header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Piraanhaa

Piraanhaan sanyii qurxummiiti. Maqaan piraanhaa jedhu afaan biraaziliitiin “Qurxummii ilkaan qabu”jechuudha. Qurxummiin kun ilkaan akkaan qaraa qaba. Kanaafis ilmi namaa qurxummii kana akkaan sodaata. Uumama bishaan keessa jiraatu keessaa, Shaarkii caalallee ilmi namaa Piraanhaa sodaata. Sababni isaa ammoo ilkaan isaa kana. Akkasumas akkaataan uumamni kun foon itti sooratus nama suukanneessa. Sanyiin qurxummii kanaa hagam akka ta’e qorattoonni irratti walii galuu dadhaban. Sababni isaa ammoo qurxummiin kun faffaca’ee argamuu isaati.


Bifti isaa meetii ykn silver fakkaata. Kunis cirracha bishaan jalatti argamu keessatti diina jalaa dhokachuudhaaf isa gargaara. Guddina qaamaatiin ammoo sanyiin Xixiqqaan seentimeetira 14 kan dheeratu yoo ta’u, inni gurguddaan ammoo haga Seentimeetira 40 ni dheerata. Ulfaatinni qurxummii kanaa ammoo haga kilograama 3.5 ti.


Qurxummiin kun wanti ittiin beekamu guddaan ilkaan isaati. Ilkaan isaa akkaan jabaa yoo ta’u, ilkaan isaatiin sibiila muruu dandeettii qaba. Ilkaan qofaa miti. Irgi isaatis akkaan jabaadha. Irgi isaa kophatti lafee ilma namaa ni cabsa. Ummanni naannoo qurxummii kanaa jiraatu, ilkaanii fi irga isaa kanarraa meeshaalee waraanaa kan akka eboo ittiin tolfata.
Qurxummiin Piraanhaa kun Ardii Ameerikaa kibbaa keessatti argama. Qubsuma isaatiifis bishaan hoo’aa barbaada. Haala kanaan laga guddicha Amaazon dabalatee, bakka bishaan hoo’aan jirutti ni argama. Walumaa galatti biyyoota Ameerikaa Kibbaa hunda keessa ni jira jechuu dandeenya. Piraanhaan tokko tokko ammoo bishaan biyya Baanglaadiish keessas ni qubata. Kanaaf akkuma duratti isiniif himne sanyiin uumama kanaa bakka heddutti amma argamaa waan jiruuf, lakkoofsa isaa hagana jedhanii himuun rakkisaadha. Ameerikaa kibbaa keessa garuu Sanyiin qurxummii kanaa gosti 20 akka jiru qorannoon beekamee jira.


Uumamni kun garee uumee gamtaadhaan jiraata. Soorata barbaaduufis ta’e diina ofirraa ittiisuuf, gareen jiraachuun barbaachisaadha. Yeroo bineensa tokko adamsuu barbaadan, lakkoofsaan baay’atanii joonjessan. Kana booda bineensa san marsanii ajjeesanii sooratan. Akkasuma yeroo diinni itti dhufes, lakkoofsaan baay’atanii diina san gamtaan ofirraa ittisan.


Qurxummiin Piraanhaa soorata gosa lachuu ni soorata. Garuu Sanyiin gariin hedduminaan foon kan barbaadu yoo ta’u, warri garee kanaa biqiltootaa fi firiiwwan xiqqeessanii sooratan. Faallaa kanaan ammoo warri biqiltoota caalchifatanis ni jiran. Sanyiin biqiltoota filatu kun osoo foon argu, biqiltuu filata. Piraanhaan foon sooratu akkuma shaarkii miira dabalataa tokko qaba. Innis dhiiga bishaan keessa jiru fageenya irraa fuunfatee beekuudha. Haala kanaan dhiigni tokko yoo bishaan keessa bu’e, Piraanhaanis saffisaan gara dhiiga sanii deema. Sanyiiwwan Piraanhaa keessaa Piraanhaa diimaa jedhamuudhaan kan beekkaman, hunda caalaa uumama sodaachisaadha. Waan qabatan gara jabeenyaan cicciranii sooratan. Waan nyaatamu yoo argatan, gareen sanyii kanaa wal waamu. Kana booda inni tokko ilkaan isaa qaraa fi irga isaa jabaa sanitti fayyadamee bineensa argame sanirraa takkittii muratee biraa deebi’a. Kan biraatis dhufee isuma boodaan murata. Lakkoofsi isaanii baay’ee waan ta’eef, yeroo takkaan bineensa sanitti rarra’anii nyaachuu hin danda’an. Kanaaf takka takka murataa wal jalaa goran. Gama biraatiin sanyiin wal nyaatus ni jira.


Piraanhaan diina heddu bishaan keessaa qaba. Diinni isaa hamaan Shaarkii, Naachaa fi Qocaadha. Ilmi namaatis ilkaan isaatiif jecha akkasumas, foon isaatiif jechas bineensa kana adamsee ajjeesa.
Qurxummiin kun akkuma ilmi namaa wal fuudhutti, dhiiraafi dhaltuun wal filatee waliin jiraata. Kanaafuu dhiirri tokko dhaltuu takka qofa wajjiin tura jechuudha. Eega wal qunnamtii wal hormaataa raawwataniin booda, lameen isaaniituu wal qabatanii gara bishaan suuta yaa’uu deeman. Achitti dhaltuun sun hanqaquu haga 5000 hanqaaqxi. Eega hanqaaquun kun hanqaaqameen booda, dhaltuunis, kormaanis hnqaaquu san biraa hin fagaatan. Wal gargaaranii hanqaaquu isaanii irraa diina ittisu. Kanaafuu hanqaaquun kun hedduun isaa osoo hin badin, ilmooleen guyyaa muraasa keessatti keessaa bahan. Kanaaf lakkoofsi qurxummii kanaatis heddummaachuu danda’e. Hoomaan qurxummii kanaa miseensa haga 1000 of keessatti hammata.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button