Yaalii xiyyeeffannoo barattootaa dabaluudhaaf Chaayinaan godhaa jirtu

Baruumsi madda qaroominaati. Biyya jijjiiruu keessatti gumaatni inni qabu guddaadha. Nama barateetu waa adda baafatee beeka. Nama beekutu waa dalaguu dandaya. Kan biyyaaf faaydaa qabuus nama beekumsa goonfateedha. Arraan tana keessattuu jaarraa 21ffaa kana keessa baruumsi teeknolijiin deeggaramutti jira. Haa tahue malee babal’achuun teeknolojii gama birootiin miidhaa biraatis qabatee dhufe. Dhalootni lafaa dhufu hedduun meeshaalee teknolojiitiin booji’amee hidhaa jabduu keessatti argama. Haati daa’imni akka itti hin boonyeef, abbaanis akka dalagaa irraa isa hin shaagalleef jecha meeshaalee elektrooniksii itti kennee ofirraa qaba. joolleen meeshaa kana wajji guddatte, gaaf ol jabaattes meeshuma kanatti haajamti. Kanaafis xiyyeeffannaan joolleen baruumsaaf kennan laaffataa dhufeera. Kun ammoo bu’aa barbaachisu argamsiisaa waan hin jirreef, Chaayinaan tooftaa haaraya tokko hojiirra oolchutti jirti. 

Chaayinaan biyya teknolojiin haalaan guddataa jirtuudha. Yeroo ammaa kanatti meeshaalee elektrooniksii heddu oomishuunis sadarkaa duraa irratti argamti. Tajaajila biyyattii keessatti kennitus gama teeknoljiitti jijjiiraa jirti. Lammiilee isii hundaafi namoota dhimma adda addaatiif gamas imalan hunda, teknoolojii adda taheen basaasti. Daandiiwwan biyyattii hundi Kaameraa CCTV tiin guuttamanii jiru. Namni biyyattii keessa sossohu hundi ija kaameraawwan kanaa jalaa bahuu hin dandayu. Amma ammoo Manni baruumsaatis teeknoljii kanaan deeggaramuu qaba waan jette fakkaata. Kutaalee baruumsa gad aanoo keessa Roobootii fayyaa ijoollee toohatuutu jira. Yunifoormiin barattoonni uffatanis elektirooniksii addaa ofirraa qaba. Isatti fayyadamuun barataan sun eessa akka jiru beekuun ni dandayama. Akkasumas kaameraawwan garagaraa kutaa keessa kaayamanis ijoolleen maal akka godhaa jiran hordofan. Barattoonni heddu wanti kun bilisummaa akka isaan dhoowwe himatu. Mootummaan garuu qabxii barattootaa ol kaasuun hegeree biyyattii tolchuuf jecha barbaachisaadha jedhee waan itti amaneef itti fayyadamutti jira.

Fakkeenyaaf waa’ee mana baruumsa sadarkaa duraa tokko isinii haa himnu. Barattoota sadarkaa duraa baratan xiyyeeffannaan isaan baruumsaaf kennan hagam akka tahe adda baafatuuf, Chaayinaan meeshaa tokko hojjattee yaalii godhutti jirti. Meeshaan kun akka manzaraa kallacarratti kan diramuudha. Teknoolojiin kun sammuu ijoollee qorachuun xiyyeeffannan isaan baruumsaaf kennaa jiran hagam akka tahe shallaga. Meeshaan kun Elektroodii sadih ofirraa qaba. Lama gurra duubaan sammutti maxxana. Tokko ammoo gama fuulduraatiin kallacha ykn addatti maxxanfama. Elektroodoonni kunniin mallattoo Niwrooniin ijoollee sammuu keessatti maddisiisu hordofan. Daataan Niwroonii haala kanaan eega hordofamee booda, yerooma san kompiyuutara barsiisaa irratti ergama. Barsiisonnis Kompiyuutaruma isaanii irra taa’anii, barataa barumsarratti xiyyeeffannaa kennee hordofutti jiruufi, baraxaa xiyyeeffannaa hin kenning adda baasuu dandayu. Meeshaan kun Xiyyeeffannaa barattootaa daqiiqaa 10 kudhaniin maal akka fakkaatu eega qoratee booda, haala barattoonni irra jiran gara maatii ijoolleettii dhaamsa erga.

