header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Kanniisa (Bee)

Maqaa kanniisaa yoo kaasnu, hundi keenya waahee dayma isaa yaadanna. Daymi fayyaa ilma namaatiif akkaan barbaachisaadha. Qananii Rabbiin guddaan nutti arjoome keessaa kanniisni isa tokko jechuu dandeenya. Kanniisni sanyiiwwan gurguddoo torba qaba. Gareen torban kunniin ammoo sanyii xixiqqaa 44tti qoodama. Walumaa galatti kanniisni garee uumee, qubsuma tolfatee keessa jiraata. Qubsumni kanniisaa gaagura ilmi namaa tolchuufi, qubsuma inni mataa isaatiin ijaarratu tahuu dandaha. Garee tokko keessa ammoo kanniisa gosa sadihitu jira. Isaanis:- Kanniisa mootii, kanniisa dalagduu fi kanniisa kormaati.

Kanniinsi sanyii ilbiisotaati. Kanaafuu akkuma ilbiisota hedduu qaamni isaa bakka sadihitti qoodama. Isaanis, Mataa, Mudhii fi garaadha. Kanniisni Mataa irraa ija, anteenaa, arrabaa fi afaan qaba. Anteenaan mataa isaa irra jiru, naannoo san too’achuudhaan dhaamsa hunda walitti qaba. Anteenaan kun wantoota akka rifeensaa jiran 170 ofirraa qaba. Wantootni akka rifeensaa jiran kunniinis, foolii naannoo kanniisaa sanitti argamu funaanuudhaan gara sammuu dhaamsa dabarsu. Dabalataanis Kanniinsi anteenaa kana fayyadamuudhaan kanniisa biraa waliin walii galuu danda’a. Hedduminaanis kanniisni anteenaa isaa kan mirgaa akka fayyadamu qorannoon garagaraa ni mul’isa. Akka qorattoonni kunniin jedhanitti, kannisni tokko anteenaa mirgaa sababa garagaraatiin yoo dhabe, dalagaa isarraa barbaachisu haala gaariin raawwachuun itti ulfaata.

Ija Kanniisaa

Kanniisni Ija gosa lama qaba. ‘Compound eye’ ykn ammoo ija cimdii fi ija ‘simple eye’ kanneen jedhaman badhaafamee jira. Yeroo akkaan xiyyeeffannee ilaallu, wanti ija fakkaatee nutti mul’atu sun compound eye jedhama. Ijji Compound jedhamu kun yuunitiiwwan xixiqqaa heddu ofirraa qaba. Yuunitiin kunniinis ifaa argan san takka takkaan adda fooyanii gara sammuu dabarsu. Fakkeenyaaf namni tokko shamiza bifa shan qabu yoo uffate, nuti wanti arguu dandeennyu namni sun shamiza barruu uffachuu isaa qofa. Barrina shamiza sanii irratti yoo xiyyeeffannaa goone ammoo, halluulee shamiza san irra jiran shananuu tokko tokkoon daawwannee adda baafachuu dandeenya. Halluu diimaafii adii wal bira xiyyeeffannaan arguu hin dandeenyu. Yoo ijji teenya xiyyeeffannaa halluu diimaa irratti goote, adiin nutti dimimmisa. Haalli kun garuu kanniisa bira hin jiru. Yuunitiiwwan ija guddaa compound eye irra jiran, halluulee shamiza san irra jiru hundaa kophaa kophaa argan. Yuunitiin tokko halluu diimaa yoo arge, kuun ammoo gurraacha, kuunis magariisa arga. Haala kanaan yuunitiiwwan hundi halluu adda addaa walitti qabanii gara sammuu dabarsu. Badhaasni rabbiin kanniisa badhaase kun soorata isaan barbaachisu bifa salphaan akka argatan isaan gargaara. Nuti ilillii tokko yoo arginu, ilillii san qaama isaa qofa argina. Kanaaf ilillii diimaa, ilillii boora jedhaa maqaa itti moggaasna. Garuu ililliin diimaan halluu diimaa qofa hin qabu. Diimaa keessa gurraacha qaba. Baala magariisa qaba. Damee halluu biroo qabaachuu dandaha. Yoo gama jidduutti xiyyeeffanne ammoo, halluu gara adii dhihaatu qabaatuu dandaha. Nuti halluu keessaa heddummaatu qofa irratti xiyyeeffanna. Kanniisni garuu, yuunitiiwwwan garagaraa sanitti fayyadamuudhaan waan ilillii san irra jiru hunda arguu danda’a. wantoota isa miidhuu dandahaniifi, soorata isaaf barbaachisus kophaa kophatti xiyyeeffannaan arga jechuudha.

