Biyyoota Bultii yookaan gaa’ela diiguu seeraan dhoorkan
Bultii ijaaruun wantoota jaalatamoo keessaa isa ijoodha. Haawaasa addunyaa hunda biratti bultii jaarratanii ilmaan horanii jiraachuun waan jajjabeeffamu. Faallaa kanaatiin bultii jaaramte diiguun ammoo waan jibbamaadha. Akka aadaafi akka amantiittis bultii diiguun hin jajjabeeffamu. Biyyoota addunyaa keessaa biyyoota 2 keessatti bultii diiguun kan hin hayyamamne tahuu quba qabduu?
Filiippiin keessatti bultii jaarramte diiguun seeraan dhoorgamaadha. Nikaaha wal irraa hiikuun ykn wal xalaaquun Muslimoota biyyattii qofaaf hayyamama. Muslimoonni biyyattii yoo nikaah walirraa buusuu fedhan, ragaa isaanii qabatanii mana murtii dhaquun ‘wal dadhabnee jirraa adda nu fooyaa’ jedhanii iyyatuu danda’u. Lammiileen biyyattii kan muslima hin tahin garuu carraa kana hin qaban. Hordoftoota amantaa birootiif wal hiikuun hin hayyamamu. Yeroo takka bultii jaarrannaan carraan isaan qaban sabriin wajji jiraachuu qofa. Seerri kun waan haalaan jabaa taheef, lammileen biyyattii eega biyyarraa bahanii booda biyya ormaattis wal hiikuun isaaniif hin hayyamamu. Yoo biyya ormaatti wal hiikanii addaan bahan, gaafa biyyatti deebi’an mana murtiitti dhihaatanii adabamu.
Mootummaa Filippiin biratti yeroon walhiikuun fudhatama qabu yeroo tokko qofa. Sunis yoo lammiin isaanii nama lammii biyya biroo wajjiin bultii jaare qofa. Kunis haal duree tokko qaba. Namni lammii filiippiin kan lammii biroo wajjiin bultii jaare kun yoo hiikkaa barbaade, biyya waahela isaa dhaqee achitti ofirraa hiikuu dandaya malee, osoo filiippiin keessa jiru bultii diiguun isaaf hin hayyamamu.
Yoo wal hiikuun dirqama tahe ammoo, karaan isaanii hayyamamuun tokko ni jira. Sun garuu haalaan qaalii fi nuffisiisaadha. Yoo xiqqaate gaa’ela san diiguuf gaafa iyyatan irraa kaasee waggaa 10 eeguun dirqama isaanitti taha. Akkasumas mallaqa guddaa baasuu qaban. Irra deddeebiidhaan haakima dhaqanii sammuun isaanii nagaya tahuu qoratamuu qaban. Waggaa kudhaniif sammuun isaanii laallamee yoo nagaya tahan qofa isaaniif hayyamama.
Yeroo ammaa kana Paarlaamaan Filippiin Walhiikuu hayyamuudhaaf wixinee seeraa qopheessee irratti mari’ataa jira. Ammaaf wixineen kun sadarkaa sadaffaarra gaheera. Mariin irratti taasifamee sadarkaalee hafan eega dabree Preezidaantiin biyyattii mallatteesseen booda, wal hiikuun isaanii hayyamamuu mala.
Vaatikaan Siitii keessattis bultii diiguun dhoorgaadha.
Vatican city magaalaa takka taatus Waliigaltee Luteran jedhamuun bara 1929tti akka biyyaatti akka bekkamtii argattu godhameera. Vatican City, Magaalaa Guddoo Biyya Itaalii, Roomiin marfamtee argamti. Haa tahu malee seeraa fi heera mataa isii qabdi. Vatican Phaaphaasii amantii Kiristaanaa kan kaatolikiitiin durfamti. Kanaafuu seeraa fi heerri Kaatolikii magaalaa san irratti ol aantummaa qaba. Warri Kaatolikii ammo Gaa’ela akka waan qulqulluu tokkotti ilaalan. Kanaafuu Namni walfuudhe zalaalam jiraatuu qaba jedhanii amanu. Warri Vaatikaan keessa jiraatu yoo wal dhibee walhiikuu barbaade, filmaanni qabu dhokseetuma wal biraa sokkuudha. Akka waan wal hin hiiknee mudhifataa jiraatan. Kana naa kenni san naa qoodi, wanti jedhamu hin jiru.
Qophii Abu Ibtisam