo gammoojjii keessa deemutti jiru, gaalli soorata isaa fudhattee jalaa badde. Namichi gammoojjii keessatti kophaa isaa hafe. Waan nyaatuufi dhugus dhabee, ciisee osoo du’a eeggachutti jiru, gaalli isaa deebitee dhufte. Namichi gammachuun if wallaalee, “Yaa Rabbi, Ati gabricha kiyya, Ani gooftaa keeti”je’e. Namichi gammachuu daangaa dabree waanuma dubbatuu wallaale. Rabbiin guddaan, towbaa gabrichaatiin gammachuu namicha kanaa caalaa gammada. Kanaaf gama towbaa ka’I ammuma araarama barbaadi. Ramadaanaaf if qopheeysi!

3ffaan, haqa namaa ifirraa deebisuudha. Nama mufachiifnes yoo tahe, dhiifama gaafachuudha.

Hadiisa Bukhaariin gabaase keessatti Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki jedhan:

“Namni obboleeysa isaa miidhe yookaan haqa isaa Zulmiin irraa fuudhe, arra ifirraa haa hiikhu (if haa qulqulleeysu), osoo guyyaa dinaaraa fii dirhamni nama hin fayyanne dhufee irraa hin fudhamne. Dalagaa gaarii qabaatu sanumaatu fuudhamee hanga inni zallame saniin namaaf deebi’a, yoo dalagaa gaarii hin qabaanne ammoo, badiin jara inni zallame irraa fuudhamtee isaaf kennamti.”Je’an. 

Hadiisa Muslim gabaase keessatti Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam , ” Hiyyeesa jechuun nama akkamiiti je’anii Sahaaboota gaafatan. Sahaaboonni nama Dirhamaa Fii Dinaara hin qabne Ja’aniin. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Hiyyeesi nama guyyaa qiyaamaa Salaataan, Soomanaa fii Zakaadhaan dhufu, namni kun addunyaarratti nama hedduu zallamee jira. Guyyaa boruu dalagaan isaa tun namoota inni addunyaarratti miidheef qoodamti. Cubbuun Jararraa fuudhamtee isarratti darbamti. Eegasii innis ibiddatti darbama.”Je’anii deebisaniif. Kanaaf jecha zulmii fii miidhaa deebisuun maatii keenyaan eegaluu qaba. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’e: “Namoota sadi Rabbiin guyyaa qiyaamaa dalagaa isaanii takkalle irraa hin qeebalu: Nama Haadhaa fii Abbaa mure, Nama dubbii nama jidduu oofee walitti nama diru, Nama Qadara (Murtii Rabbii) kijibsiise.” Je’e.  Miidhaa fii haqa namaa irraa if qulqulleeysinee Ramadaana soomanuun milkii guddoo siif sabachiisa.  Wal dhabbii fii wal jibbaan waan Muslima Kasaarsaati malee waan fayyadaatii miti. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: Halkan leeylatul Qadri himuuf gad bahan.  Hoggaa kana Muslimoonni lama dhaabbatanii wal falamutti jiru. Rasuullis (SAW) jidduma tanatti halkan leylatulqadrii irraanfatan. Wal jibbaa, Wal falmii, Wal miidhuu fii Wal Zallamuu irraa qulqullooynee osoo Ramadaanatti seennee way waa tolte!

4ffaa  Ramadaana Dura Ibaadaatti jabaachuu barbaachisa.

Ramadaana dura ibaadaa guddisuu fii jajjabeeysuun akka leenjii qaamaati. Warri Kubbaa taphatu yookaan warri fiigu, Waldorgommii moohachuuf qaama isaanii leenjisanii wal dorgommiif dhihaatu. Yoo akkas godhuu baatan qaamni isaanii itti ulfaatee dadhaban. Ibaadaa Ramadaana dura itti jajjabaachuun Ramdaana keessa daran itti cimuuf leenjii namaf taati. Ramadaana dura ammuma salaata jama’aa eeggadhu, Qur’aana qara’uu jalqabi, kheeyrii hunda itti ariifadhu.



Qophii: Ustaaz Jaafar Bayaan (Abuu Muhammad)

Back to top button