header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Baatii Ramadaanaa

Alhamdulillaah Rabbil Aalamiin. Jiini ulfaataa fi Kabajamaan nuuf dhufee jira. Magaalaan guddoon bu’aa guddoo keessaa buufannu dhaabatuuf jirti. Magaalaa tana keessatti daldala khayrii daldalachuun qarummaadha.  Ramadaanni ji’a Ajrii heddu of keessaa qabu. Kanaafuu ji’a bu’aa guddaan nutti dhufe kana haala gaariin keessummeessutu nurraa eeggama. Wantoota ramadaana keessatti dhoorkaman irraa fagaannee, wantoota ajrii guddaa nuuf argamsiisan irratti ammoo akkaan jabaachuu qabna. Gama birootiin wantoota ibaadaa keenya nu jalaa miidhuu danda’an ykn  wantoota bu’aa nuuf hin qabne irraa fagaanne ji’a kana milkiin dabarsuuf carraquun barbaachisaadha.

Soomanni nyaata Suhura irratti soorannuun jalqabama. Suhuura nyaachuun jaalatamaa fi Sunnaa Rasuulaati (SAW). Dhiisuunis badii takkallee hin qabu. Hadiisa Anas (RA) gabaase keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) “Suhuura keessa barakaan waan jiruuf nyaadhaa”jedhan. Kanaafuu barakaa san argachuudhaaf jecha sooratuun jaalatamaadha. Dabalataan wanti soorannu guddas xiqqas ta’uu danda’a. namni yoo barbaade bishaan qofa dhugee soomanatti seenuun mirga isaati. Hadiisa Abi Sa’id Al khudrii (RA) nuuf dabarse keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Sooratni Suhuraa barakaadha. Yoo bishaan hambuuqaa takkaallee taate dhugaa. Dhugumatti Rabbii fi Malaa’ikoonni namoota suhura ganamaa sooratan irratti rahmata buusan”jedhan.  Kanaafuu osoo hin tuffanne, obboroo lafaa kaanee bishaanumallee taatu dhuguu akka qabnu hadiisa kanarraa hubatuu dandeenya.

Suhuura jechuun soorata walakkaa halakan boodatii haga baha fajriitti nyaattamu yoo ta’u, garuu gara baha fajriitti dhiheessanii nyaachuun irra jaalatamaadha. Suhuura yeroo duraa keessatti sooratuun dhoorkaadha jechuu miti. Namni barbaade saa’aa barbaadetti nyaatuu, yoo fedhes dhiisuu danda’a. Garuu namni nyaatuu barbaade gara saa’aa Fajriitti dhiheessuun isaaf irra jaalatamaadha. Yeroo heddu dursanii nyaatuun rakkoo biraa nutti fiduu danda’a. Namni dursee nyaate ni dadhaba. Kanaafis gara hirribaa deemuu danda’a. Yeroo kanatti ammoo salaanni Fajrii jala darbuu waan danda’uuf, gara salaata Fajrii dhiheessuun gaariidha. Eega Suhuura keenya soorannee booda, niyyaa teenya tolfannee soomanatti seenna. Kana booda gara Masjiidaa deemuun jama’aa waliin fajrii salaannee, Ajrii heddu sassaabachuun barbaachisaadha.

Soomana keenya haala kanaan eega jalqabneen booda, guyyaa san keessatti wantoota jibbaman irraa fagaatuun barbaachisaadha. Soomana keessatti Wanti yeroo biroo heeyyamamaa ta’eyyuu gariin dhoorkamaadha. Kanaafuu wantoota dhoorkamaa ta’an irraa ammoo daran fagaatuu qabna. Fakkeenyyaaf nyaata nyaachuun heeyyamamaadha. Soomana keessa garuu yeroo guyyaatti nyaatuun dhoorkaadha. Eega wanti heeyyamamaa ta’e dhoorkaa ta’e, wanti dur dhoorkaa ta’e ammoo amma daranuu dhoorkamaa akka ta’u ni beekama. Wantootni soomana keenya balleessan heddutu jiru. Kanaafuu hunda isaanii beekuudhaan irraa fagaatuu qabna. Fakkeenyaaf hamii fi ilma namaa waan inni hin qabneen dubbachuun hin barbaachisu. Ramadaana keessatti qofa osoo hin taane, ramadaanaan alas wantootni kunniin dhoorkamaadha. Ramadaana keessatti ammoo daran irraa fagaachuu qabna. Dabalataanis oduu dharaa faffacaasuu fi dubbii kijibaa irraallee fagaachuu qabna. Nama arrabsuu, namatti baacuu fi nama qeequu irraallee obsa godhuu qabna. Yeroon yeroo soomanaati. Kanaafuu wantoota islaamummaa keessatti jibbamaa fi dhoorkamaa ta’an hundarraa fagaatuu qabna.

Guyyaa keenya ammoo waan gaarii irratti dabarsuun barbaachisaadha. Qur’aana qara’uu fi zikrii godhuun hundarra caala. Yeroo keenya waan faaydaa hin qabnee fi wantoota dhoorkamaa ta’an irratti dabarsuu hin qabnu. Fakkeenyaaf guyyaa guutuu rafuun gaarii miti. Namni soomanu dadhabuu mala, akkasumas halkan dhaabbachuudhaaf guyyaa ciisuun barbaachisaa ta’uu mala. Kun garuu saa’aa muraasaaf qofa malee, guyyaa guutuu rafaa ooluu barbaachisa jechuu miti. Walitti qabanii guyyaa guutuu rafuun kaayyoo soomanaa balleessa. Soomanni yeroo dammaqanii zikrii fi qur’aana heddummeessuun ajrii heddu walitti sassaabatan waan ta’eef, guyyaa keenya waan gaarii irratti dabarsuudhaaf carraaquu qabna.