Ijji lammataa ammoo ‘Simple eye’ jedhama. Ijji kunniin sadih yoo ta’an, jidduu compound eyetti argamu. Faaydaan ija kanaatis halluu naannawa caarallaa ultraviolet jedhamutti argamuu akka ilaaluu isa gargaara.

Wanti biraa kan kanniisni mataa irraa qabu ammoo proboscis ykn ammoo arraba isaati. Arrabni isaa kun akkaan dheeraa yoo ta’u, hedduminaan afaanuma isaa keessatti dhokatee argama. Yeroo ilillii argatee ilillii san xuuxuu barbaadetti ammoo, arrabni isaa kun dheeratee baha. Dheerinni isaatis haga dheerinna qaama isaatiin qixa ta’uu danda’a. qaamni biraa ammoo Mandibles ykn irga kanniisaati. Irgi kanniisaa akkaan jabaadha. Dalagaan isaatis ilillii kanniisni xuuxu jabeessee qabuudha.

Arraba Kanniisaa

Qaamni kanniisaa bakka sadihitti qoodama jenneerra. Waahee mataa kanniisaa ilallee jirra. Kutaan qaama kan lammataa Mudhii yoo tahu, Mudhiin isaa kun qaama jidduu irratti argamu. Dalagaan isaatis sochii qaamaa too’achuudha. Miilli kanniisaa jahan akkasumas, koolli isaa afran mudhii kanarratti argaman. Kanniisni koola isaa kanatti fayyadamuudhaan, sa’aa takka keessatti Kilomeetira 24 barrisuu danda’a. Kanniisni yeroo qilleensa gubbaa barrisuu barbaadu koola afranittuu dhimma baha. Yeroo saffisa isaa dabaluu fi hir’isuu barbaade, irree isaa mudhii iratti argamuun saffisa jijjiira. Yoo irreen mudhii kun jabaate saffisni isaa ni dabala. Yoo irree laaffisu ammoo saffisni ni hir’ata jechuudha.
Miilli isaa jaha yoo ta’u, gam tokkoon sadi gama tokkoonis sadi qaba. miilli isaa kan duraa, anteenaa isaa irraa balfa garagaraa qulqulleessuudhaaf tajaajila. Kan duubaa afran ammoo deemsaa fi daraaraa adda addaa ittiin baadhachuudhaaf tajaajila. Kanniisni dalagduun waan qalqalloo fakkaatu miila ofii irraa qaba. Kunis daraaraa ilillii keessatti kuufachuudhaaf isa gargaara.

Garaan isaa ammoo gosti sadeenuu qaama garagaraa qabu. Kinniisni mootiin garaa isii keessaa bakka sanyii dhiiraa itti kuufattu fi hanqaaquu itti qopheessitu qabdi. Dhiirris bakka sanyii ofii itti qopheeffatu qaba. Sanyii isaa kanas yeroo walqunnamtii wal hormaataa gara kinniisa mootii dabarsa. Kinniisni dalagduun ammoo dhimma kanarraa haajaa hin qabu. Dalagaan kanniisa dalagduu damma dammeessuu qofa. Dhangala’aa gaagura keessatti qixxaa ittiin dalaguuf isa qarqaaru garaa keessaa qaba.
Waa’ee kanniisaa yoo yaadannu wanti sammuu keenya keessatti dursee dhufu, ilkee isaati. ilkeen isaa kunis garaa isaa gara duubaatti argama. ilkee kana kanniisni mootii fi dalagduun kan qaban yoo ta’u, kanniisni kormaan garuu ilkee ittiin nama iddu kana hin qabu.

