Uumamni Walrus (Waalras) jedhamu kun naannoo bishaan qabbanaawaa keessatti argama. Waalras bineensa Siil jedhamuun walitti dhiheenya kan qabu ta’us, uumama bishaan keessa galu keessaa guddina qaamaatiin sadarkaa lammaffaa irratti argama. Akkasumas ilkaan isaa dhedheeraan afaan keessaa gara alaatti bahu, uumama bishaan keessa galuu keessaa kan addaa akka ta’u isa taasise. Sanyiin uumama kanaa lamatu jira. Isaanis, Waalras Atlaantikii fi Waalras Paasifiikiiti. Sanyiin kunniin heddus garaagarummaa hin qaban. Sababuma naannoo garagaraa jiraataniif jecha bakka lamatti qoodaman. Qorattoonni gariin ammoo sanyiin bineensa kanaa gosa 3 kan jedhanis ni jiru . Gariin isaanii sanyiin sadaffan kan Waalrasa Laapteev jedhamu ni jira jedhanis, gariin isaanii ammoo inni kun sanyima warra Paasifiikiiti jedhan. Walumaa galatti sanyiin kun bineensota baduuf rakkoo hamaa keessa jiran keessaa isa tokko.
Waalras gara mataa fi fuulaatiin furdaa fi bal’aa yoo ta’u, gama duubaatiin ammoo qal’aadha. Gogaan isaa akkaan jabaa fi walitti sunturraawadha. Gogaan isa kunis rifneensa haphii magaalaan ykn daalachaan uwwifamaadha. Haa ta’u malee yeroo bishaan keessaa bahee aduu hoo’ifatu, halluun gogaa irraa kun gara Pinkii diimaatti (Pink-red) jijjiirama. Waalras gama duubaatii waan flippers jedhamu qaba. Inni kun bishaan keessa haala gaariin akka daaku isa gargaara. Saffisa barbaaduun bishaan keessa caafamuudhaan binensota barbaadu akka adamsu isa dandeessisa. Wanti akka miila duubaatti isa tajaajilus qaamuma flippers jedhamu kana. Bineensi kun bishaan keessatti saffisa qaba malee, lafarratti akkaan harkifataadha. Lafarra shunquuquu malee deemuu hin danda’u. Waalras ilkaan dheeraa (tusk) jedhamu qaba. Ilkaan kun akka arbaa fi bineensota biroo alatti kan gad dheeratu yoo ta’u, yeroo wal loluu fi cabbii qotuu barbaadu iti fayyadama.
Uumamni kun hedduminaan naannoowwan cabbaawaa Garba Atlaantikii fi Garba Paasfiik keessatti argama. Gogaan isaa seentimeetira 4 kan furdatu waan ta’eef, naannoo cabbii keessa jiraatuun isaaf salphaadha. Haa ta’u malee uumamni biraa kan isaaf akka soorataatti tajaajilu naannoo cabbiin heddummaatu irraa waan baqatuuf, Waalrasis soorata isaa barbaachaaf jecha gara uumamni biraa jiru godaana. Kanas ta’u Waalras naannoo bishaan jiru irraa fagaatee deemuu hin danda’u. Yeroo aduu hoo’ifatuu barbaadus qarqaruma bishaan keessa qubatu san cinatti boqata. Hoo’i addunyaa dabalaa jiraachuu irraa kan ka’e, cabbiin inni keessa qubatu baqaa waan jiruuf, qubsumni isaa kan fuul duraa yaachisaa akka ta’e qorattoonni akeekkachisaa jiran.
Waalras uumama gamtaa jaarratee jiraachuu danda’u yoo ta’u, miseensi garee tokko kuma hedduun lakkaawama. yeroo bishaan keessa seenanii soorata barbaaddatan, garee xixiqqotti qoodamuudhaan adamsatu. Yeroo gara dachii ol bahanii aduu hoo’ifatuu barbaadan ammoo hundi isaanii walitti deebi’uudhaan gamtaa guddaa ijaarratu. Gamtaa tokko keessa hedduminaan waan jiraataniif, wal hormaataafis haala mijaawaa qabu. walqunnamtiin wal hormaataa eega raawwatameen booda, dhaltuun takka rimaya ji’a 15f qabatti. Yeroo takkaanis ilmoo takka qofa kan dhaltu yoo ta’u, ilmoon kun yeroo dhalatu dheerinna meetra 1.2 fi ulfaatina kilograama 75 qabaatuu danda’a. ilmoon dhalatu kun ilkaan malee dhalata. Ilkaan dheeraan sunis ta’ee; kan afaan keessatti biqilus, eega dhalateen booda biqilaaf. Ji’oota jahaafis sooratuma haadhuma irraa argatu irratti hirkata. Gaafa ji’a jaha guute irraa kaasee soorata mataa isaa soratuu kan jalqabu ta’us, waggaa sadihiif haadha biraa hin socho’u.
Waalras warra foon sooratan keessatti ramadama. Qoffee isaa irraa rifeensa hanfarroo haga 450 ta’u qaba. Inni kunis bineensa adamsamuu danda’u adda baasuudhaaf isa tajaajila. Bishaan keessatti hanfarroo kana fayyadamee bineensa meetria 100 irraa fagate jiru adda baafatuu danda’a. Waan argate ammoo alanfatee hin liqimsu. Bineensa adamse afaaniin qabatee dhiigaafii foon lallaafaa keessaa xuuxa. Waan hafe kan akka lafeefi gogaa ammoo, bishaan keessatti deebisee tufa. Sooratni isaa hedduminaa octopas, squids, raammolee fi cilaluu hogguu tahu, Sanyiiwwan Siil warra xixxiqaa ta’an kanneen adamsanis ni jiran.
Bineensi kun Guddina qaama isaa irraa kan ka’ee bishaan keessaa diina hedduu hin qabu. Gogaan isaatis akkaan jabaa waan taheef, bineensota hedduuf hin ciniinamu. Diinni inni bishaan keessaa qabu, Whale fi Polar Bear warra jedhamaniidha. Kunniinuu wal aansoo guddaa booda Waalras ajjeesuu danda’an malee, akka laayyootti hin moohatamu. Saffisa bishaan keessatti qabu, akkasumas ilkaan isaa dheeraa sanitti fayyadamuudhaan, bineensota hedduu ofirraa ittisuu ni danda’a. Gama biraatiin ilkaanuma kanatu diina isaa isa guddaa itti ta’ee jira. Ilkaan isaa kun akkaan waan barbaadamuuf, ilmi namaa bishaan keessattis ta’e bishaaniin alatti adamsuudhaan uumama kana lafarraa fixutti jira. Dabalataan gogaan isaa furdaan sunis ilma namaa biratti akkaan barbaadamaadha.
Qabxiiwwan ijoo uumama kanaa keessaa:
Waalras Haga kilograama kuma tokkoo fi dhibba sadihii yookaan haga midhaan kuntaala 13 ulfaatuu danda’a.
Dheerinni isaatis Meetira 3.5 gahuu danda’a.
Ilkaan isaa kan alatti dheeratu habbaan tokko, haga Kilograama shanii ulfaata.
Waalras bishaan keessa daqiiqaa soddomaaf osoo gara lafaa ol hin bahin turuu danda’a.
Hanfarroon isaa (rifeensi funyaan isaa irratti argamu) bineensa adamsamu meetira 100 irraa adda baasee isa beeksisuu danda’a.
Qophii Abu Ibtisam