Meeshaan kun fuuldurarraa ifaa halluu adda addaa qaba. Yoo diimaa ife barataan sun xiyyeeffannaa guddaan barumsa hordofutti jira jechuudha. Cuquliisa yoo ife ammoo wanti wahii deddeebi’ee xiyyeeffannaa barataa kanaa jeequtti jira jechuudha. Adii ifnaan ammoo inumaa barataan kun kutaa barnootaa keessa akka waan hin jirreeti. Haala kanaan barsiistonni ifaa fuuldurarraa ifu kana qofa laaluun, xiyyeeffannaa barattootaa hordofaa barsiisan jechuudha.

Barattoonnii fi namoonni garagaraa dhimma kanarratti gaafii gargaaraa kaasu. Meeshaan kun dhaamsi Niwrooniirraa fudhatu dhugumatti kan barnootaa tahuu maalitti beeka? Ijoolleen dhimma waan biraa yoo xiyyeeffannaa guddaan yaadaa jiraatan hoo? Kanaaf hordoffiin kun bu’aa gaarii argamsiisuu hin dandayu jedhanii warra mormantu jira. Teknoloojiin EEG jedhamu kun hedduminaan hospitaala keessattis tajaajila kennutti jira. Doktroonni namoota dhukkubsatanii hospitaala dhufan haala isaanii qoratuuf ittiin fayyadaman. Ijoolleen meeshaa san kallacharratti hidhatan, akka hordofamaa jiran waan beekaniif maatii isaanii sodaatuun baruumsaaf xiyyeeffannaa kennan. Beekumsa ijoollee dabaluun dandayamuu baatus, xiyyeeffannaan barattootaa garuu dabalee jira. Walumaa galatti Chaayinaan meeshaa kanarraa bu’aa gaarii argataa akka jirtu himti. Ijoollee fi namoonni tokko tokko koomii dhiheessanis Chaayinaan garuu waan faaydaa naaf qabuuf ittuma fufa jechaa jirti. Barumsi bu’uura waa hundaati, nama barateetu jijjiirama fidee, addunyaa hogganuu dandaya jechuun, barumsaaf xiyyeeffannaa ol aanaa kennitee fuulduratti cehaa jirti.

Qophii Abu Ibtisam

Recent Posts

Faawundeeshiniin Dubartoota Rufeeydaa barattoota 110 eebbisiise.

Rufaida Women's Foundation Guyyaa har’aa Waxabajjii 19-10-2014 (June 26, 2022) barattoota Sagantaa (Diploama in Islamic…

1 week ago

Seenaa Gabaabaa Perezdaantii Majlisa Oromiyaa

Sheikh Jamaal Muusaa Jiloo jedhaman. Sheikh Jamaal bara 1955 A.L.I Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti…

2 weeks ago

Iddoon Dorgommiin Qur’aanaa itti geggeeffamu Istaadiyeemii Finfinnee irraa jijjirame

Dorgommiin Qur’aanaa Idil addunyaa yeroo jalqabaatiif jimaata irraa jalqabee Itiyoophiyatti geggeeffamaa jiru, sagantaan cuffinsaa guyyaa…

4 weeks ago

Saatalaayitii

Biyyi teenya Itiyoophiyaan waggaa sadi dura, saatalaayitii takka gargaarsa mootummaa Chaaynaatiin gara hawaa erguun isii…

4 weeks ago

Biyyoota Buna Dhuguun keessatti yakka ture

Yeroo ammaa kanatti buna dhuguun baramaadha. Dhugaatii haalaan jaalatamus taheera. Namni hundi buna dhuguu baatus…

4 weeks ago

Waraana addunyaa lammaffaa

Lola Raashiyaa fi Yukreen jiddutti geggeeffamaa jiru dabalatee walitti gaarrifannaan  Iraanii fi Ameerikaa jiddutti yeroo…

4 weeks ago