Gaagura tokko keessa kanniisni kuma 44 haga kuma 50 ta’utu jiraata. Kanniin keessaa irra hedduun isaa kanniisa dalagduudha. Saalli kanniisa dalagduu, dhaltuudha. Haa ta’u malee, wal qunnamtii wal hormaataa raawwachuu hin danda’an. Akkuma maqaa irraa hubannutti, dalagaan isaanii wantoota garagaraa hojjachuu qofa. Lubbuudhaanis torbaan shan qofa turan. Yeroo gabaabduu kana keessatti dalagaa garagaraa walii qoqqoodanii hojjatu. Fakkeenyaaf Kanniisni dalagduun gariin, qulqullina gaaguraa eeguun dirqama isaaniiti. Hanqaaquu haarawa hanqaaqamuufis ta’e, dayma daymeeffamuuf naannoo qulqulluu qopheessuu qaban. Dabalataan kanniisota sababa garagaraan du’an akkasumas, balfa akka tasaa, gara gaaguraa seene baasanii gara biraatti gatuun dirqama isaaniiti. Hanqaaquu Kanniisni mootiin hanqaaqxe kunuunsuunis dalagaa isaaniiti. Guyyaa tokko keessatti yeroo heddu irra deddeebi’uudhaan hanqaaquu kana too’atan. Kanniisa mootii kunuunsuu fi sooruunis dirqama kanniisa dalagduuti. Dabalataanis qulqullina kanniisa mootiitis isaanumatu eega. Dayma daymeeffamuuf, oliif gad socho’anii ilillii fi wantoota barbaachisu funaananii gara gaaguraa fiduunis dalagaa kanniisa dalagduuti.

Kanniisonni yeroo heddu gaagura biraa fagaatanii hin deemnes ni jiran. Isaan kunniinis kanniisoota dalagduudha. Dalagaan isaaniitis, gaaguraa fi dayma isaanii diina irraa tiysuudha. Gabaabumatti Waardiyyaa garee saniiti. Wanti akka tasaa seene yoo jiraates, ajjeesanii baasan. Nama dayma isaanii murachuudhaaf dhufus ilkee isaaniitiiin hiddanii ari’an. Gama biraatiin Kanniisa Kormaa, kan mootiidhaan jibbames, harkisanii gaagura keessaa baasuudhaan alatti darbu. Yoo bahuu dide, ajjeesanii baasu.

Walumaa galatti dirqamni kanniisota dalagduu kan ajaa’ibaati. Hubadhaa, lubbuudhaan torbaan shan qofa turan. Yeroo kana keessatti ammoo daymi dalagamee hin dhumatu. Gariin isaanii osoo daymi hin gahin du’an. Kanniisni dalagduun osoo jiraatuu baatee, kanniisni kormaanis ta’e, Mootiin akkasumas dammis jiraachuu hin danda’u. Kanniisonni dalagduun, yoo du’an malee dalagaa hin dhaaban. Yoo humnaa ol ta’e malee, gaagura keessatti hin du’an. Du’a ofii ofirratti yoo beekan, gaagura keessaa bahanii deeman. Kunis qulqullina gaaguraa eeguudhaaf akka mijaahuufi. Subhaan ALLAH. Kun waanuma Ajaa’ibaati.

