Proboscis Monkey (Qamalee funyaan Kumbii)

Uumama Rabbiin keenya uume lakkoofne fixuu hin dandeenyu. Wanti hundi bifa fi sanyii garagaraa qaba. Garbuun gosa garagaraa qaba, qamadiin gosa garagaraa qabdi, ilmi namaa bifa fi sanyii garagraa qaba, wanti hundi sanyii garagaraa heddu qaba. Haala Kanaan sanyiiiwwan dachii kana irra jiran laakkawuu yoo jalqabne malee, xumuruudhaaf umriin qabnu waan nu hin geettu. Barruu tana keessatti sanyii qamalee takka waliin daawwanna.

Uumamani kun Proboscis Monkey (Qamalee Funyaan Kumbii) jedhama. Biyya keenya keessa waan hin jirreef maqama Kanaan uumama kana waliin wal baraa.

Qaamni isaa jiddu galeessa. Akka qamalee haalaan hin xiqqaatu, Akka jaldeessaatis hin guddatu. Sanyiiwwan qamalee fi jaldeessaa kanneen biroo irraa wanti adda isa godhu funyaanii fi garaa isaati. Uumamni kun funyaan akkaan dheeraa kan qabu yoo tau, garaan isaatis akkaan guddaadha. Maqaa isaatis funyaan isaa kanarraa argate. ‘Proboscis’ jechuun gara afaan biyya keenyaatti yoo deebisnu Kumbii jechuudha. Funyaan uumama kanaatis akka kumbii Arbaa dheeraa tauus baatu, afaan isaa bira ni darba. Garaan isaatis ka ajaaibaati. qochimaa afur kan qabu yoo tau, akkaan guddaadha. Akkuma nama cooma garaa qabuu yeroo hunda akkuma guutametti tura.

Sanyiin dhiiraa Sanyii dhaltuu irra ulfaatinaanis dheerinaanis ni caala. Dheerinni dhiiraa haga senti meetira 76 yoo tau, kilograama 20 ol ulfaata. Bifti rifeensa gogaa isaa irra jiru magaala yoo tau, fuulli isaa gara diimaatti dhihaata. Funyaan isaa dheeraan sun umrii isaa waliin guddata. Ilmooleen xixiqqoon akkuma qamalee kaawwanii funyaan xiqqaa kan qaban yoo tau, adaduma umriin isaanii dabalaa deemuun, funyaan isaaniitis dheerataa deema.

Qubsumni qamalee kanaa eddoola biyya Burunaay jedhamtuudha. Biyyi tun Ardii Eeshiyaa keessatti argamti. Bineensi kunis Hedduminaan qarqaruma bishaanii irra jiraata. Eddoon inni jiraatu naannoo jiidhaa fi bosonaan uwwifame tauu qaba. Qubsuma isaa keessa gamtaadhaan jiraata. Miseensi qubsuma tokko keessa jiraatu haga 30 tauu dandaa. Garee kana keessatti dhiirri tokko qofa yoo tau, kan hafan dhaltuu fi ilmoolee isaaniiti. Garee san keessatti dalagaan dhaltuu soorata barbaaduu fi ilmoolee kunuunsuu dha. Dhiirri ammoo waardiyaa garee saniiti. Sagalee garagaraa dhageessisuun akkasumas ilkaan isaatiin sodaachisaa diinni akka itti hin dhihaanne godha.
Rimeyni Proboscis jia shaniifi walakkaaf tura. Ilmoon dhalatus tokkuma. Ilmoon dhalatu kun rifeensa gurraachaa fi fuula cuquliisaan dhalata. Haga gaafa jia 4 guututti bifti kun akkanumatti tura. Jia afuriin booda akka Proboscisoota gurguddaadhaa rifeensa magaalaa fi fuula warra gurguddaa fakkaatuutti jijjiirama.

Ilmoolee haarawa dhalatan kunuunsuun dirqama haadha dhalte qofaa miti. Dhaltuuwwan garee san keessa jiran hundi gargaarsa gochutu irraa eeggama. Ilmooleen dhalatan kun haga waggaa tokko guutanitti haadhuma waliin turu. Ilmoolee dhalatan keessaa dhaltuuwwan garema san keessatti kan hafan yoo tahu, warri dhiiraa garuu garee san gad dhiisanii deemuun isaanirratti dirqama. Dhaltuun ammoo filmaataan taauu ykn deemuu dandeetti. Garee tokko keessa dhiirri jiraachuu qabu tokko qofa waan taeef , Kormaan hundi garee san dhiisee bahuun dirqama.
Uumamni kun soorata bifa hunda ni soorata. Haa tau malee hedduminaan baala mukkeen irraa guuruun soorata. Baalli inni sooratus kichuu fi kan reef biqilaa jiru qofa. Garaan isaa guddaan sun soorata bifa gaariin akka kuusu godhamee waan uumameef, waan argate osoo sirritti hin alanfatin garatti dabarsa. Kana booda keemikaalli addaa kan cellulose jedhamu, kan garaacha isaa keessa jiru, baala saniin daakuudhaaf tajaajila kenna. Sirni daakinsaa kun yeroo dheeraaf kan turu waan taeef, garaan qamalee kanaa yeroo hunda akkuma afuufametti tura. Soorata yeroo tokko guutame daakuudhaaf haga saaaa 15nii tura. Baala mukaatiin cinatti, firiiwwanii fi raammolee garagaraatis ni soorata.

Uumamni kun yeroo hunda muka irra waan turuuf diina heddus hin qabu. Haa tau malee yeroo garii wayta gara lafaa buu qeeransaan adamsama. Akkasumas yeroo bishaan daakutti soorata naachaa tauu dandaa. Kan kanarraa hafe diinni isaa akkuma uumama biraa ilma namaati. Ilmi namaa bosona uumamni kun keessa jiru ciraa waan balleessuuf uumamni kun qubsuma keessa jiraatu, akkasumas soorata isaa dhabutti jira.

Qabxiilee ijoo uumama kanaa:

Uumamni kun umrii isaa irra jireessa Qarqara bishaaniitti dabarsa.

Bishaan keessa daakuus tae saffisaan miila isaatiin deemuu ni dandaa.

Funyaan isaa umrii isaa guutuu guddina hin dhaabu.
Funyaan isaa kun yeroo inni dallanutti iitayee diimata.

Qophii Abu Ibtisam

Comments
Loading...