Akka yeroon nu jalaa deemuuf jecha wantoota jibbamaa fi dhoorkamaa ta’an irrattis dabarsuunis rakkoo hamaadha. Fakkeenyaaf Fiilmiiwwan fasaadaatiifi wantoota jibbamaa ta’an irraa fagaatuu qabna. Yeroo keenya Qur’aana, Hadiisa, Daa’waalee karaa garagaraatiin qophaawan dhaggeeyfataa irraa faaydeeffatuu qabna. Namni fiilmii warra lixaa laalu wantoota dhoorkamaa ta’an heddu arguu danda’a. ijji ilma namaatis ji’a Ramadaanaa keessatti soomanuu qabdi. Kanaafuu TV keesatti wantoota  dhoorkamaa ta’an arguu waan malluuf , irraa fagaatuun gaariidha. Akkasumas dabalataan yeroo dabarfatuuf jecha, haasawa hin taane haasawaa dabarsuun barbaachisaa miti. Baatii Ramadaanaa tana guutuu, ibaadaadhaaf marxifannee haa kaanu.

Guyyaa keenya haala kanaan eega dabarsinee booda, saa’aa ifxaaraa irratti ammoo saffisuu qabna. Ganama tursiifannee soomana qabanne, galgala ammoo akkuma aduun seenteen furuu qabna. Yeroo itti kennuu hin qabnu. Dalagaa garagaraas osoo of harkaa qabaannee, jidduun dalagaa san dhiifnee, timira takkas taatu, bishaan hambuuqqoo takkas taatu, saffisaan lulluuqqachuun barbaachisaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) “namoonni haga soomana furuu irratti daddafanitti, haala gaarii irra jiran”jedhan. Kanaafuu soomana daddafanii furuun gaaroomina ilma namaa keessaa isa tokko jechuudha. Yeroo furru kana ammoo akka Rasuulli (SAW) nuuf dhaamanitti timiraan furuun jaalatamaadha. Bakka timirri hin jirretti ammoo bishaan fayyadamuu dandeenya. Bakka kunniin lamaan hin jirretti waanuma nuuf qophaayeen furuu dandeenya. Yoo nyaanni qophaaye jiraate ammoo salaata magriibaa salaatuun dura suuta jennee nyaachuun jaalatamaadha. Nyaatas ta’e Salaata jarjarsuu hin qabnu. Soorata keenya suuta jennee eega sooranneen booda, salaata keenyatti seenuu dandeenya.

Yeroo faxaraa kanatti wantoonni godhuu qabnu heddutu jira. Fakkeenyaaf namoota garagaraa qabannee galuudhaan faxarsiisuun mindaa guddaa rabbi biraa nuuf argamsiisa. Namni nama faxarsiise, ajrii nama soomanee san qixuma isaa argata. Hedduun keenya ammaan kana sooratni nuti ifxaaraaf qopheeffannu lakkaawamee hin dhumu. Kanaafuu wantoota heddu qopheeffanne kana keessaa hamma murtaaye nama rakkataaf kennuun barbaachisaadha. Hedduun keenya soorata heddu eega qopheessineen booda, hamma nu gahu qofa irraa nyaannee, kan hafe ammoo gad naqutti jirra. Kun ammoo islaamummaa keessatti jibbamaadha. Soorata heddummeessanii eega qopheessanii booda, gad baasanii gad naquun israafa godhuudha. Rabbi ammoo namoota israafa godhan hin jaalatu. Kanaafuu waan qopheeffanne san namoota waliin  soorachuudhaan ajriis argataa, israafa goonee Rabbiin jibbamuu irraa fagaatuu qabna.

Yeroo ifxaaraa kana du’aa’iiwwan barbaachisaa ta’an godhachuu qabna. Akkasumas sooratas jiddu galeessatti sooratuu qabna.  Humnaa ol soorachuun rakkina hedduuf nu saaxiluu mala. Gama fayyaatiin qaama keenyarratti dhiibbaa mataa isaa qabaatuu mala. Akkasumas namni akkaan quufee nyaate, salaata taraawihaa salaatuun itti ulfaata. Salaata taraawihaa dhiisuun rakkoo miti. Garuu ajrii isa keessatti argamu nu jalaa hir’isa. Wantoota ramadaanni ittiin beekkamu keessaa tokko salaata taraawihaati. Kanaafuu salaata taraawihaa salaatuudhaaf ammoo soorata keenya xiqqeessinee sooratuun barbaachisaadha.

Xumurarratti wanti  isiniif dhaamnu ammoo, ALHAMDULILLAAH guyyaa muraasa booda Ramadaana 1 jennee eegalla. Ibaadaa eegallu hunda guyyarraa fooyyessaa deemuu qabna malee, laaffisaa deemuu hin qabnu. Fakkeenyaaf har’a yoo mallaqa sadaqanne, boru ammoo sadaqaa irratti Ziyaaraa firaa dabalachuudha. Iftaanis waan hardhaafi boru dalagne irratti, kheyrii biroo dabalaa deemuun irra nuuf gaariidha. Guyyaa hunda mee khayrii akkamii haa hojjadhu jedhaa yoo of gaafanne, in shaa ALLAH Rabbiin kharaa khayrii nuuf bana.  Ramadaana Milkii, Ramadaana Khayrii, Ramadaana Nasrii nuuf haa tahu.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button