Gosti lammataa ammoo kanniisa Kormaadha. Gaagura tokko keessa Kanniisonni Kormaan lakkoofsaan dhibbaa ol ta’uu danda’an. dalagaan isaaniitis walqunnamtii wal hormaataa, kanniisa mootii waliin raawwachuu qofa. Garuu walqunnamtii hormaataa raawwachuu jechuun du’aaf harka kennachuu jechuudha. Kanniisni kormaan tokko, Yoo kanniisa Mootii wajji wal qunnamtii wal hormaataa godhe, qaamni Saalaa isaa sanyii isaa wajji Qaama kanniisa mootii keessatti muramee hafa. Kanniisni kormaan kun, akkuma wal qunnamtii hormaataa godheen yeroma san du’a.

Kanniisni kormaan gaagura keessa jiru dhibbaa ol ta’us, kan wal qunnamtii wal hormaataa raawwatu garuu 10 hin caalu. Warroonni hafan ajaja mootiitiin gaagura keessaa baafamanii darbaman. Kanniisni mootiin yeroo walqunnamtii wal hormaataa raawwachuu hin barbaadnetti, Kanniisni kormaan hundi gaagura keessaa akka baafaman ajajji. Kanniisni kormaan haga ji’a lamaa turuu danda’a. dabalataan kanniisni kun ilkee waan hin qabneef, nama hin hiddu.

Gosti sadaffaan Kanniisa Mootiidha. Kanniisa Mootii malee gaagurri ykn ammoo hoomaan kannisaa jiraachuu hin danda’u. Kanniisni mootiin gaagura tokko keessa jirtu takka qofa. umrii dheeraa kan jiraattus Kanniisa Mootiidha. Kanniisni Mootiin haga waggaa afurii jiraachuu dandeetti. Dalagaan Kanniisa Mootii hanqaaquu hanqaaquu qofa. Dalagaan hafe hundi kan Kanniisa dalayduuti. Kanniisni Mootiin yeroo wal qunnamtii hormaataa raawwatuu barbaaddu, kanniisa kormaa heddu waamattee bararuu jalqabdi. Walqunnamtiinis qilleensuma gubbatti raawwatama. Yeroo qilleensa gubbaa baatu kana haga kormaa 10 waliin walqunnamtii raawwattee deebiti. Kormaan isii wajji qunnamtii godhe hundi achumatti du’ee hafa jechuudha.
Akkuma sila jenne kanniisni Mootiin, qaama saalaa Kanniisa kormaa sanyii isaa waliin murtee hambifti. Kunis faaydaa mataa isaa qaba. Aangoo Saala hanqaaquu sanniinii murteessuu ammoo, Rabbiin kanniisa mootiidhaaf kenne. Kanniisni mootiin Guyyatti hanqaaquu 1500 hanga 2000 kan hanqaaqxu yoo ta’u, dhaltuu fi kormaa isa ta’u garaa ofii keessatti murteesitee hanqaaquu buusti. Yeroo hanqaaquun tokko bu’uuf gad dhihaatu, qaama saalaa kan dhiiraa kan isii keessatti muramee hafe keessa, sanyii dhiiraa itti makti. Yeroo kana hanqaaquun sun dhaltuu taati. Kanniisni Hanqaaquu kana keessaa bahus, Kanniisa Dalagduu ykn ammoo Mootii ta’a. Hanqaaquun sanyii dhiiraa kana osoo hin argatin bu’e ammoo, kormaa ta’a. Haala kanaan jiruuf jireenyi kanniisaa iti fufa jechuudha.

Subhaanallaah, Uumamni Rabbii hundi ajaa’ibuma. Kanniisaa dalagaa akkanatti qoqqoodee eenyutu kenne laata? Kanniisa Mootiidhaaf beekumsa san eenyutu kenne? Dandeettii, Kormaa fi dhalaa murteessuu hoo eenyutu isii barsiise? Rabbii guddicha qofa. Wanti kun hundi akka tasaa uumame jedhanii haasawuun waan hin fakkaanne.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button