header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Walitti qabamiinsa gurguddoo

Ilmi namaa sababaa garagaraatiif walitti qabama. Waggaa lama dura Magaalaa Finfinnee galma barkumetti namootni kumaatamaan laakkawaman walitti dhufuun ifxaara addaa qopheessanii gammachuu addaatiin adda bahanii turan. Haaluma walfakkaatuun bara dabres addabaabayii Abiyoot jedhamu irratti ifxaarri geggeeffames namoota kumaatamatti lakkaahaman kan hirmaachise ture. Walitti qabamiinsi akkanaa biyya keenyaaf, keessattuu hawaasa muslimaatiif kan addaatiifi seenaa mootummaa kanaa keessattis kan duraati. Yoo haalaan jabaate ummanni Muslimaa waggatti yeroo lama ayyaana Iidaatiif lakkoofsaan heddummaatee walitti dhufa. Saniin ala wanti akkanaa hin baramane. Garuu Sadarkaa addunyaatti namni hedduun walitti dhufee sirna garagaraa geggeessuun waan barameedha. Kumaatamaan osoo hin taane, nama miiliyoonaan lakkaawamutu walitti dhufuun gammachuus ta’e gadda waliin qooddata. Akkasuma ayyaana garagaraatiis ayyaaneeffata. Barruu tana keessattis iddoo namoonni miiiyoonaan laakkawaman irratti argamuun seenaa keessatti galmaayanirraa muraasa isinii dhiheessina.

  1. Dargaggoota Addunyaa (bara 1995, Biyya Filippiin Magaalaa Maanilaa)

Guyyaan dargaggoota addunyaa wagga waggaan biyyoota garagaraatti sirna addaatiin ayyaaneeffatama. Ayyaanni kun Bara 1995 Amajjii  10-15 Biyya Filippiin Magaalaa Maanilaa keessatti geggeeffamee ture. Guyyaan dargaggoota addunyaa kun bara sanitti yeroo duraatiif biyya san keessatti qophaaye. Qophii kanarratti Phaaphaasiin Kaatolikii yeroo sanii Pope John Paul 2ffaan argamee ture. Ayyaana dargaggoonni biyyoota garagaraa irraa dhufuun irratti hirmaatan kanarratti namoonni miiliyona 4 ol hirmaatanii jiru.

2. Sirna Awwaalcha Pope John Paul 2ffaa (bara 2005, Biyya Itaalii Magaalaa Room)

Hoogganaa amantii Kiristaana Kaatolikaa kan ture Pope John Paul 2ffaan hordoftootaan heddu jaalatama. Hordoftoota amantii Kiristaanaa qofa osoo hin taane, hordoftoonni amantaa birootis nama kanaaf jaalala guddaa qabu. Gaafa inni du’e sirna awwaalcha isaa Ebla 7, bara 2005 gaggeeffamerrattis nama miiliyoona hedduutu argame. Namoota aadii qofa osoo hin taane, bulchitoonni biyyoota garagaraa hedduus argamaniiru. Walgahii dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti aanuun, hooggantoonni hedduun sirna kanarratti argamanii akka turan gabaafame. Walumaa galatti sirna awwaalchaa kanarrattis namoonni miiliyona 4 caalan argamanii turan.

3. Sirna Sabarimaalaa (Amajjii 2007, Biyya Indiyaa magaalaa Keraalaa)

Biyyoota sanama harkaan bocame gabbaran keessaa, kan Indiyaatti qixxaahu hin jiru. Magaalaan cufti sanama kopha kophatti waan qopheefatte fakkaata. Magaalaan Keraalaa ammoo hundaa ol kan addaa qabdi. Sirna Sabarimaalaa Jedhamuun beekkamus sanama kanaaf jecha wagga waggaan qopheessan. Sirna kanarratti waggaatti haga namoota miiliyana 40ttu argama Jedhama. Sirni kun waggaa guutuu kan geggeeffamu yoo ta’u, namuu guyyuma isaaf mijjaawe dhaqee sanama gabbara. Garuu guyyaan addaa tokkos ni jira. Sanama meetira 450 dheeratu kana gabbaruudhaaf Amajjii 14, bara 2007tti nama miiliyona 5 caalutu argame.

