Ulaagaa Bareedinaa

Ulaagaan bareedinni ittiin madaalamu seenaa addunyaa tanaa keessatti garaagarummaa qaba. Wanti waggoota 500 dura akka bareedinaatti ilaallamu arra jijjiiramee waan biraa ta’eera. Arraan tanas taatu aadaa fi biyyoota garagaraa keessatti akkaataan bareedinni itti ibsamu garaagarummaa qaba. Kan isa tokkoof bareedinaa isa kaaniif fokkina ta’uu mala. Kan tokko biratti jaalatamu kan biraa biratti jibbamuu mala. Kan isa tokko boonsu kaan ammoo qaanfachiisuu danda’a. Walumaa galatti bareedinni eddoo garagaraatti, biyya garagaraatti, yeroo garagaraatti garaagarummaa qaba. Barruu tanaan bareedinni biyyoota garagaraa keessatti haala kamiin akka ibsamu ilaalla.

Jaappaan

Biyyoota heddu keessatti kofli mallattoo miidhaginaati. Kanaaf ammoo ilkaan adii walqixxaayee qajeelee biqile qabaachuun seequu gaariif barbaachisaadha jedhamee amanama. Garuu Jaappaan keessatti ilkaan wal qixxaaye irra caalaa ilkaan jajallatee biqiles miidhaginatti laallama. Jappaan keessatti waan Yeybaa jedhamu tokkotu jira. Yeybaa jechuun ilkaan wal hin qixxaayin jechuudha. Keessattuu ilkaan qarrinfoo (Qarriffaa) kan gubbaa ibsuudhaaf tajaajila. Lammiileen Jaappaan nama ilkaan akkanaa qabu haalaan jaalatu. Seequun Yeybaa jedhamuun beekkamu kun nama saniif bareedina addaa dabala jedhanii amanan. Ilkaan jaappaanonni Yeybaa jedhanii yaaman kana, biyya keenya naannoo tokko tokkotti Maa’elaa jedhanii yaaman. Biyya teenyatti namni ilkaan kana qabu yeroo hedduu gammachuu hin qabu. Jaappaan keessatti garuu ilkaan kun, badhaasa Rabbiiti jedhamee amanama. Warri Jaappaan waan uumamaan namaa kenname kana bifa kamiinuu qajelchuuf yaaluun gaarii miti jedhan.


Iiraan

Dardarran heddu dubartii yoo faarsan ta funyaan Aliif qabdu jedhan. Funyaan qajeelee dheeratu hawaasa biyya keenyaa biratti haalaan jaalatama. Iiraan keessatti ammoo jaalatamuu biras dabree akka taajirummaatti laallama. Lammiileen Iiraan funyaan isaanii qajeelfachuuf mallaqa guddaa kafaluun waan baramaa tahee jira. Yeroo ammaa kana namni funyaan ofii qajeelfachuu barbaadu doolaara Ameerikaa 2500 ol kafaluun dirqama. Aadaan kun arraan tana haalaan baramaa ta’eera. Kanaafuu namni funyaan isaa haala saniin mallaqa kana hunda itti baasee hojjachiifate, dureessa jedhamee fudhatama. Namoonni hedduun eega sarjariin godhameefii boodas, bandeeja funyaan isaaniirratti maxxanfame ofumarratti dhiisanii hawaasa keessa deddeemu. Namni akkanaa kun dureessa jedhamee waan yaadamuuf, hawaasa biraa kabajaa guddaa argata.


Taajikistaan

Nyaarri ijaa dubartoota heddu biratti akka miidhaginaatti laallama. Yeroo ammaa kana ammoo dubartoonni heddu nyaara haaddatanii qalama ofitti diban. Dubartoonni biyya Tajikistaan nyaara gurguddaa qabaachuudhaan beekamu. Yeroo heddu nyaarri isaanii lameen funyaan gubbaan dabree wal tuqa. Kun ammoo akka miidhagina guddaatti laallama. Dubartoonni nyaarri isaanii wal hin tuqne ammoo, qalama itti dibanii wal tuysiisan. Nyaara waltuqe qabaachuun miidhagina qofa osoo hin taane, mallattoo carra qabeessummaati jedhama. Akkasumas dubartootaaf mallattoo qulqullinaa fi umrii dheeraa qabaachuuti. Warra dhiiraatiif ammoo mallattoo jabinaati jedhamee amanama. Walumaa galatti nyaara dheeraa waltuqe qabaachuun Tajikistaan keessatti wantoota gaggaarii ta’an hundaan walqabsiifama.

