header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Dhahannaa Onnee

Qaamni ilma namaa hundi dalagaa uumameef qaba. Akkasuma qaamni hundi eega sa’aa dheeraaf dalagee booda boqonnaa fudhata. Kanaaf Rabbiin halkan yeroo boqonnaa nuuf godhe. Alhamdulillaah. Qaama ilma namaa keessaa kan takkallee hin boqanne ni jira. Qaamni sunis onnee keenya. Onneen ilma namaa hanga lubbuun jirtu abaduu hin boqattu. Daqiiqaan takkas tan onneen keessatti boqattu hin jirtu. Barruu tana keessatti uumama onnee teenyaa tana waliin tafakkurree, dandeeytii Rabbii guddaa qalbii qulqulluun xiinxallina in shaa ALLAH.

Onneen Qaama akkaan barbaachisaa ta’e keessaa isii takka. Namni ija ykn gurra dhabee jiraachuu ni danda’a. Onnee malee garuu namni jiraachuu danda’u tokkollee hin jiru.  Onneen teenya daqiiqaa takka keessatti yeroo torbaatamii lama dhahatti. Haala kanaan onneen teenya woggaa tokko keeysatti, haga yeroo miiliyoona 40 dhahachuu dandeessi jechuudha.  Lakkoofsa kana hubatuu yoo barbaaddan, harkuma keessan waliin dhaha. Daqiiqa hagamiif gochaa san akka raawwachuu dandeettan of ilaalaa. Onneen teenya garuu dhahannaa isii kana umrii isii guutuu hin dhaabdu. Gaafa nuti addunyaa tanarraa godaanne qofa dalagaa dhaabdi.

Guddinni onnee keenyaa ganaa harkaa hin caalu. Qaama hagana xiqqaatu kanatu, umrii guutuu  boqonnaa malee dalagaa akkaan guddaa dalaga.  Onneen keenya yeroo rafnus dhahachuu hin dhaabdu. Yeroo waa dalagnuu dhahannaan onnee keenyaa akkaan dabala. Yeroo boqonnaa fudhannuu fi rafnu ammo saffisini dhahannaadhaa ni hir’ata. Ammas waan ajaa’ibaattu jira. Nuti harka keenya sochoosuu yoo barbaanne, sammuudhaan ajajna. Yoo sammuun ajaje qofa harki socho’a, akkasuma yoo sammuun ajaje qofa miilli deemsa eegala. Waan sammuun yaade arrabni dubbata. Haala kanaan qaamni keenya hedduun isaa ajaja sammuu jala deema. Garuu aangoon onnee teenyaa toohannaa sammuutii oli. Onneen ajaja sammuu hin fudhattu. Abbaan fedhes onnee tana akka hin dhahanne dhoorguu hin dandahu. Saffisa isii dabaluufi saffisa isii hir’isuunis ajaja sammuutiin ala.  Onneen tun, ajaja Rabbii guddaa qofarraa fudhatti. Yoo inni dhahadhu jedheen ni dhahatti. Gaafa inni dhaabbadhu jedheen ni dhaabbatti. Jiruun ilma namaatis achitti goolabamti. Dhahannaa onnee jechuun maal jechuudha? Onneen maaliif dhahatti jechuun keessan ni mala. Qaamni ajaa’ibaa fi barbaachistuun tun, yeroo dhahattu kanatti dhiiga jireenya qaama keenyaaf barbaachisaa ta’e facaasti. Seelonni qaama keenya keessatti argaman hundi dhiiga kana keessaa oksijiinii fi soorata waan argataniif, dhahannaa onnee kanatti heddu hajamu.

Onneen teenya guyyaa tokkotti dhiiga litira 7200 ta’u geejjibdi. Dhiigni kun hagam akka ta’e beekuu barbaadduu? Jeerikaana bishaan ittiin waraabbannu, kan hedduminaan biyya keenya keessatti beekkamu 288 jechuudha. Yookaan ammoo barmeela biyya kenya keessatti beekkamu 34 jechuudha. Bakka kanatti Waan takka ibsuu barbaachisa. Dhiiga hagana baay’atutu qaama keessa jira jechuu osoo hin taane, dhiigni guyyaa tokko keessa onnee keessa seenaa bahutu hagana baay’ata. Yookaan ammoo dhiigni qaama garagaraa irraa gara onnee seenaa, gara biraa bittanneeffamu osoo gara onnee hin deebisin osoo waraabnee baay’inni isaa hagas ta’a jechuudha.

Dalagaan onnee kun hagam ulfaataa akka ta’e beekuu yoo barbaaddan, barmeela tokko keessatti bishaan eega guuttanii booda, kubbaayaa shaayii ittiin dhuganiin barmeela san keessaa baasaa barmeela biraa keessatti naqaa. Onneen teenya dalagaa hagana ulfaataa akka hojjataa jirtu beekuuf kun karaa salphaadha. Barmeela tokko keessaa mitii, jarkaana tokko keessaayyuu bishaan burcuqqoon qicaa jeeriikaana biraa keessatti naquun ni ulfaata. Dalagaa kana garuu onneen teenya dadhabbii takkaan maletti umrii keenya guutuu nuu hojjatti. Gaafa dhallannerraa kaastee dalaguma kanatti jirti. Dadhabe jettee guyyaa takkallee boqattee hin beektu. Gaafa Rabbiin isii nuuf uume si gaha jedheen qofa dalagaa dhaabdi. Nuti yeroo dadhabne ni boqanna. Ciisnee qaama keenyaaf boqonnaa kennina. Yeroo kanattis onneen teenya boqonnaa hin fudhattu. Yeroo nuti waan ulfaataa dalagnu dhahannaa ofii dabaltee, yeroo nuti boqonnaa fudhannu ammo dhahannaa ofii hiri’isti. Kanaan ala garuu hirribnii fi boqonnaa isii bira hin jiru.

Mee Galata Rabbii qaama ajaa’ibaa kana nuu uumee maalumaan deebisna. Onneen tun osoo mallaqaan ka bitamtuutii mallaqa meeqaan isii bituun danda’ama laata. Onneen tun osoo humna elektiriikaa yookaan gaazaan ka hojjattuutii mallaqa meeqa itti baasna laata? Tola Rabbiin nutti oole osoma laakkofneeyyuu fixuu hin dandeennu. Hedduun keenya toluma Rabbii keenyaa kanaa irraanfannee jirra. Rabbiin warra ni’maa isaa beekee galatoomfatu nu haa godhu jechuu malee, waan biroo maal jenna.

Qabxiilee ijoo Waahee onnee:

Onneen ilma namaa ganaa ilma namaa hin caaltu

 Ulfaatinni isiitis, kan dhiiraa graama 280 haga 340 yoo ta’u, kan dubartootaa ammo 230 hanga 280 ta’a.

Daqiiqaa tokko keessatti yeroo jahaatamaa haga saddeettamaa dhahatti

Guyyatti ammo yeroo kuma 100 ol dhahatti.

Dhahannaan onnee ijoollee, kan nama guddaa irra saffisa qaba. Onneen ijoollee Daqiiqaa tokko keessatti haga yeroo 190 dhahatti

Onneen xiqqoon tun daqiiqaa tokko keessatti, dhiiga liitira shan geejjibdi. Sa’aa tokko keessatti liitira 300 jechuudha. Guyyatti ammo leetira 7200 geejjibdi. SubhaanALLAH.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button