Miirkaat

Sanyiin uumama kanaa gosti 3 kan jiru yoo ta’u, garaagarummaa rifeensaa malee qaamni isaanii walfakkaataadhaa. Miirkaat hoosiftoota xixiqqaa keessatti ramadama. Xiqqeenyuma isaa waliin qaama qal’aa fi dheeraa qaba. Eegeen isaatis dheeraa yoo ta’u, fiixee irraa bifa gurraacha qaba. Bifti isaa daalacha gara adii dhihaatu yoo ta’u, akka qeerransaa fi harree diidaa sarara gurraacha qaba. Sararri isaa kun akkuma bineensota biroo garaagarummaa qaba.

Fuulli isaa dheeraa yoo ta’u, qoffee, ijaa fi gurra biraa ammoo bifa gurraacha qaba. Miila isaa irraa ammoo qeensa jabaa fi dheeraa qaba. Qeensi isaa kunis haga seentii meetira lamaa ni dheerata. Qeensa kanas boolla ittiin qotuuf itti tajaajilama. Bifti rifeenisa isaa haala qilleensa gammoojjii waliin akka wal simu godhamee uumame.


Uumamni kun Gammoojjii Afriikaa gama kibbaa fi lixaa keessatti argama. Gammoojjiin kun akkaan goggogaa fi ulfaataadha. Gammoojjiin kunis biyyoota garagaraa shan keessatti kan argamu yoo ta’u, Miirkaatis biyyoota kanniin keessatti argama. Gammoojjiin kaalaahaarii kun hoo’i isaa digrii seentigreedii 40 haga 70 kan hoo’u yoo ta’u, yeroo qabbanaatti ammoo zeeroo gad negatiiva 10 ta’a.

Uumamni kunis qilleensa akkana ulfaatu kana keessaa olii gad deemaa soorata isaa barbaaddata. Soorata isaatis guyya barbaadataa oolee, yeroo halkanii ammoo boolla keessatti deebi’a.


Uumamni kun garee uumee jiraata. Miseensi garee tokkootis haga 30 ta’uu danda’a. Gareen kun of keessatti garee xixiqqaa biraa qaba. Akkuma ilma namaa jireenya gamtaatiin nagayaan jiraatan. Yeroo lafti bariitu boolla keessaa bahanii soorata barbaacha olii gad fiigu. Muraasni isaanii ammoo ilmoolee xixiqqoo naannoma boolla isaanii biratti diina irraa eegu. Warroonni ilmoolee xixiqqoo eegan kunniin miilaa isaanii kan duubaatiin dhaabbatanii, garana garas naannawaa naannoo isaanii too’atu. Diina samii irraan yookaan ammoo lafarraan dhufaa jiru yoo argan, sagalee dhageessisu. Kana booda ilmooleen hundi fiiganii boolla isaanii keessatti deebi’u.


Bineensi kun akkuma ilmi namaa wal fuudhu, Jaarsaafii jaartii walii taha. Kormaan tokko yoo dhaltuu takka qabate, dhaltuun sun hanga dhumaatti tanuma isaati. Kormaan biroo itti hin dhihaatu.Kanaafuu akka bineensa biroo dhaluu irratti wal loluun hin jiru. Rimayni dhaltuu torbaan 11f kan turu yoo ta’u, yeroo takkaan ilmoolee haga shaniittu dhalachuu danda’a. Ilmooleen dhalatan kunniin rifeensa hin qaban. Akkasumas ijaanis arguu hin danda’an. Ilmoolee dhalatan kana guddisuu fi kunuunsuun dalagaa miseensota garee saniiti. Abbaa fi Haati ilmoolee kanniiniitis, wal gargaaranii ilmoolee isaanii leenjisaa guddisu.


Miirkaat bineensota foon sooratan keessatti ramadama. Kanaafuu gammoojjii san keessa olii gad deemee bineensota xixiqqoo barbaaddata. Bineensi kun argaafi dhageettii, akkasums fuunfachuu irratti akkaan jabaadha. Bineensa adamsamu haala salphaan fageenya irraa beekuu danda’a. Kana booda gara fooliin irraa dhufe san deemee bineensa san qabata. Bineensonni boolla keessatti dhokatanis isa jalaa hin bahan. Fuunfatee bakka isaan jiran eega argeen booda, qeensa isaa jabaa sanitti fayyadamuun qotee boolla keessaa baasee soorata. Sooranni isaatis hedduminnaa, raammolee, ilbiisotaa, lootuu fi tuqaadha.


Miirkaat akkuma ofii isaatii bineensota biroo adamsee sooratutti, innis gama biraatin bineesota hedduun adamsama. Qilleensa gubbaan Culullee fi simbirroota gurguddoon adamsama. Lafa irraa ammoo diinni isaa hamaan bofa gurguddaadha. Kanaafuu rakkina kana jalaa bahuudhaaf yeroo hunda, garee keessaa waardiyyaa isaan eegu qopheeffatu. Yeroo warri kuun waa sooratu, dalagaan wardiyyichaa diina dhufaa jiru too’achuudha. Yoo diina arge ni iyya, miseensonni gareetis fiiganii boolla isaaniitti deebi’u.


Qabxii ijoo uumama kanaa:


Miirkaat uumama xiqqaa seenti meetira 30 dheeratu yoo ta’u, ulfaatinni isaa ammoo Kilograama tokko ta’a.


Uumamni kun garee uumee jiraata. Garee keessattis hundi isaatuu gahee mataa isaa qaba

Naannoon isaan jiraatan gammojjii goggogaa waan ta’eef, bishaan isaan barbaachisu sooratuma nyaatan keessaa argatu.


Dandeettiin waa arguu, dhagahuu fi fuunfachuu Miirkaat akkaan jabaadha.

Qophii Abu Ibtisam

Recent Posts

Faawundeeshiniin Dubartoota Rufeeydaa barattoota 110 eebbisiise.

Rufaida Women's Foundation Guyyaa har’aa Waxabajjii 19-10-2014 (June 26, 2022) barattoota Sagantaa (Diploama in Islamic…

1 week ago

Seenaa Gabaabaa Perezdaantii Majlisa Oromiyaa

Sheikh Jamaal Muusaa Jiloo jedhaman. Sheikh Jamaal bara 1955 A.L.I Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti…

2 weeks ago

Iddoon Dorgommiin Qur’aanaa itti geggeeffamu Istaadiyeemii Finfinnee irraa jijjirame

Dorgommiin Qur’aanaa Idil addunyaa yeroo jalqabaatiif jimaata irraa jalqabee Itiyoophiyatti geggeeffamaa jiru, sagantaan cuffinsaa guyyaa…

4 weeks ago

Saatalaayitii

Biyyi teenya Itiyoophiyaan waggaa sadi dura, saatalaayitii takka gargaarsa mootummaa Chaaynaatiin gara hawaa erguun isii…

4 weeks ago

Biyyoota Buna Dhuguun keessatti yakka ture

Yeroo ammaa kanatti buna dhuguun baramaadha. Dhugaatii haalaan jaalatamus taheera. Namni hundi buna dhuguu baatus…

4 weeks ago

Waraana addunyaa lammaffaa

Lola Raashiyaa fi Yukreen jiddutti geggeeffamaa jiru dabalatee walitti gaarrifannaan  Iraanii fi Ameerikaa jiddutti yeroo…

4 weeks ago