Haroo Baykal

Lafti irra jiraannu tun irra caalaan isii bishaaniin uwwifamee jira. Lafa tanarraa Parsantii 71.6 kan ta’u qaamma bishaaiiti. Kan hafe parsantiin 29.4 lafa bishaan hin qabne. Kunis dhagaa fi biyyee garagaraatiin uwwifamee jira. Qaamman bishaanii kanneen akka lagaa, haroo, galaanaa fi garbaa hedduminaan dachii teenya gubbaatti diriiranii mul’atan. Lafa keessattis bishaan heddu akka argamu qorannoon garagaraa nu mul’isa. Lafa bishaaniin akkanatti marfamte keessatti Rabbiin keenya nu eegee nu jiraachisutti jira. Bishaan ilma namaatiif akkaan barbaachisaadha. Akkuma beekamu ilmi namaa soorata malee guyyaa heddu jiraachuu ni danda’a. Bishaan malee guyyaa sadi caala namni turu garuu nama akkaan jabaadha. Rabbiin keenyallee, bishaan jireenya keenyaaf akkaan barbaachisu kana heddummeessee nu badhaasee jira. Qaamman bishaanii dachii kanarra jiran keessaa waa’ee haroo tokkoo ilaalla.


Haroon kun Baykal jedhama. Haroo guddicha dachii tanaati. Akkasumas bishaan freshwater yookaan ammoo bishaan sooqidda hin qabne keessaas isa guddaadha. Dabalataanis fageenya qileetiinis sadarkaa duraa irratti argama. Akka dhaabbanni Qorannoo Barnoota Saayinsii fi Aadaa (UNESCOtti), haroo umrii dheeraa qabu jedhamuun galmaayee jira. Haroowwan hedduun isaanii sababa dhoohinsa Volkaanootiin kan uumaman yoo ta’u, haroon kunis sababa Volkaanootiin waggaa miiliyoona 25 dura uumamuu isaa qorannoon ibsee jira.

Haroon Baykal kun jiddu galeessa Eeshiyaatti yookaan Raashiyaa gama Kibbaatti argama. Naannoon inni keessatti argamu Saaybeeriyaa jedhamuudhaan beekkama. Naannoon Saaybeeriyaa ammoo qabbana akkaan hamaa ta’een beekkama. Haa ta’u malee, Haroon Baykal fi naannoon haroo kanaatti argamu oowwaadha. Naannoo qabbanaawaa sanitti Rabbiin keenya qudraa isaatiin oowwa bishaan kana keessaa baasee, naannoo sanis qilleensa mijaawaa qabatee akka turu taasise. Sababa kanaafis wagga waggaan biyyoota Awurooppaa irraa namoonni kumaatamaan laakkawaman naannoo kana daaw’achuudhaaf garas imalan.

Haroon kun bishaan akkaan guddaa qaba. Guddina isaatiinis, haroowwan Ameerikaa kaabaa keessatti argaman shanan walirratti ni caala. Haroon kun, gadi fageenya qileetiin sadarkaa duraa irratti kan argamu yoo ta’u, fageenyi isaatis meetira 1632 ta’a. Hubadhaa, wanti irraa haasayaa jirru waahee garboota gurguddootii miti. Waahee haroo bishaaniiti.

Qaamman bishaanii akka garbaa fi galaanaa kana caala daran gad fagaatu. Waa’ee isaanii yeroo biraa itti deebina. Haroon kun gama tokkoon haga 640km lafarra baldhata. Kunis fageenya Finfinnee irraa haga Naannoo Beenishaangul, Magaalaa Asoosaatti ni dhihaata jechuudha. Bal’inni haroo kanaa kallattii biraatiin ammoo Kilomeetira 79 ta’a. Haroon kun bishaan qulqulluudha. Namni bishaan kana irra dhaabbatee, waan meetira 130 gad fagaatu ijaan arguu ni danda’a jechuudha.