4. Sirna Awwaalcha Ayatollah Khomeni( bara 1989, Iiraan)

Hordoftoonni Amantii Shii’aa warroota Ayaatolaa Jedhaman akka qulqulluu namaatti ilaalu. Ajaja isaanii hordofuu irraa duubatti hin Ja’an. Waan isaan dubbatan hunda dhugaadha Ja’anii fudhatan. Jaalala heddus isaaniif qaban. Bara 1989tti wayta Ayaatolaa Khoomeeniin du’u jaalala kana gochaan agarsiisaniiru. Namni kun sirna SHAH Ja’amuun beekkamu fonqolchee Sirna Iiraan amma ittiin bultu ijaaruu keessatti nama qooda guddaa qabuudha. Kanaaf namni heddu isa jaalata. Sirna Awwaalcha isaa Waxabajjii 3 bara 1989 raawwatamerratti namoonni miiliyona 8 caalan argamuun geggeessaniiru. Namoonni hedduunis walirra bahuun wal galaafataniiru.

5. Sirna Arba’iin (bara 2009, Biyya Iiraaq Magaalaa Karbaalaa)

Hordoftoonni Shii’aa wagga waggaan Magaalaa Karbaalaatti argamuun Ziyaaraa tokko geggeessu. Kunis Qabrii Huseen ibn Alii daaw’achuudha. Wagga waggaanis namoota miiliyanaan laakkawamutu sirna kanarratti hirmaata. Inni bara 2009 raawwatame ammoo seenaa keessattis kan addaati. Namoonni miiliyona 8 caalan argamuun sirna kana geggeessaniiru.

6. Walitti qabamiinsa Red Guards (Bara 1966, Chaaynaa Magaalaa Beejiing)

Sirna Komunizimii Chaaynaa keessatti lafa qabataa dhufe jabeessuuf namoonni hedduun bara 1966tti addabaabaayitti bahanii turan. Sirna kanarratti Namoonni miiliyona 11 caalan hirmaachuun deeggarsa Sirna Komunizimiif qaban ibsatanii turan. Walitti qabamiinsa Siyaasaa guddicha Jedhameetis galmeeffameera.

7. Sirna Awwaalcha C.N. Annadurai ( Bara 1969, Indiyaa kutaa Taamil Naaduu)

Hordoftoonni Aanaa Jedhanii isa waamu. Nama siyaasaati. Dabalataanis nama kitaaba barreessuu fi haasawa ajaa’ibaa taasisu ture. Hooggantoota ilma namaa dammaqsuun beekkaman keessaallee isa tokko Jedhama. Kanaaf namni heddu isa jaalata. Gaafa du’us namni isa jaalatu hedduun sirna awwalcha isaa irratti argameera. Sirni namootni miiliyona 15 ol irratti argaman kunis sirna awwaalchaa guddicha addunyaa Jedhamuun galmeeffameera.

8. Simhaasha Kumb Meelaa (bara 2004 Indiyaa Magaalaa Ujjeeyn)

Sirni kun qaama amantii Hinduu yoo ta’u, sirna dhiqannaattu keessatti geggeeffama. Sirni dhiqannaa kunis ji’a tokkoof geggeffama. Sirni wagga waggaan geggeeffamuu fi bara 2004 geggeeffame ammoo gaafa Ebla 4 seenaa isaa keessatti nama heddu keessummeessuuf dirqame. Namoonni miiliyona 30tti dhihaatan guyyaa takkatti eddoo sanitti argamuun sirna dhiqannaa kana raawwataniiru.

9. Ard Kumb Meelaa ( bara 2007 Indiyaa magaalaa Allaabaad)

Sirni kunis sirna dhiqannaati. Sirni wagga waggaan dhihaatu kun bara 2007tti Hordofoota Miiliyona 30 ol ta’u hirmaachiseera.

10. Maha Kumb ( bara 2013 Indiyaa, Kutaa Uttaar Paardeesh)

Walitti qabamiinsa guddoo Jedhamee seenaa keessatti kan galmaaye ammas sirna dhiqannaa amantii Hinduu kan Kutaa Uttaar Paardeesh keessatti raawwatameedha. Sirni dhiqannaa kun sirnoota dhiqannaa hafaniin wanti adda isa taasisu waggaa 12tti yeroo tokko geggeeffamuu isaati. Sirna waggaa 12tti yeroo tokko geggeefamu kanarratti hirmaachuun ammoo hordoftoota amantii Hinduutif hiikkaa guddaa qaba. Akka isaan jala dabrus hin fedhan. sirna dhiqannaa bara 2013 godhame kanarratti namoonni miiliyoona 30 caalaan hirmaataniiru.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button