header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Seerota Dinqisiisoo

Namni Addunyaa tana keessa deddeeme waa heddu arga. Biyyoonni hundi seera mataa isaanii tumatanii ittiin wal bulchu. Seerri biyyoota garii waan nama dinqisiisu if keessaa qaba. Seerota biyyoota muraasaa jidduu kanneen haalaan nama ajaa’iban haa ilaalluu.


Ispeen

Ispeen Magaalaa Maallorkaa keessatti, T-Shirt mulqatanii karaa irra deddeemuun dhoorkaadha. Magaalaan tun eddoola iratti kan argamtu yoo taatu, namoonni hedduun bashannanaaf garas imalu. Haalli qilleensa isiitis gara oowwaatti dhihaata. Sababa kanaaf namoonni qarqara bishaanii irratti uffata isaanii mulqatanii bashannanu. Haalli kun babal’ataa dhufee, namoonni magaalaa keessattis T-shirt malee deemuu jalqaban. Kun ammoo maqaa magaalattii balleessa sababa Jedhuun bara 2014tti seerri tokko bahe. T-shirt ykn uffata gubbaan uffatamu osoo hin uffatin namni bahe Yuuroo 600 ykn birrii kuma 30 ol tahu adabama. Turistiin gara magaalaa sanii imales adabbii tana jalaa hin bahu.

England

England keessatti allaattii ‘Mute swan’ Jedhamtu ykn Daakkiyee bishaanii Jedhamuun tan beekamtu soorataaf jecha ajjeesuun dhoorkaadha. Allaattiin Mute Swan Jedhamtu tun qabeenya Mootittii (Giiftii) biyyattiiti Jedhamee amanama. Mute Swan biyya san keessa jiru hundi qabeenya isiiti. namni tokkollee allaattii tana tuquu hin dandayu. Mootittii qofatu yoo barbaadde, naa fidaa jettee ajajatti. Allaattiin tun dur irraa kaasee, soorata dureeyyii fi warra aangoo qabuti. Ammaas seerri kun hin jijjiiramne. allaattii kana mootummaa biyyattiitu eegumsa godhaaf. Namni tokkollee allaattii kana soorataaf jecha ajjeesuu hin danda’u. Namni allaattii tana ajjeesee soorate, Paawundii Ingiliiz 5,000 ykn birrii 340,000 fi hidhaa ji’a jahaatiin adabama.

Itaalii (Xaaliyaan)

Itaalii Magaalota lama keessatti ‘du’uun’ seeraan dhoorkamaadha. Seerri kun nama ajaa’ibaas nama rifachiisas. Duuti seera uumamaati. Namni du’arraa hafu tokkolleen hin jiru. Namuu gaafa guyyaan isaa geesse dachii tanarraa ni godaana. Eegasuu seerri kun maaf bahe jechuun keessan hin oolamu. Seerri Kun magaalaa Seeliyaa jedhamtu keessatti bahe. Seeliyaan magaalaa xiqqoo jiraattota 3700 hin caalle qabduudha. Jiraattonni magaalaa tanaa ammoo hedduun isaanii umriin isaanii 65 ol. Walumaa galatti warra dalagaarraa soorama bahetu magaalaa tana keessa jiraata. Kun ammoo lakkoofsi jiraattotaa akka hir’atu taasisutti jira. Bulchaan magaalattitis lakkoofsa namootaa kan haalaan hir’ataa jiru kana hambisuuf jecha ‘du’uun dhoorkaadha’ seera jedhu baase. Akka seera kanaatti kan dhoorkame du’uu osoo hin taane, dursanii of eeggannaa godhuu dhabuudha. Jiraataan magaalaa kanaa hundi yoo xiqqaate waggatti yeroo tokko gara hospitaalaa deemee fayyaa isaa qorachiisuu qaba. Namni dirqama kana raawwatuu dhabee argame Yuuroo 10 ykn mallaqa birrii 600tti dhihaatu adabama.

Siwiizarlaand

Siwiizarlaand keessatti sanyii qurxummii Goldfish Jedhamu tokko kophaa isaa mana keessatti kunuunsuun dhoorkaadha. Dabalataan bineensonni Giinii Piig fi Budgerigars Jedhamnis tokko tokko qofa manatti kunuunsuun dhoorkaadha. Akka seera isaaniitti uumamaaleen kunniin uumamaalee hawaasummaa jaalatanii fi yeroo hunda waahela wajjiin jiraataniidha. Kanaafuu tokko qophatti hambisuun dararaaf isa saaxiluudha. Waan kana taheef namni uumamaalee kanniin mana keessatti kunuunsuu barbaadu, lamaa fi sanii ol qabaachuu qaba.


Maaleeyshiyaa fi Singapoor

Biyyoota lamaan kanniin keessatti hancufa karaa irratti tufuun dhoorkaadha. Namni tufee argame ammoo mallaqaa fi hidhaanis adabamuu mala. Akka seera Maaleeyshiyaatti namni karaarratti osoo tufu qabame Yuuroo 20 ykn birroo 1200 caalu adabama. Kan singapoor ammoo haalaan qaaliidha. Namni tufee qabame, Yuuroo 430 ykn birrii kuma 25 olii fi yeroo tokko tokkos torbaan shaniif hidhamuu mala.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button