Kooriyaa Kibbaa


Kooriyaan Kibbaa biyya plastic surjeriin beekamtuudha. Dubartoota biyyattiin qabdu keessaa hedduun isaanii Plastic Surgery dhaan fuula isaanii jijjiirataniiru. Akka galmeen seenaa himutti dubartoota magaalaa guddittii biyyattii Se’uul keessa jiraatan 5 keessaa 1 plastic surjeriin fuula isii jijjiirsisteerti. Koriyaa Kibbaa keessatti fuulli boca onnee qabaatuu qaba jedhamee amanama. Kana jechuun gama gubbaatiin bal’atee gara jalaatiin ammoo qal’atuu qaba. Kanaaf jecha dubartoonni Kooriyaa kibbaa hedduun waan kana raawwachuuf dirqaman. Doktoroonni ogummaa kanarratti bobbahanis, fuula isaanii bananii lafee caccabsanii boca fuulaa jijjiiran.


Moritaaniyaa


Biyyoota heddu keessatti qal’ini dubartiidhaaf bareedina. Kanaaf jecha dubartoonni hedduun wayta soorata lagatan mul’ata. Moritaaniyaa keessatti garuu dubbiin faallaadha. Bareedinni dubartiidhaa furdina isiiti jedhama. Sababa kanaaf maatiin ijoollee dubraa xiqqeenya irraa kaasanii soorata qaama isii furdisu nyaachisan. Akkasumas dawaalee garagaraa kan ulfaatina qaamaa dabalus ni kennaniif. Dubartiin heerumuu barbaadduu fi dhiiraan hawatamuu barbaaddu soorata heddummeessuun nyaatuu qabdi. Wanti kun ammaan tana magaalota biyyattii keessatti xiqqaachaa dhufus baadiyaa keessatti garuu ammas aadaan tun hin dhiifamne.


Miyanmaar


Miyanmaar keessatti ammoo dheerina mormaatu iddoo guddaa qaba. Dubartoonni gosa Padoong gaafa umriin isaanii waggaa 5 guuterraa kaasanii, sibiila akka faaya mormaatti tajaajilu mormatti diratan. Gaafa jalqabaa sibiila 6tu mormatti kaayama. San booda adaduma waggaan dabaluun sibiilli tokko ida’ama. Faaya mormaa kana ida’uunis haga gaafa heerumtuutti itti fufa. Gaafa herumterraa kaasee garuu ni dhaabbata. Sababa kanaaf mormi dubartoota hedduu sababa sibiila kanaatiif jecha haala malee dheeratee mul’ata. Mormi dubartoota garii haalaan dheeratee seentimeetira 40 gahuu danda’a. Wanti kun yeroo tokko tokko haalaan dheerachuun morma dubartootaa kan miidhu yoo ta’u, dubartoonnis of duuba mil’achuudhaaf ni rakkatu. Qaama guutuun duubatti naannawuu qabu.

Qophii Abu Ibtisam

Recent Posts

Faawundeeshiniin Dubartoota Rufeeydaa barattoota 110 eebbisiise.

Rufaida Women's Foundation Guyyaa har’aa Waxabajjii 19-10-2014 (June 26, 2022) barattoota Sagantaa (Diploama in Islamic…

1 week ago

Seenaa Gabaabaa Perezdaantii Majlisa Oromiyaa

Sheikh Jamaal Muusaa Jiloo jedhaman. Sheikh Jamaal bara 1955 A.L.I Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti…

2 weeks ago

Iddoon Dorgommiin Qur’aanaa itti geggeeffamu Istaadiyeemii Finfinnee irraa jijjirame

Dorgommiin Qur’aanaa Idil addunyaa yeroo jalqabaatiif jimaata irraa jalqabee Itiyoophiyatti geggeeffamaa jiru, sagantaan cuffinsaa guyyaa…

4 weeks ago

Saatalaayitii

Biyyi teenya Itiyoophiyaan waggaa sadi dura, saatalaayitii takka gargaarsa mootummaa Chaaynaatiin gara hawaa erguun isii…

4 weeks ago

Biyyoota Buna Dhuguun keessatti yakka ture

Yeroo ammaa kanatti buna dhuguun baramaadha. Dhugaatii haalaan jaalatamus taheera. Namni hundi buna dhuguu baatus…

4 weeks ago

Waraana addunyaa lammaffaa

Lola Raashiyaa fi Yukreen jiddutti geggeeffamaa jiru dabalatee walitti gaarrifannaan  Iraanii fi Ameerikaa jiddutti yeroo…

4 weeks ago