header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hawaasni Oromoo Magaalaa Riyaad lammiilee qe’e isaanii irraa buqqifamaniif Birrii 1,100,000 ol walitti qaban.

Hawaasni Oromoo biyya Sa’udii Magaalaa Riyaad Keessa jiraatu,  lammiilee Oromoo daangaa Somaalee irraa buqqifamanii gammoojjii Baalee keessatti rakkinaaf saaxilaman gargaaruuf sagantaa birmannaa Jum’aa Kaleessaa qophaaye irratti, maallaqa Sa’udii Riyaala 160,000 yookaan ammoo birrii 1,1000,000 ol tahu kan walitti qaban tahuun beekame.

Sagantaan birmannaa guyyaa kaleessaa Waldaa Mandoo fi Sikkootiin qophaaye kana irratti Oromoonni Godinaalee Oromiyaa hundarraa kan irratti hiramaatan yoo tahu,isaan keessaayis dhalattoonni Godina Jimmaa Riyaala 11,000, dhalattoonni Harargee Riyaala 5000, Dhalattoonni Walloo Riyaala 5,000 kan arjooman tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button