Haroon kun jidduu isaatii eddoola 27 qaba. Eddoola kanniin keessaa inni guddaa kilomeetira 72 dheerata. Eddoola kana irra namoonni haga 1500 kan jiraatan yoo tahu, Kanneen hafan irra garuu namni jiraatu hin jiru. Laggeen Raashiyaa fi Mongooliyaa keessaa ka’uun gara Haroo kanaa yaa’an haga 300 ni tahu. Laggeen kanniin keessa inni guddaan, Laga Selenga jedhamu kan Biyya Mongooliyaa keessa dhufu yoo ta’u, bishaan haroon kun argatu keessa parsantii 50 kan ta’us laga kanarraa dhufa. Lagni haroo kanarraa bishaan qabatee bahu garuu tokko qofa. Innis laga Angaaraa jedhama. Laggeen heddu gara haroo kanaa waan seenaniif, akkasumas kan bahu tokko qofa ta’uu isaatiin, haroon kun yeroo hunda bishaan guutuu qabatee tura.


Haroo kana keessaafi cinatti, akkasumas eddoola 27 haroo kanarra jiran irra lubbu qabeeyyiin gosa heddutu jiraata. Bineensonni naannoo san qofatti argamanis heddudha. Uumama naannoo kanatti argamu keessaa turistoota heddu hawatuudhaan sadarkaa duraa irratti kan argamu Nerpaa jedhama. Uumamni kunis sanyiiwwan Siil keessaa uumama bishaan qulqulluu keessa jiraatuudha. Siilonni biroo bishaan sooqiddaa kan filatan yoo ta’u, uumamni kun garuu bishaan qulqulluu keessa malee jiraatuu hin danda’au.


Raashiyaa fi Mongooliyaan gama Indastriitiin badhaadhuu isaaniitiin wal qabatee, bishaan kanaaf rakkoo guddaa ta’aa akka jiran himamaa jira. Naannoo haroo kanaa ilmi namaa hedduminaan hin qubatu. Sababaa kanaaf balfi Indastriiwwan garagaraa irraa bahu gara haroo kanaa akka yaa’u godhamutti jira. Kunis qulqullina bishaanichaa fi uumama bishaan san keessaa fi cinatti argaman irratti rakkoo guddaa fidaa akka jiru himama.

Qophii Abu Ibtisam

Recent Posts

Faawundeeshiniin Dubartoota Rufeeydaa barattoota 110 eebbisiise.

Rufaida Women's Foundation Guyyaa har’aa Waxabajjii 19-10-2014 (June 26, 2022) barattoota Sagantaa (Diploama in Islamic…

1 week ago

Seenaa Gabaabaa Perezdaantii Majlisa Oromiyaa

Sheikh Jamaal Muusaa Jiloo jedhaman. Sheikh Jamaal bara 1955 A.L.I Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti…

2 weeks ago

Iddoon Dorgommiin Qur’aanaa itti geggeeffamu Istaadiyeemii Finfinnee irraa jijjirame

Dorgommiin Qur’aanaa Idil addunyaa yeroo jalqabaatiif jimaata irraa jalqabee Itiyoophiyatti geggeeffamaa jiru, sagantaan cuffinsaa guyyaa…

4 weeks ago

Saatalaayitii

Biyyi teenya Itiyoophiyaan waggaa sadi dura, saatalaayitii takka gargaarsa mootummaa Chaaynaatiin gara hawaa erguun isii…

4 weeks ago

Biyyoota Buna Dhuguun keessatti yakka ture

Yeroo ammaa kanatti buna dhuguun baramaadha. Dhugaatii haalaan jaalatamus taheera. Namni hundi buna dhuguu baatus…

4 weeks ago

Waraana addunyaa lammaffaa

Lola Raashiyaa fi Yukreen jiddutti geggeeffamaa jiru dabalatee walitti gaarrifannaan  Iraanii fi Ameerikaa jiddutti yeroo…

4 weeks ago