Uumamni Sanyiin qamalee jidduu tokko tahe kun Waakaarii jedhamee kan beekamu yoo ta’u, eddon qubsuma isaatis, bosona Ameerikaa kibbaati. Waakaariin sanyiiwwan qamalee keessaa waan adda isa godhu tokko qaba. Innis fuula isaati. Fuulli Waakaarii akka qamaleewwan biroo rifeensa ofirraa hin qabu. Fuulli rifeensa hin qabne kun ammoo akkuma ilma namaa bifa garagaraa qaba. Gariin isaa Piink yoo ta’u, gariin ammoo akkuma dhiigaa fuulli isaa diimaadha. Sanyiin Waakaarii sanyii xixiqqaa biraa afur qaba. Inni duraa Waakaarii diimaa yoo ta’u, fuulaafii mataa irraallee rifeensa hin qabu. Kan lammataa ammoo Waakaarii mataa gurraachaati. Sadaffaan Waakaarii gurraacha yoo ta’u, afraffaan ammoo Waakaarii Neblina jedhama.
Waakaariin uumama xiqqaa dheerinni isaa seenti meetira 45 hin caalle. Ulfaatinni qaamaatis kiloograama 3 bira hin darbu. Eegeen isaa sanyiiwwan qamalee biraa waliin yoo wal bira qabamu akkaan gabaabaadha. Rifeensni qaama irra jiru garuu dheeraadha. Akkasumas rifeensi qiciicaa yoo ta’u, sanyii irraa sanyitti bifti isaa garaagarummaa qaba. Bifti rifeensa waakaarii diimaa, magaala, gurraachaa fi adis of keessaa qaba. Harkaa fi miilli Waakaarii jabaadha. Mukarraa mukatti utaaluufis ta’e soorata muratuuf haala gaariin itti fayyadama. Qubni isaa kan guddaa kallattii lachuttuu caafamuu danda’a.
Waakaariin Bosona Ameerikaa Kibbaa, Sulula laga Amaazoon keessatti qofa argama. Hedduminaanis, biyyoota Braazil, Peeruu fi Kolombiyaa keessati argama. Bifti fuulaa fi rifeensa Waakaarii, naannoo irra jiraatu irratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Waakaariin adiin Kaaba-dhiha Brazil keessatti argama; Waakaariin bifa Warqii ammoo daangaa Braazil fi Peeruu jiddutti argama; Waakaariin Diimaan, daangaa Braazilii fi Kolombiyaa jiddutti kan argamu yoo ta’u, Waakaariin daalachi ammoo gara Bahaatti argama. Walumaa galatti Waakaariin bishaanitti dhihaatee jiraata. Jireenya isaatiif naannoo mukkeen jiidhaa fi laftis jiidhaa ta’e filata.
Waakaariin akka qamalee kaawwanii eegee isaa Mukarraa mukatti ittiin cehuuf hin fayyadamu. Kunis eegeen isaa waan gabaabaa ta’eefi. Sanyiin qamalee biroo eegee isaanii dheeraa san muka irratti maruudhaan harka isaaniitiin ammoo hiixatanii damee muka biraa qabatu. Kan Waakaarii garuu gabaabaa waan ta’eef tajaajila kanaaf hin oolu. Yeroo Mukarraa mukatti cehuu barbaadu, harkaa fi miila isaa jabaa san fayyadama. Eegeen Waakaarii Madaaluma qofa eeguudhaaf tajaajila. Waakaariin gamtaan jiraata. Miseensi garee tokkoo 30 haga 100 ta’uu danda’a. Yeroo soorata barbaaduudhaaf sosocho’an garuu garee xixiqqatti adda qoqqoodamu.
Waakaariin dhaltuun yeroo takkaan ilmoo takka qofa dhalti. Ilmoon dhalatu kun akkaan xiqqaa waan ta’eef, ji’oota afuriif haadha irraa hin fagaatu. Gaafa ji’a Afur guutu mucha gu’a. ji’a 4 booda soorata lallaaftuu guurataa soorata.
Sooratni waakaarii gosa lachuu of keessaa qaba. Biqiltootaafi bineensota xixiqqoo ta’an adamsuun soorata. Haa ta’u malee sooranni isaanii hedduminaan muduraleedha. Muduratti aansuudhaan baala mukkeen tokko tokkotis ni soorata. Kana booda yoo argate, raammolee xixiqqoos ni soorata. Yoo hanqinni soorataa jiraate qofa raammolee soorata.
Waakaariin Muka gubbaa waan galuuf akkasumas gareedhaan gamtaa uumanii waan socho’aniif bosona keessaa diina heddu hin qaban. Haa ta’u malee darbee darbee, Simbirroonni gurguddoonii fi Bofni Waakaarii adamsuudhan ajjeesanii sooratu. Ilmi namaatis diina biraati. Namoonni bosona sulula laga Amazon keessa qubatan tokko tokkos , waakaarii akka soorataatti fayyadamu. Dabalataan akkuma uumama bosona keessa galuu ciramiisni bosonaa rakkoo guddaa uumama kanaati. Sababa kanaafis ammaaf bineensota rakkoof saaxilamuu danda’an keessatti galmeeffamee jira.
Qophii Abu Ibtisam