Umbrella Bird

Simbirri tun afaan Ingiliffaatiin Umbrellabird jedhamti. Umbrella jechuun afaan oromootiin dibaabee ykn amaariffaan “ጃንጥላ” jechuudha. Maqaa kanas kan argattee Guuttiyyee akka dibaabee mataa isii gubbatti argamu irraayi. Baay’inaan kan argaman bosona Ameerikaa jiddu galeessaa fi kibbaa keessatti. Sanyiin simbira kanaa sadi kan jiru yoo ta’u Isaanis: Long-Wattled Umbrellabird, Amazonian Umbrella bird, fi Bare Necked Umbrellabird jedhamu. Hundi isaaniituu guuttiyyaa dibaabee fakkaatu mataa irraa qaban.

Yeroo wal hormaataatti inni dhiiraa guuttiyyaa kana diriirsuudhaan mataa isaa guutumaan guututti haguugee dhaltuu ofitti harkisa. Kana booda qola morma isaa jalatti argamu san afuufuudhaan sagalee guddaa baasaa dhalaa ofitti waama. Sanyiin simbira kanaa sadanuu guutiyyaa mataa irraa qabaatanis adda baasuudhaaf heddu salphaadha. Long Wattled Umbrella bird qola haga seentimeetra 35 dheeratu kokkee jalaa qaba. Amazonian Umbrellabird ammoo guutumaan guututti gurraacha yoo ta’u, Bare-Necked Umbrella bird ammoo kokkee jalaa baallii bifti isaa diimaa ta’e qaba.

Simbiroonni kun yeroo heddu lafa gad dhooqaa (lowlands) ta’an irra jiraatan. Garuu yeroo wal hormaataa lafa ol ka’aa hanga metre 2000 sirrii galaanaa irraa (Above sea level) ol ka’aa ta’e gubbatti ol bahu. Achittis garee “Leek” jedhamu ijaaruudhaan waldorgommii garagaraa geggeessu. Akkuma duratti dubbanne warri dhiiraa qola kokkee isaanii jalatti argamu san akka afuuffeetti hafuura itti guutanii sagalee guddaa dhageessisuun, akkasumas baallii akka guuttiyyee mataa isaanii gubbatti argamu diriirsiidhaan dhaltuu ofitti harkisu. Kan moohate dhalaa fudhatee deema. Wal dorgommii kana booda gara walhormaataa cehu.

Simbirroonni kun yeroo heddu kopha kophaa jiraatu. Qaamni isaaniitis ulfaataa waan ta’eef sa’aa dheeraaf qilleensa gubbaa barrisuu hin danda’an. Kanaaf yeroo hedduu muka irraa mukatti utaalaa nyaata argatan sooratu. Simbirri kun godaansi inni godhu biyya tokko irraa gara biyyaa biraatti miti. Godaansi isaanii (altitudinal migrant) jedhama. Kunis gara bakka ol ka’aa ol godaanuufi erga yeroon wal hormaataa raawwatameen booda ammoo gara naannoowwan gad aannaa ta’anitti godaanuudha.

Dhaltuun simbira tanaa yeroo hanqaaquu buusuu barbaaddutti goojjoo ijaarratti. Goojjoo kanas kan ijaartu eddo ol ka’aa bakka bineensi tokkollee dhaqqabuu hin dandannetti. Maaf akka ta’e beektu? Simbirri tun hanqaaquu takka qofa hanqaaqxi. Takkattiin tun jalaa nyaatamnaan  sanyii ofii bakka buusuudhaaf yeroo dheeraa eeguun dirqama. Kanaaf hanqaaquu tanaaf eegumsa jabaa godhuudhaaf eddoowwan ol ka’aatti bahuudhaan goojjoo ofii ijaarratu. Hanqaaquun tokkittiin tunis ji’a tokkoof erga hammatamteen booda cuuciin keessaa baha. Hanga ji’a lamaattis maatii isaatiin sooramaa goojjoma kana keessa tura. Goojjoon kun yeroo biraatiifis tajaajila ni kenna. Simbirri tun haga waggaa 16 turuu waan dandeettuf irra deddebi’aa goojjoo kanatti deebi’uun hanqaaquu buusti.

 

 

 

 

 

Simbirri Umbrellaa tun soorataan gosa OmniVorous keessatti ramadama. Kanaafuu biqilootas, bineensotas ni soorata jechuudha. Nyaatni yeroo heddu sooratanis, firiiwwan muka garagaraa, raammolee xixiqqoo, sarariitii (daara baaftuu), raacha, fi simbirroota garagaraati. Kotteen isaa ykn lukni isaa akkaan jabaataa waan ta’eef, qubbiin isaatiin damee mukaa irratti rarra’uudhaan waan barbaadu sooratuu danda’a. Yeroo heddu jireenya isaa kan dabarsu muka gubbatti waan ta’eef diina hamaa miidhaa isarraan gahu heddu hin qabu. Haa ta’u malee qamalee fi bofni diina isaanii hamaadha. Isaanis goojjoo isaanii fageenya ol aanaa irratti ijaarame sanitti dhaquudhaan, hanqaaquu ykn ammoo cuucii isaanii jalaa nyaatu. Kan kanarraan hafe diinni isaanii hamaan ilma namaati. Naannoowwan isaan jiraatan muka irraa ciruudhaan eddoon jireenyaa hedduu irraa miidhamutti jira.

Qophii Abu Ibtisam

Comments
Loading...