header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaEeshiyaaOdeeyfannoo

Dooniin baqattoota feete takka galaana Meeditiraaniyaan keessatti dhidhimtee namoonni 90 ol du’an.

Dooniin baqattoota feetee qarqara Liibiyaa irraa gara Awurooppaatti imaalaa turte takka galaana Meeditiraaniyaan keessatti dhidhimuun, yoo xiqqaate lubbuun namoota sagaltamaa ol kan dabre tahuu Dhaabbanni Godaantota Addunyaa-IOM beeksise.

Reeffi namoota 10 dambalii galaanaatiin dhiibamee qarqara magaalaa Liibiyaa tan Zuwaaraa jedhamtuu irratti kan argame tahuu, dubbi himaan dhaabbata Godaantota Addunyaa beeksise. Godaantota balaa kanaan lubbuu isaanii dhaban keessaa lammiileen paakistaan 9 kan keessatti argaman tahuu Imbaasiin Paakistaan kan Liibiyatti argamu beeksise. Namoonni hafan ammoo lammiilee Liibiyaa dabalatee baqattoota biyyoota Afrikaa addaa addaa akka tahan gabaafameera.

IOM akka jedhutti bara 2017 keessa qofa baqattoonni 3,116 Liibiyaa irraa ka’uun gara Awurooppatti cehuudhaaf osoo yaalan galaana Meeditiraaniyaaniitiin kan nyaataman tahuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button