Uumaan Rabbii keenyaa laakkawamee hin dhumu. Hardha uumama addaa tokko isin daaw’achiisna. Rabbiin keenya waan uumee dachii kana ittiin guute keessaa faaydaalee garagaraa akka argannu nuu godhee jira. Beeyladoota Rabbiin nuuf uumerraa aanan elmannee dhuyna, qalannee foon isaanii sooranna, gogaa isaanii uffata ittiin tolfanna. Ilkaanii fi gaafa isaaniitis waa heddu irraa fayyadamna. Kaanis geejjibaaf itti tajaajilamna. Walumaa galatti faaydaan nuti uumama Rabbiin uume kanniin irraa argannu waan himamee dhumuu miti. Ammas kan nuti bira hin geenye heddutu jira. Barruu tanaan uumama tajaajila addaa ilma namaatiif kennuu danda’a jedhamee tilmaamame tokko ilaalla.
Maqaan uumama kanaa Electric Eel jedhama. Maqama isaa irraa yoo kaanu electrika akka nuuf kennuu danda’u tilmaamuu dandeenya. Biyya Jaapaan keessatti haalli isaa mijaawaa ta’uus baatu, Anniisaa Elektrikaa kan ampuuliiwwan xixiqqoo ibsuu danda’u uumama kanarraa argachuudhaaf yaaliin godhamee jira. Electric Eel sanyii qurxummiiti. Qaamni isaa dheeraa fi geengoodha. Ulfaatinni qaama isaa haga kilograama 20 ni ta’a. Dheerinni isaa ammoo haga meetira 2 fi walakkaa ta’a. Qaama hagana dheeratu keessaa, parsantii 80 kan ta’u qaama anniisaa electrikaa maddisiisuu danda’uun guutamee jira.
Qaama isaa keessaa seeliiwwan xixiqqaa baatrii fakkaatan qaba. Akkuma nuti raadiyoo dhaggeeffachuuf baatrii (dhagaa) tarree galchinee itti galchinu, seeliiwwan uumama kanaas qaama isaa dheeraa san keessa walirraan tarree galanii argamu. Seeliiwwan akka baatirii jiran kunniinis gogaadhaan haguugamanii jiran. Halluun gogaa isaa gurraacha, magaala, parpilii fi magariisa. Garaa jalaan ammoo bifa keelloo fi burtukaanaatti dhihaatu qaba. Ijji isaa xixiqqoo yoo taatu, dandeettiin waa arguu isaa dadhabaadha. Kanaafuu Qurxummiin kun waa adamsuufi diina ofirraa ittisuufis, karantii qaama isaa irraa bahu kana fayyadama. Karantii san bishaan keessa gad dhiisuun naannoo isaa too’ataa deema.
Uumamni kun laggeen biyyoota Ameerikaa kibbaa keessatti argama. Hedduminaanis laggeen Amaazonii fi Orinooloo keessatti argama. Qurxummiin kun lafa dudubni baay’atu jaalata. Nannoon dhoqqee heddummaatu hedduu mijjaawaaf. Ajaa’ibni uumama kanaa humna anniisaa elektrikii maddisiisuu isaati. Annisaan kun guddaa waan ta’eef ilma namaatis ta’e uumama biraa miidhuu ni danda’a. Walumaa galatti Annisaa maddisiisu kana, soorata ittiin adamsachuudhaaf akkasumas, diina ofirraa ittiin ittisuudhaaf fayyadama. Annisaan qurxummiin kun maddisiisu, volteejii xiqqaa fi volteejii guddaa qaba. Volteejiin xiqqaan naannoo isaa ittiin toohachuuf yoo ta’u, guddaan ammoo waan nyaatamu yoo argate ittiin ajjeesuuf tajaajila irra oola. Kanaafuu akkuma duratti jenne, qurxummiin kun ijji isaa laaftuu waan taateef yeroo hunda anniisaa maddisiisaa deema jechuudha.
Qurximmiin kun yeroo dheeraaf bishaan jala lixee turuu hin danda’u. Yeroo daqiiqaa kudhanii keessatti bishaan gubbatti ol bahee qilleensa fudhataa gad deebi’a. Haa ta’u malee yeroon inni qilleensa fudhachuuf gara gubbaa bahu sakandii muraasa qofa. Haga limsuu ijaa hin guunne keessatti ol bahee gad deebi’a. Yeroo san keessatti Oksijiinii daqiiqaa kudhaniif ta’u qabatee bishaan keessatti gad deebi’a. Subhaanallaah. Kun hundi dandeettii Rabbiiti.
Electrik Eel uumama kopha kophaa jiraatu (Solitary Animal jedhama). Haa ta’u malee yeroo waa adamsuu barbaadanii fi wanti adamsamu guddaa ta’e ammoo wal waamu. Sababni isaa, Waan san ajjeesuudhaaf humna elektrikii guddaa waan isaan barbaachisuuf gamtaan irratti hirmaatu. Kanaafuu wal gargaaranii waliin ajjeesu.
Uumamni kun waan adamsu yoo argate saffisaan anniisaa elektiriikaa maddisiisa. Anniisaan elektirikaan kun waan adamsamu san irratti hundaawa. Yoo wanti adamsamu ilbiisa xiqqaa tahe, Anniisaa xiqqaa maddisiisee ajjeesa. Yoo qurxummiifi bineensota gurguddaa admsuu fedhe ammoo, anniisaa elektriikaa guddaa maddisiisa jechuudha. Sanyiin uumama kanaa gariin, anniisaa ilma namaa ajjeesuu danda’u maddisiisuu danda’a. Hedduminaan uumamni kun Qurxummiilee xixiqqoo fi hoosiftoota xixiqqoo bishaan keessa galan ajjeesee soorata. Ilmooleen xixiqqoon Elektrik Eel anniisaa gahaa bineensota biraa ittiin ajjeesan waan hin qabneef, hanqaaquu fi raammolee akkaan xixiqqoo ta’an adamasanii sooratu.
Uumamni hundi sanyii ofii haala gargaraatiin bakka buufata. Uumamni kunis seera mataa isaa qaba. Wal hormaataaf dhalaa fi dhiirri wal tuquun isaan biratti barbaachisaa miti. Dhiirri yoo sanyii qopheesse, goojjoo ijaaree dhalaa affeera. Goojjoo isaa kanas hancufa ofiitiin ijaara. Dhalaanis goojjoo kana eega seenteen booda, hanqaaquu haga 17,000 hanqaaqxi. Kana booda dhiirri sanyii isaa hanqaaquu kanarratti jigsa. Hanqaaquu kanniin keessaa hedduun isaa uumama biraatiin nyaattama. Kan hafe ammoo fedha Rabbiitiin hanqaaquu keessaa bahee jireenya haarawa jalqaba.
Qabxiiwwan ijoo uumama kanaa:
Qaamni Elektrik Eel parsantii 80 kan ta’u anniisaa Electrikaa Maddisiisuuf seeliiwwan barbaachisaniin guutamee jira.
Naannoo isaa too’achuudhaaf yeroo hunda Anniisaa xiqqaa kan maddisiisu yoo ta’u, yeroo waan adamsamu argate ammoo anniisaa guddaa maddisiisa.
Uumama kana harkaan tuquun rakkisaadha. Namni uumama kana harkaan tuqe akkuma nama electrikiin qabee qaamni isaa hollata.
Ijji isaa xixiqqoo fi argaa irrattis laaftuudha.
Yeroo ammaa kana biyya Jappaan keessatti anniisaa Electrikaa isarraa maddisiisuudhaaf tattaaffiin godhamaa jira.
Qophii Abu Ibtisam