header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Bosona Amaazoon

Ilmi namaa waan magariisa haalaan jaalata. Qorannoowwan hedduun akka mul’isanitti cuquliisatti aanuun sadarkaa lammaffaarratti kan ilma namaatiin jaalatamu halluu magariisa. Magariisni bakka tokko tokkotti bifa nagayaati. Fakkeenyaaf halluu Tiraafikaarratti magariisni, ‘karaan nagaya waan taheef deemi’ dhaamsa jedhu dabarsuuf tajaajila. Jaarraa 15 keessatti uffatni Misirroonni guyya aruuzaa uffatan magariisa akka ture himama. Kunis magariisni mallattoo badhaadhinaati jedhamee waan amanamuuf akka tahe galmeen seenaa ni mul’isa. Ilmi namaa arraan tana bashannanuu yoo barbaade naannoo magariisa tahe filata. Lafti irra jireessi heddumminnaan gara magaalatti waan jijjiiramee jiruuf paarkiiwwan kunuunsi godhamuuf barbaadanii dhaqu. Walumaa galatti dirreen magariisni, keessattuu Bosonni, jireenya ilma namaa keessatti faaydaan isaa guddaadha.

Dhiheenya kana bosona jiidhaa amaazoon dabalatee biyyoota heddu keessatti ibiddi qabachuun isaa namoota heddu rifachiiseera. Mukkeen haalaan hedduu tahan sababa balaa ibiddaatiin barbadaayaniiru. Kun ammoo daran ummanni addunyaa akka irritti mari’atuuf karaa saaqe. Keessumattuu sababaa belbela ibidda amaazoon namni heddu cinqamee, laata dachii teenya maaltu mudachuuf deema jedhee gaafachuus jalqabeera. Barruu tanaan waa’ee bosona Amaazon qabxii muraasa isinii dhiheessina.

Bosonni jiidhaan Amaazon biyyoota garagaraa 9 keessatti argama. Braazil, Peeruu, Kolombiyaa, Venezuweelaa, Ikuwaadoor, Boliiviyaa, Guyaanaa, Surinaame fi Freench Guyaanaadha. Irra guddaan isaa ykn parsantiin 60 Braazil keessatti argama. Biyyoonni kunniin faaydaan isaan bosona kanarraa argatan haalaan guddaadha.


Bal’inni dachii irra jiraannuu Isquweer maayila 196.9 yoo tahu, kana keessaa bosonni Amaazon lafa Isquweer maayila miiliyoona 3.4 irratti argama. Kana jechuun bal’ina dachii tanaarraa parsantii 2 qofa uwwisee argama. Haa tahu malee oksijiinii lafti tun haajamtu keessaa parsantii 20 kan tahu oomishuun ilma namaatiifi uumamaalee birootis tajaajilutti jira. Oksijiiniin biqiltoota keessaa akka argamu ni beekama. Oksijiinii dachii tanarra jiru keessaa parsantii 20 kan tahus bosona kanarraa argama. Sababa kanaafis Bosonni Amaazon somba Pilaaneetii tanaa jedhamee waamama.


Bosonni Jiidhaan Amaazoon lubbu qabeeyyii heddu of keessatti hammatee argama. Sanyiilee Mukkeenii garagaraa kuma 16 ol tahan, Sanyiilee Ilbiisotaa miiliyana 2.5 tahan, Sanyiilee Biqiltootaa 40,000 tahan, Sanyiilee Qurxummii 2,200 tahan, Sanyiilee Allaattii 1,300 tahan, sanyiiwwan Hoosiftootaa 427, sanyii Amfiibiyaanota 430, fi sanyii Reepitaayiloota 380 tahan of keessatti hammatee argama.


Mukkeenii fi Biqiltoonni Bosona jiidhaan Amaazon keessatti argaman oomisha dawwaalee adda addaatiif tajaajila guddaa kennutti jiru. Dhukkuboota kaansariin wal qabatan wal’aanuudhaaf dawaalee fayyadan keessaa Parsantii 70 kan tahan mukkeen bosona amaazoon keesatti argaman irraa hojjataman.

Bineensotaa fi biqiltootaan cinatti ilmi namaatis bosona kana keessa ni jiraata. Akka qorannoon godhame ibsutti, sanyii ilma namaa irraa gosa 50 ol kan afaan garagaraa dubbatantu bosona san keessa jiraata. Namoonni kunniin hanga arraatis qaroomina hammayyaa waliin wal hin argine. Jireenyi isaaniitis bosonuma kana keessa olii gad deemaa bineensota adamsaa sooratuudha.

Bosonni Amaazon laga guddicha dachii tanaa kan tahe Laga Amaazooniitis of keessaa qaba. Lagni Amaazon bishaan of keessatti hammatee jiruun sadarkaa duraa irratti argama. Dheerinnaan ammoo Laga biyya keenya keessaa ka’u Naayl ykn Abbaayitti aanee lammaffaarratti argama. Amaazon laggeen gama isaa yaa’an 17 kan qabu yoo tahu, Sakandii tokko keessattis bishaan Gaaloonii miiliyana 55 tahu garba Atlaantikitti geessa.

Lafti Amaazon haalaan dukkanaayaadha. Mukkeen bosona Amaazoon keessatti argaman irra hedduun isaanii dameefi baala babal’aa waan qabaniif, keessi bosona kanaa haalaan dukkanaawaadha. Sababa kanaafis roobni robe lafa gahuudhaaf daqiiqaa 8 ol itti fudhata. Ifni aduutis lafa Amaazon tuquuf karaa guddaa hin argatu. Ifa aduu keessaa Parsantii tokko qofatu baalaa fi damee keessaan dabree lafa gaha. Walumaa galatti bosonni kun guutuun isaa gaaddisa mukkeeniitiin uwwifamaadha.


Qophii Abu Ibtisam

Back to top button